Dhimma ijoo ta'etti seeni

Macaafni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Hiika Sirriidhaa?

Macaafni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa Hiika Sirriidhaa?

 Macaafni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa kutaan inni jalqabaa bara 1950tti baʼe. Macaafni kun iddoo tokko tokkotti hiikawwan Macaafa Qulqulluu kaanirraa adda waan taʼeef, namoonni tokko tokko yeroo sanaa kaasee sirrii taʼuusaarratti gaaffii kaasanii ykn yaada dhiheessanii a turan. Garaagarummaan akkasii uumamuu kan dandaʼu yeroo baayʼee sababiiwwan armaan gadii keessaa isa tokkorratti hundaaʼeeti.

  •   Itti amanamuun kan dandaʼamu. Macaafni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa qorannoo dhiheenyatti godhameefi barreeffamoota durii harkaan barreeffaman irratti kan hundaaʼedha. Kanarraa haala adda taʼeen, Macaafni Qulqulluun Kiingi Jamsi Varshin jedhamuufi bara 1611tti qophaaʼe barreeffamoota harkaan barreeffaman irraa kan fudhatame taʼus, barreeffamoonni kun sirrii taʼuunsaanii kan nama shakkisiisuufi warra Macaafni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa irraa fudhate booda kan barreeffamanidha.

  •   Amanamummaa. Namoonni Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa qopheessan, ergaa Macaafa Qulqulluu isa jalqaba hafuura Waaqayyootiin barreeffamerra jiru sirriitti dabarsuuf carraaqqii godhaniiru. (2 Ximotewos 3:​16) Namoonni Macaafa Qulqulluu hiikan hedduun aadaa namootaa hordofuuf jedhanii ergaa Waaqayyo barreessiseef amanamoo utuu hin taʼin hafaniiru; fakkeenyaaf maqaa Waaqayyoo isa Yihowaa jedhamu Macaafa Qulqulluu keessaa baasuudhaan, maqaawwan ulfinaa kan akka Gooftaafi Waaqayyo jedhaniin bakka buusaniiru.

  •   Kallattiidhaan hiikuu. Namoonni Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa qopheessan, hiikkaawwan Macaafa Qulqulluu yaadasaa karaa gara biraatiin ibsanirraa haala adda taʼeen, yaada Macaafa Qulqulluu isa jalqaba barreeffamerra jiru hamma hin dhoksinetti ykn wanta hiika hin qabne hamma hin taanetti jechaa jechatti hiikuuf yaalii godhaniiru. Yaada Macaafa Qulqulluu isa jalqaba barreeffamerra jiru karaa garabiraatiin ibsuuf yaaluun yaadni namootaa akka keessa seenu ykn qabxiin barbaachisaa taʼe akka hafu gochuu dandaʼa.

Garaagarummaa Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa fi Macaafa Qulqulluu garabiraa gidduu jiru

 Kitaabota irraa hirʼifaman. Kaatolikiin Roomaafi Ortodoksiin Macaafa Qulqulluusaanii keessatti kitaabota dabalataa yeroo baayʼee Appookiriifaa jedhaman dabalaniiru. Haataʼu malee, kitaabonni kun seera Yihudootaa biratti fudhatama hin qaban, Macaafni Qulqulluun immoo ‘sagaleen abdii Waaqayyoo Yihudootatti hadaraa akka kenname dubbata.’ (Roomaa 3:​1, 2) Kanaaf, Macaafni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraafi Macaafonni Qulqulluun dhiheenyatti hiikaman hedduun kitaabota dabalataa appookiriifaa jedhaman kana Macaafa Qulqulluutti dabaluu dhiisuunsaanii sirriidha.

 Lakkoofsota irraa hirʼifaman. Hiikawwan Macaafa Qulqulluu tokko tokko lakkoofsota Macaafa Qulqulluu jalqaba barreeffamerra hin jirre kan itti dabalan siʼa taʼu, Macaafni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa garuu lakkoofsota kana itti hin daballe. Hiikawwan Macaafa Qulqulluu hedduunis lakkoofsota yeroo booda itti dabalaman kana keessaa baasaniiru ykn Macaafa Qulqulluu isa jalqabaarra akka hin jirre ibsaniiru. b

