Dhimma ijoo ta'etti seeni

Yihowaan Eenyu Dha?

Yihowaan Eenyu Dha?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Yihowaan Waaqa dhugaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamee fi Uumaa wanta hundumaa ti. (Mulʼata 4:11) Akkuma Yesuus, raajonni akka Abrahaamii fi Musee jiran isa waaqeffataniiru. (Uumama 24:27; Baʼuu 15:1, 2; Yohaannis 20:17) Inni Waaqa saba tokkoo qofa utuu hin taʼin, Waaqa “guutummaa biyya lafaa” ti.—Faarfannaa 47:2.

 Akkuma Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame, maqaan Waaqayyo qofti ittiin waamamu Yihowaa dha. (Baʼuu 3:15, NW; Faarfannaa 83:18, NW) Jecha Afaan Ibrootaa “taʼuu” jedhu irra kan dhufe siʼa taʼu, akka hayyoonni hedduun jedhanitti maqaan Waaqayyoo hiika “Akka Taʼu Godha” jedhu kan qabu dha. Hiikni kun gaʼee guddaa Yihowaan Uumaa taʼuudhaanii fi kaayyoo isaa galmaan gaʼuu irratti qabu akka gaariitti kan ibsu dha. (Isaayaas 55:10, 11) Kana malees Kitaabni Qulqulluun qaama maqaa kanaan waamamu, keessumaa immoo waaʼee jaalalaa isaa amala isa guddaa inni ittiin beekamuu hubachuuf nu gargaara.—Baʼuu 34:5-7; Luqaas 6:35; 1 Yohaannis 4:8.

 Afaan Ibrootaatiin maqaan Waaqayyoo kan barreeffamu qubee Afaan Ibrootaa arfan יהוה (YHWH) Teetiraagiraamaatan jedhamaniin siʼa taʼu, Afaan Ingiliffaatiin hiikni maqaa kanaa “Jehovah” [Afaan Oromootiin Yihowaa] dha. Afaan Ibrootaa duriitti maqaan Waaqayyoo akkamitti waamamaa akka ture sirriitti hin beekamu. Haa taʼu malee, Afaan Ingiliffaatiin yeroo dheeraadhaaf maqaa isa “Jehovah” jedhamutti fayyadamaa turaniiru, maqaan kun yeroo jalqabaatiif kan argamu hiika Kitaaba Qulqulluu Wiiliyaam Tiindal isa bara 1530⁠tti qophaaʼe irratti dha. a

Maqaan Waaqayyoo qooqa Afaan Ibrootaa bara duriitti tureen akkamitti akka waamamu kan hin beekamne maaliifi?

 Afaan Ibrootaa bara durii kan barreeffamu dubbachiiftuu malee, dubbifamaa qofatti fayyadamuudhaan ture. Namni Afaan Ibrootaa dubbatu yeroo dubbisutti salphaadhumatti dubbachiiftuu isaaf malu galchee dubbisa. Haa taʼu malee, Kitaabni Qulqulluun Afaan Ibrootaa (“Kakuu Moofaa”) barreeffamee yommuu xumuramutti, Yihudoonni tokko tokko maqaa Waaqayyootti fayyadamuun sirrii akka hin taane yaaduu jalqaban. Kanaaf yeroo sagalee isaanii ol kaasanii dubbisanitti caqasni maqaa Waaqayyoo qabu yommuu isaan mudatu, jechoota “Gooftaa” ykn “Waaqayyo” jedhan bakka buusanii dubbisu. Jaarraawwan darbaa ennaa deemanitti barsiifanni kun waan babalʼateef akkaataan maqaan Waaqayyoo itti waamamu inni sirriin suutuma suuta irraanfatamaa dhufe. b

 Namoonni tokko tokko maqaan Waaqayyoo “Yaahwee” jedhamee dubbifamuu akka qabu isaanitti dhagaʼama; kaan immoo haala kana irraa adda taʼeen waamamuu akka dandaʼu dubbatu. Kitaabni Seera Lewwootaa hiikni Afaan Giriikii Maraa Kitaabaa Galaana Soogiddaa gar tokkoo isaa qabate maqaa Waaqayyoo Yaaʼoo jedhee qubee Afaan Giriikiitiin barreesseera. Barreessitoonni Giriikii durii maqaa kana malee maqaawwan kan biroo kan akka Yaaʼee, Yaabee fi Yaaʼooʼaa jedhanii waamuunis sirrii akka taʼe ibsu; sanas taʼe kana maqaan Waaqayyoo Afaan Ibrootaa duriitiin akkamitti waamamaa akka ture sirriitti mirkaneessuu hin dandaʼan. c

Ilaalcha dogoggoraa namoonni hedduun Maqaa Waaqayyoo ilaalchisee qaban

 Ilaalcha dogoggoraa: Maqaa “Yihowaa” jedhu kan galchan hiiktota maqaa kanatti fayyadamani dha.

 Dhugaa jiru: Maqaan Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessatti qubee Afaan Ibrootaa arfaniin (Teetiraagiraamaatanii) barreeffame irratti siʼa 7,000 argama. d Hiikawwan Kitaaba Qulqulluu hedduun sababii tokko malee maqaa Waaqayyoo baasanii maqaa ulfinaa akka “Gooftaa” jedhuun bakka buusaniiru.

