Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhugaa Baatonni Yihowaa Wantoota Itti Amanan Tokko Tokko kan Jijjiiran Maaliifi?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Wantoota Itti Amanan Tokko Tokko kan Jijjiiran Maaliifi?

 Wantoonni itti amannu hundi yoom iyyuu guutummaatti Kitaaba Qulqulluu irratti kan hundaaʼe waan taʼeef, hubannaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe haaraa yommuu argannu wantoota itti amannu irratti sirreeffama goona. a

 Jijjiiramawwan akkasii yaada Kitaaba Qulqulluu Fakkeenya 4:18 irratti “Daandiin qajeelotaa akka ifa barii ganamaa, isa yeroo biiftuun baatee ol adeemtu, ittuma ifaa ol adeemuu ti” jechuudhaan ibsamee wajjin kan wal simani dha. Ifni aduu caalaatti ifaa yommuu deemu wantoonni bakka tokko jiran ifatti mulʼachaa akkuma deeman, dhugaan Dubbii Waaqayyoo keessa jirus yeroo Waaqayyo murteessetti suutuma suuta ifa nuuf taʼaa adeema. (1 Pheexiros 1:10-12) Akkuma Kitaabni Qulqulluun raajii dubbate Waaqayyo ‘bara isa dhumaatti’ kana ariifachiiseera.—Daaniʼel 12:4.

 Hubannaa qabnu irratti jijjiiramni godhamuun isaa nu dinqisiisuus taʼe nu jeequu hin qabu. Tajaajiltoonni Waaqayyoo bara duriitti turanis yeroon hubannaan dogoggoraa isaan qaban irratti sirreeffama gochuun isaan barbaachise jira ture.

 Waaqayyo yeroo booda hubannaa dogoggoraa tajaajiltoonni isaa qaban akka sirreessan isaan gargaareera; nuunis nu gargaaruu isaa akka itti fufu ni kadhanna.—Yaaqoob 1:5.

a Hubannaa dogoggoraa kanan dura yaadawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko irratti qabnu dhoksuuf yaalii hin goonu. Siruma iyyuu, wantoota sirreeffaman kana galmeessinee barreeffamoota keenya irratti baasna. Fakkeenyaaf, barreeffamoota jijjiirama hubannaa keenya irratti goone qabatan, Barreeffama Qorannaa keenya irraa mata duree Dhugaa Baatota Yihowaa\Ilaalchaa fi Amantii\Hubannaa Haaraa Amantii Keenya Ilaalchisee Arganne jedhu jalaa ilaaluu dandeessa.