 Jechoota garaagaraatti fayyadamuu. Yeroo tokko tokko jechaa jechatti hiikuun ifa taʼuu dhiisuu ykn yaada dogoggoraa dabarsuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, jechi Yesus dubbateefi Maatewos 5:3⁠rratti argamu, “Karaa hafuuraatti hiyyeessota warri taʼan eebbifamoo dha” jedhamee hiikameera. (English Standard Version; King James Version; New International Version) Namoonni hedduun yaada “karaa hafuuraatti hiyyeessota warri taʼan” jedhu kan hin hubanne siʼa taʼu, tokko tokkommoo Yesus faayidaa amala gad of deebisuu argisiisuun ykn hiyyeessa taʼuun qabu ibsaa jira jedhanii yaadu. Haataʼu malee, asirratti Yesus gammachuu dhugaan kan argamu qajeelfamni Waaqayyoo akka nu barbaachisu hubachuurraa akka taʼe dubbachaa ture. Macaafni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa, “Warri wantoonni hafuuraa akka isaan barbaachisan hubatan” jechuudhaan hiikeera.​—Maatewos 5:3. c

Yaada gaarii qorattoonni Dhugaa Baatota Yihowaa hin taane Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraarratti kennan

  •   Xalayaa Muddee 8, 1950 barreeffamerratti, hayyuu Macaafa Qulqulluu kan taʼan Iidgar Joonsan Gudispiid Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa, isa kakuu haaraa ilaalchisee akkas jechuudhaan dubbataniiru: “Hojiin namoonni keessan hojjetan baayʼee natti tola, addunyaa maratti kan hojjetamudha, akkasumas hiikni keessanis kan namatti tolu, ifa kan taʼeefi ergaa cimaa kan dabarsudha. Yaadawwan baayʼee barbaachisoo taʼan ifa kan godhudha jedhee dubbachuu nan dandaʼa.”

    Iidgar Joonsan Gudispiid

  •   Piroofeesar Alan Wiikgiran, Macaafni Qulqulluun Hiikni Addunyaa Haaraa loqoda ammayyaatiin kan qophaaʼe siʼa taʼu, hiikawwan kan biraa irraa kan fudhatame utuu hin taʼin, “akkaataa dhiheenyaa mataasaa kan qabu” akka taʼe Yunivarsiitii Chiikaagoorraa dubbataniiru.​—The Interpreter’s Bible, jildii 1, fuula 99.

  •   Jiraataa Biritaaniyaa kan taʼan Aleeksaandar Toomsan, Macaafa Qulqulluu kan qeeqan taʼus, Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa, isa kakuu haaraa ilaalchisee akkas jechuudhaan barreessaniiru: “Hiikni kun, hojii hayyoonni dandeettii cimaa qabaniifi hamma afaan Ingiliffaa ibsuu dandaʼetti, yaada barreeffama afaan Giriikiirra jiru sirriitti ibsuu dandaʼan hojjetanidha.”​—The Differentiator, Ebla 1952, fuula 52.

  •   Barreessaan Chaarlis Firaansis Pooter jedhamanis, yaadawwan haaraa itti taʼan akka jiran kan isaanitti dhagaʼame taʼus, akkas jedhaniiru: “Hiiktonni maqaansaanii hin ibsamne kun, qorannoo cimaa gochuufi yaadasaa sirriitti hubachuuf yaalii gochuudhaan yaada Macaafa Qulqulluu afaan Giriikiis taʼe afaan Ibrootaa jalqaba barreeffamerra jiru sirriitti dabarsaniiru.”​—The Faiths Men Live By, fuula 300.

  •   Roobarti Maakoy, Macaafni Qulqulluun Hiikni Addunyaa Haaraa wantoota keessummaa taʼan kan qabu taʼus, gaarii akka taʼe erga ibsanii booda akkas jedhaniiru: “Namoonni Kakuu Haaraa kana hiikan [Dhugaa Baatonni Yihowaa], rakkina hiikkaa Macaafa Qulqulluu keessatti nama mudatu hunda akka gaariitti moʼaniiru.”​—Andover Newton Quarterly, Amajjii 1963, fuula 31.

  •   Proofesar Saamuʼeel Maakliin Giilmoor, akkaataa Macaafni Qulqulluun Hiikni Addunyaa Haaraa wantoota tokko tokko itti hiike kan isaanitti hin tolle taʼus, namoonni macaaficha hiikan ‘afaan Giriikii sirriitti akka beekan’ dubbataniiru.​—Andover Newton Quarterly, Fulbaana 1966, fuula 26.

