Dhimma ijoo ta'etti seeni

Dhugaa Baatonni Yihowaa Wal Qorachuu Ilaalchisee Seera Mataa Isaanii Qabuu?

Dhugaa Baatonni Yihowaa Wal Qorachuu Ilaalchisee Seera Mataa Isaanii Qabuu?

 Dhugaa Baatonni Yihowaa seerawwan buʼuuraa fi ajajawwan Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman murtoo Waaqayyoon gammachiisuu fi nuunis fayyadu gochuuf akka nu gargaaran amanu. (Isaayaas 48:17, 18) Seerawwan buʼuuraa fi ajajawwan mataa keenyaa hin baasnu, garuu ittiin jiraanna. Mee seerawwan buʼuuraa fi ajajawwan kana keessaa tokko tokko wal qorachuu wajjin akkamitti akka wal qabatan haa ilaallu. a

  •   Gaaʼelli walitti dhufeenya dhaabbataa dha. (Maatewos 19:6) Nuti Dhugaa Baatonni Yihowaa wal qorachuun tarkaanfii gara gaaʼelaatti geessu akka taʼetti waan ilaalluuf, akka laayyootti hin ilaallu.

  •   Wal qorachuu kan qabu namoota umuriin isaanii gaaʼelaaf gaʼe qofa dha. Namoonni akkasii umurii dargaggummaa irra kan darban, jechuunis yeroo itti fedhiin saalaa gar malee itti guddatu irra kan darban taʼuu qabu.—1 Qorontos 7:36, Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa.

  •   Warri wal qoratan gaaʼela dhaabbachuudhaaf bilisa kan taʼan taʼuu qabu. Qajeelfamni Waaqayyoo wal hiikuudhaaf sababa kan taʼu ejja qofa akka taʼe waan ibsuuf, Waaqayyo namoonni seeraan wal hiikan nama kan biraa wajjin gaaʼela dhaabbachuuf bilisummaa akka qabanitti isaan hin ilaalu.—Maatewos 19:9.

  •   Kiristiyaanonni gaaʼela dhaabbachuu barbaadan, warra wajjin waaqeffatan keessaa qofa filachuu akka qaban ajajamaniiru. (1 Qorontos 7:39) Dhugaa Baatonni Yihowaa gaaʼela dhaabbachuu kan qaban nama wantoota itti amannu kabajuu wajjin utuu hin taʼan, nama Dhugaa Baatuu cuuphame taʼuudhaan wantoota itti amannu kana hordofuu fi hojii irra oolchuu wajjin akka taʼe beeku. (2 Qorontos 6:14) Waaqayyo durii kaasee waaqeffattoonni isaa gaaʼela dhaabbachuu kan qaban namoota amantii isaanii hordofanii wajjin qofa taʼuu akka qabu ajajaa tureera. (Uumama 24:3; Miilkiyaas 2:11) Ajajawwan kun faayida qabeessa akka taʼan qorattoonni ammayyaa bira gaʼaniiru. b

  •   Ijoolleen warra isaaniitiif abboomamuu qabu. (Fakkeenya 1:8; Qolosaayis 3:20) Ajajni kun, ijoolleen mana warra isaanii jiraatan, wal qorachuu ilaalchisees murtoo warra isaaniitiif ajajamuu akka qaban kan argisiisu dha. Kun immoo umurii ilmi ykn intalli tokko wal qorachuu itti jalqabanii fi sochiiwwan heyyamaman kan dabalatu dha.

  •   Dhugaa Baatonni wal qorachuu jalqabuu fi dhiisuu, akkasumas eenyuu wajjin wal qorachuu akka qaban ilaalchisee qajeelfamawwan Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼuudhaan murtoo dhuunfaa isaanii godhu. Kun immoo seera buʼuuraa, “Namni adduma addaan waan ofii isaatii baatu qaba” jedhuu wajjin kan wal simu dha. (Galaatiyaa 6:5) Taʼus, hedduun isaanii Dhugaa Baatota bilchaatoo taʼanii fi isaaniif yaadan gorsa gaafatu.—Fakkeenya 1:5.

  •   Wantoonni yeroo wal qorachuutti raawwataman hedduun cubbuu cimaa dha. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun ejja irraa akka fagaannu ajaja. Kun saalqunnamtii qofa utuu hin taʼin, wantoota namoota wal hin fuune gidduutti raawwataman kan akka qaama saalaa nama kan biraa qaqqabuu fi saalqunnamtii afaaniin ykn karaa munnee raawwatamu kan dabalatu dha. (1 Qorontos 6:9-11) Gaaʼela dura wantoota garmalee fedhii saalaa kakaasan raawwachuun “xuraaʼummaa” siʼa taʼu, Waaqayyoon ni gaddisiisa. (Galaatiyaa 5:19-21) Kitaabni Qulqulluun haasaa gadhee ‘dubbii nama yeellaasisu’ of keessaa qabus ni balaaleffata.—Qolosaayis 3:8.

  •   Garaan namaa ykn keessi namaa jalʼaa dha. (Ermiyaas 17:9) Namni tokko wanta dogoggora taʼuu isaa beeku akka raawwatu isa gochuu dandaʼa. Namoonni wal qorachaa jiran lama garaan isaanii akka isaan hin dogoggorsineef, haalawwan qorumsa itti taʼuu dandaʼan keessatti kophaa isaanii taʼuu irraa of qusatu. Namoota hedduu wajjin taʼuudhaan ykn bakka namoonni kan biraan jiranitti waliin dabarsuudhaan ajaja kana hojii irra oolchuu dandaʼu. (Fakkeenya 28:26) Kiristiyaanonni qeenteen hiriyaa gaaʼelaa barbaaddachaa jiran, toora Intarneetii irratti wal qorachuun, keessumaa immoo nama waaʼee isaa baayʼee hin beeknee wajjin wal qorachuun miidhaa akkamii akka geessisu ni hubatu.—Faarfannaa 26:4.

a Wal qorachuun aadaa tokko tokko keessatti kan beekamu taʼus, iddoo kaanitti garuu beekamaa miti. Kitaabni Qulqulluun wal qorachuun akka nu barbaachisu ykn karaan gara gaaʼelaatti geessu isa qofa akka taʼe hin dubbatu.

b Fakkeenyaaf, mata dureen barruu Marriage & Family Review (Gaaʼelaa fi Maatii) jedhamu irratti baʼe tokko akkana jedha: “Qorannoowwan gaaʼeloota yeroo dheeraadhaaf turan irratti taasifaman sadii akka argisiisanitti, qajeelfama amantii fi amantii wal fakkaataa qabaachuun wantoota buʼuuraa gaaʼelli tokko yeroo dheeraadhaaf (waggaa 25-50 ol) akka itti fufu godhani dha.”—Jildii 38, maxxansa 1, fuula 88 (2005).