Dhimma ijoo ta'etti seeni

Miseensa Dhaabbata Amantii Tokkoo Taʼuun Barbaachisaa Dhaa?

Miseensa Dhaabbata Amantii Tokkoo Taʼuun Barbaachisaa Dhaa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

 Eeyyee, sababiin isaas Waaqayyo namoonni waaqeffannaadhaaf akka walitti qabaman barbaada. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Jaalalaa fi hojii gaariidhaaf wal kakaasuuf, xiyyeeffannaa waliif haa kenninu; . . . walitti qabamuu keenya hin dhiisnu.”—Ibroota 10:24, 25.

 Yesuus, “Jaalala yoo waliif qabaattan, kanaan namoonni hundinuu akka isin bartoota koo taatan in beeku,” jedhee dubbachuun isaa, duuka buutonni isaa garee qindaaʼe tokko akka hundeessan argisiisa. (Yohaannis 13:35) Karaan inni guddaan barattoonni Kiristoos jaalala akkasii argisiisuu itti dandaʼan, namoota hidhata amantii isaanii taʼan wajjin walitti qabamuu dha. Yeroo hunda waliin taʼanii waaqeffachuuf gumiiwwan hundeessuun isaan barbaachisa. (1 Qorontos 16:19) Gumiiwwan hedduun kun immoo walitti waldaa obbolummaa addunyaa maraa argamsiisu.—1 Pheexiros 2:17.

Miseensa dhaabbata amantii tokkoo taʼuu caalaa wanti gochuu qabnu jira

 Kitaabni Qulqulluun, namoonni Waaqayyoon waaqeffachuuf walitti qabamuu akka qaban kan jajjabeessu taʼus, namni tokko miseensa dhaabbata amantii tokkoo taʼuun isaa qofti Waaqayyoon akka gammachiisu hin barsiisu. Namni tokko Waaqayyo duratti fudhatama argachuuf, guyyaa guyyaatti jireenya isaa akka amantaan isaa jedhutti geggeessuu qaba. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Akka ilaalcha Waaqa keenyaa fi Abbaa keenyaatti waaqeffannaan qulqulluu taʼee fi xurii hin qabne isa kana: Ijoollee warra hin qabnee fi dubartoota abbootiin manaa irraa duʼan rakkina isaanii irratti gargaaruu, akkasumas xurii addunyaa irraa of eeguu dha.”—Yaaqoob 1:27.