 Ilaalcha dogoggoraa: Waaqayyo Inni Hundumaa Dandaʼu maqaan dhuunfaa isa hin barbaachisu.

 Dhugaa jiru: Barreessitoota Kitaaba Qulqulluu hafuura isaatiin geggeessee maqaan isaa Kitaaba Qulqulluu irratti bakkawwan kumaan lakkaaʼaman akka galan kan godhee fi namoonni isa waaqeffatan maqaa isaatti akka fayyadaman kan ajaje Waaqayyo dha. (Isaayaas 42:8, NW; Yoʼel 2:32; Miilkiyaas 3:16; Roomaa 10:13) Waaqayyo raajota sobaa namoonni maqaa isaa akka irraanfatan gochuuf yaalii godhan balaaleffateera.—Ermiyaas 23:27.

 Ilaalcha dogoggoraa: Duudhaa ykn barsiifata Yihudoonni hordofaniin kan kaʼe maqaan Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu keessaa baafamuu qaba.

 Dhugaa jiru: Yihudoonni barreessitoota turan maqaa Waaqayyootti fayyadamuu akka hin barbaanne beekamaa dha. Haa taʼu malee, maqaa kana Kitaaba Qulqulluu isaanii keessaa hin baasne. Kanas taʼe sana Waaqayyo duudhaa namootaa ajajawwan isaatiin wal faallessan akka hordofnu hin barbaadu.—Maatewos 15:1-3.

 Ilaalcha dogoggoraa: Afaan Ibrootaatiin akkamitti akka waamamu sirriitti waan hin beekamneef Kitaaba Qulqulluu keessatti itti fayyadamuu hin qabnu.

 Dhugaa jiru: Akka yaada kanaatti Waaqayyo namoonni qooqa adda addaa dubbatan maqaa isaa haala wal fakkaatuun akka waaman barbaada jechuu dha. Taʼus, tajaajiltoonni Waaqayyoo bara duriitti turanii fi qooqa adda addaa dubbatan maqaa isaa karaa gara garaa waamaa akka turan argisiisa.

 Iyaasuu isa Israaʼel keessatti abbaa firdii ture akka fakkeenyaatti haa ilaallu. Jaarraa jalqabaatti Kiristiyaanonni Afaan Ibrootaa dubbachaa turan Yehoshuwaa jedhanii isa waamu turan; warri Afaan Giriikii dubbatan immoo Yesoos jedhanii isa waamu turan. Kitaabni Qulqulluun maqaa Iyaasuu Afaan Ibrootaa Afaan Giriikiitiin maal akka jedhamu ibseera; kunis Kiristiyaanonni maqaa akkuma qooqa isaaniitti barameen waamuun isaanii fudhatama kan qabu akka ture argisiisa.—Hojii Ergamootaa 7:45; Ibroota 4:8.

 Dhugaan buʼuuraa kun maqaa Waaqayyoo hiikuu irrattis ni hojjeta. Akkaataa maqaan Waaqayyoo sirriitti itti waamamu caalaa wanti nu yaaddessuu qabu maqaan kun iddoo isaa isa sirrii taʼe irratti galuu isaa ti.

a Tiindal hiika kitaabota Kitaaba Qulqulluu jalqabaa shanan irratti maqaa “Iehouah” jedhutti fayyadameera. Yeroo booda Afaan Ingiliffaa jijjiiramaa kan dhufe siʼa taʼu, qubeen maqaa Waaqayyoos fooyyaʼaa dhufe. Fakkeenyaaf bara 1612⁠tti Henarii Eyiinisworz kitaaba Faarfannaa yeroo hiiketti, akkaataa barreeffamaa “Iehovah” jedhutti fayyadameera. Bara 1639⁠tti yeroo hiikkaa kana fooyyessetti, akkaataa barreefamaa “Jehovah” jedhutti fayyadameera. Haaluma wal fakkaatuun namoonni Hiika Kitaaba Qulqulluu American Standard Version jedhamuu fi bara 1901⁠tti maxxanfame hiikan, bakka maqaan Waaqayyoo Kitaaba Qulqulluu Afaan Ibrootaa keessatti argamu hundatti akkaataa barreeffamaa “Jehovah” jedhutti fayyadamaniiru.

b The New Catholic Encyclopedia, Maxxansa Lammaffaa, Jildii 14, fuula 883-884 akkana jedha: “Boojuudhaan fudhatamuun erga hafee yeroo muraasa booda maqaan Yaahwee jedhu maqaa baayʼee qulqulluu taʼe akka taʼetti ilaalamuu jalqabe; kanaaf maqaan kun jechoota ADOONAAYI ykn EELOOHIIM jedhaniin bakka buufamuu jalqabe.”

c Odeeffannoo dabalataa argachuuf birooshura Barreeffama Dubbii Waaqayyoo Qayyabachuuf Gargaaru jedhamu irraa mata duree “Maqaa Waaqayyoo Caaffata Qulqullaaʼoo Afaan Ibrootaa Keessatti” jedhu ilaali.

d Theological Lexicon of the Old Testament, Jildii 2, fuula 523-524 ilaali.