  •   Gargaaraa Piroofeesaraa kan taʼan Toomaas Wiinter Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa, isa Macaafa Qulqulluu Kingdom Interlinear Translation of the Greek Scriptures jedhamu keessatti argamu yeroo qoratanitti, “Hiikni namoonni maqaasaanii ibsuu hin barbaanne hiikan kun, kan yeroon itti hin darbineefi sirrii kan taʼedha” jedhanii barreessaniiru.​—The Classical Journal, Ebla-Caamsaa 1974, fuula 376.

  •   Israaʼel keessatti hayyuu afaan Ibrootaa kan taʼan Piroofeesar Beenjaamiin Keedaar, bara 1989tti akkas jedhaniiru: “Macaafa Qulqulluu Afaan Ibrootaafi Macaafota afaan kanarraa hiikamanii wajjin haala wal qabateen qorannaan taasisu keessatti, yeroo baayʼee Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa isa afaan Ingiliffaatiin qophaaʼen ilaala. Yeroo kanatti, Macaafni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa yaadasaa hanga dandaʼametti karaa sirrii taʼeen kaaʼuuf carraaqii cimaa akka godhen hubadha.”

  •   Qorannoo amantiirratti Gargaaraa Piroofeesaraa kan taʼan Jeesan Deevid Beedan, hiikawwan Macaafa Qulqulluu sagalirratti qorannaa godhanirratti hundaaʼuudhaan akkas jechuudhaan barreessaniiru: “Macaafni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa hiikawwan kan biraa wajjin yommuu wal bira qabamu kan akkasaa sirrii taʼe hin jiru.” Namoonni kaaniifi hayyuuleen Macaafa Qulqulluu hedduun, Macaafni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa iddoowwan tokko tokkotti adda kan taʼe, namoonni hojii hiikkaa macaafa kanaarratti hirmaatan yaadnisaa amantiisaanii wajjin akka wal simu gochuuf waan yaalaniif akka taʼetti kan dubbatan taʼus, Deeviid Beedan akkas jedhaniiru: “Garaagarummaan uumaman hedduun, Macaafni Qulqulluun Hiika Addunyaa Haaraa, yaada namoonni kakuu haaraa jalqaba barreessan dabarsuu barbaadan kallattiidhaan waan kaaʼeefidha.”​—Truth in Translation, fuula 163, 165.

a Yaadawwan kennaman Macaafa Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa Ingiliffaan qophaaʼeefi isa bara 2013tti fooyyeffamee qophaaʼe dura ture kan ilaallatudha.

b Fakkeenyaaf, Macaafa Qulqulluu New International Version jedhamuufi New Jerusalem Bible jedhamu ilaali. Caqasoonni itti dabalaman Maatewos 17:21; 18:11; 23:14; Maarqos 7:​16; 9:​44, 46; 11:26; 15:28; Luqaas 17:36; 23:17; Yohannis 5:4; Hojii Ergamootaa 8:​37; 15:34; 24:7; 28:29 fi Roomaa 16:24 dha. Macaafni Qulqulluun King James Version fi Douay-Rheims Version, 1 Yohannis 5:​7, 8rratti, yaada waaʼee sadan waaqa tokkoo ibsu kan itti dabalan Macaafni Qulqulluun erga barreeffamee waggoota dhibbaan lakkaaʼaman boodadha.Fakkeenyaaf, Macaafa Qulqulluu New International Version jedhamuufi New Jerusalem Bible jedhamu ilaali. Caqasoonni itti dabalaman Maatewos 17:21; 18:11; 23:14; Maarqos 7:​16; 9:​44, 46; 11:26; 15:28; Luqaas 17:36; 23:17; Yohannis 5:4; Hojii Ergamootaa 8:​37; 15:34; 24:7; 28:29 fi Roomaa 16:24 dha. Macaafni Qulqulluun King James Version fi Douay-Rheims Version, 1 Yohannis 5:​7, 8rratti, yaada waaʼee sadan waaqa tokkoo ibsu kan itti dabalan Macaafni Qulqulluun erga barreeffamee waggoota dhibbaan lakkaaʼaman boodadha.

c Macaafni Qulqulluun Joon Bertiram Filiipsi jedhamus yaada Yesus dubbate “warri Waaqayyo akka isaan barbaachisu hubatan” jechuudhaan kan hiike siʼa taʼu, Macaafni Qulqulluun The Translator’s New Testament jedhamummoo “Warri wanti hafuuraa akka isaan barbaachisu beekan” jechuudhaan hiikeera.