Dhimma ijoo ta'etti seeni

GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU

Aarii Kee Toʼachuu kan Dandeessu Akkamitti?

Aarii Kee Toʼachuu kan Dandeessu Akkamitti?

 Hiriyaan gaaʼelaa kee wanta si aarsu yommuu dubbatu ykn raawwatu aarii kee dhoksuuf yaalii goota taʼa. Yeroo kanatti hiriyaan gaaʼelaa kee rakkinni tokko akka jiru waan itti dhagaʼamuuf dhimmicha beekuuf yaalii godha. Kun immoo caalaatti si aarsa. Haala ulfaataa akkasii keessatti aarii kee toʼachuu kan dandeessu akkamitti?

 Wanta beekuu qabdu

  •   Aariin akka si mooʼu heyyamuun fayyaa kee miidhuu dandaʼa. Qorannoowwan akka argisiisanitti aarii toʼachuu dhabuun dhukkuboota akka dhiibbaa dhiigaa, dhukkuba onnee fi dhiphina sammuutiif nama saaxiluu akkasumas nyaanni akka hin daakamne gochuu dandaʼa. Aariin rakkoowwan akka hirriba dhabuu, yaaddoo dabaluu, rakkoowwan gogaa qaamaa fi dhiigni sammuutti dhangalaʼuu wajjinis wal qabata. Kitaabni Qulqulluunis, “Dheekkamuu irraa of dhowwi . . . , inni hamaa hojjechuu duwwaatti waan si geessuuf hin aarin!” kan jedhu kanaafi.—Faarfannaa 37:8.

  •   Aarii ukkaamsuunis miidhaa geessisuu dandaʼa. Aaruu keenya kan itti fufnu yoo taʼe, aariin akkasii dhukkuba keessa qaamaa miidhu wajjin wal fakkaachuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, ilaalchi shakkii fi komiin si keessatti guddachaa adeemuu dandaʼa. Ilaalchi akkasii hiriyaa gaaʼelaa kee wajjin jiraachuun akka sitti ulfaatu taasisa; kun immoo gaaʼela keessan rakkoo irra buusuu dandaʼa.

 Maal gochuu dandeessa?

  •   Amalawwan gaggaarii hiriyaa gaaʼelaa kee irratti xiyyeeffadhu. Amalawwan hiriyaan gaaʼelaa kee qabu keessaa kan baayʼee dinqisiifattu sadi barreessi. Yeroo itti aanu wanta hiriyaan gaaʼelaa kee godhetti yommuu aartu amalawwan kanaan dura barreessite irratti yaadi. Kunis aarii kee toʼachuuf si gargaaruu dandaʼa.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Kan galateeffattan taʼuu keessan argisiisaa.”—Qolosaayis 3:15.

  •    Amala waliif dhiisuu horadhu. Jalqaba, bakka hiriyaa gaaʼelaa kee of kaaʼuudhaan dhimmicha ilaaluuf yaali. Kun immoo amala namaaf gadduu isa Kitaabni Qulqulluun ‘miira walii hubachuu’ jechuudhaan ibsu guddifachuuf si gargaara. (1 Pheexiros 3:8) Achiis, akkana jedhii of gaafadhu, ‘Dhuguma wanti na aarse dhiifama gochuuf kan ulfaatu dhaa?’

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: ‘Balleessaa irra namaaf darbuun ulfina.’—Fakkeenya 19:11.

  •    Miira kee gaarummaa fi malaan ibsi. Jecha “Ani” jedhutti fayyadami. Fakkeenyaaf, “Ati namaaf hin yaaddu, eessa akka jirtu illee bilbiltee natti hin himne,” jechuu mannaa, “Waan barfatteef, anis bakka jirtu waanan hin beekneef waa taatee laata jedheen sodaadhe,” jedhi. Yaada kee gaarummaadhaan ibsuun aarii kee toʼachuuf si gargaaruu dandaʼa.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Dubbiin keessan yeroo hunda gurratti kan toluu fi soogiddaan kan miʼeeffame haa taʼu.”—Qolosaayis 4:6.

  •    Kabajaan dhaggeeffadhu. Erga miira kee ibsitee booda, deebii hiriyaan gaaʼelaa kee kennu utuu gargar hin kutin dhaggeeffadhu. Yommuu hiriyaan gaaʼelaa kee dubbatee xumuru, sirriitti akka dhaggeeffatte akka beekuuf yaadicha irra deebiʼiif. Tarkaanfii salphaan akkasii kun, jechuunis sirriitti dhaggeeffachuun aarii kee akka toʼattu si gargaaruu irratti gaʼee guddaa qabaachuu dandaʼa.

     Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: “Dhaggeeffachuuf ariifataa, dubbachuuf suuta jedhaa [taʼaa].”—Yaaqoob 1:19.