Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

GARGAARSA MAATIIDHAAF TAʼU | DARGAGGOOTA

Michoota Dhugaa Qabaachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

Michoota Dhugaa Qabaachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?

HAALA RAKKISAA

Teknooloojiidhaaf galanni haa taʼuutii, yeroo ammaatti yeroo kam iyyuu caalaa namoota hedduu wajjin salphaatti wal qunnamuu dandeessa. Taʼus, walitti dhufeenyi kee cimaa taʼuu dhiisuu dandaʼa. Dargaggeessi tokko akkana jedheera: “Michummaan hiriyoota koo wajjin qabu waan itti fufu natti hin fakkaatu. Abbaan koo garuu, michoota waggoota hedduudhaaf wajjiniin dabarse qaba!”

Yeroo harʼaatti michummaa hamma dhumaatti itti fufuu fi dhugaa taʼe qabaachuun ulfaataa kan taʼe maaliifi?

WANTA BEEKUU QABDU

Rakkina kanaaf teknooloojiinis hamma tokko gumaacha ni godha. Ergaa barreeffamaa walii erguun, akkasumas weebsaayitiin hawaasaa nama nu bira hin jirree wajjin michummaa dhugaa qabaachuun waan dandaʼamu fakkeessaniru. Fuulleetti waliin haasaʼuun, ergaawwan barreeffamaa baayʼee wal jijjiiruudhaan bakka buʼeera. Kitaabni Artificial Maturity (Bilchina Sobaa) jedhamu akkana jedheera: “Namoonni fuulleetti waliin haasaʼuu dhiisaa jiru. Barattoonni yeroo isaanii baayʼinaan kan dabarsan meeshaalee elektirooniksiitti fayyadamuudhaan siʼa taʼu, yeroon waliin dabarsan muraasa dha.”

Al tokko tokko, teknooloojiin namoonni walitti dhihaachuu baatanis, waan walitti dhihaatan akka isaanitti fakkaatu taasisa. Biraayan a inni umuriin isaa waggaa 22 taʼe akkana jedheera: “Yeroo dhihoodhaa asitti, yeroo hunda dursa fudhatee michoota kootiif kan barreessu ana akka taʼen hubadhe. Achiis, isaan keessaa namni hammamii dursa fudhatee akka naa barreessu baruuf, ergaa isaaniif erguun dhiise. Kan naa barreessan muraasa qofa dha. Michoonni koo tokko tokko akka ani yaadaa ture baayʼee waan natti dhihaatan natti hin fakkaatu.”

Haa taʼu malee, ergaa barreeffamaa walii erguunii fi weebsaayitiin hawaasaa, namoota qunnamuu akka itti fuftu gochuudhaan michummaa kee hin cimsuu? Ni cimsa; keessumaa immoo namoota kanaa wajjin qaamaanis kan wal argitu taanaan gaarii dha. Haa taʼu malee yeroo baayʼee weebsaayitiin hawaasaa namoota lama gidduutti riqicha kan ijaaru taʼus, walitti isaan hin dhiheessu.

WANTA GOCHUU DANDEESSU

Michummaa dhugaan maal akka taʼe bari. Kitaabni Qulqulluun, michuu nama “obboleessa caalaa namatti aanu” akka taʼetti ibsa. (Fakkeenya 18:24) Kan ati barbaaddu michuu akkanaa tii? Ati hoo michuu akkanaa tii? Gaaffilee kana deebisuuf akka si gargaaruuf, amaloota michuun kee akka qabaatu barbaaddu sadii barreessi. Achii amaloota ati michuu keetti argisiistu sadii barreessi. Akkana jedhii of gaafadhu: ‘Namootan intarneetiidhaan qunnamu keessaa amaloota ani michuu koo irraa barbaadu kan argisiisu eenyu? Michoonni koo kun ani amala akkamii akkan argisiisu isaanitti dhagaʼama?’—Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: Filiphisiiyus 2:4.

Wanta dursa kennituuf adda baafadhu. Michummaan intarneetii irraa, yeroo baayʼee fedhii wal fakkaatu qabaachuu irratti, fakkeenyaaf sochii yeroo ittiin dabarsuu jaallannu irratti kan hundaaʼe dha. Taʼus, ulaagaa amalaa wal fakkaatu qabaachuun fedhii wal fakkaatu qabaachuu caalaa barbaachisaa dha. Liiyan ishiin umuriin ishii waggaa 21 taʼe akkana jetteetti: “Michoota hedduu hin qabu; taʼus michoonni ani qabu nama fooyyaʼaa taʼuuf fedha akkan qabaadhu kan na gargaarani dha.”—Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: Fakkeenya 13:20.

Namootatti qaamaan dhihaadhu. Fuulleetti waliin haasaʼuun gosa wal qunnamtii kam irra iyyuu gaarii dha; sababiin isaas haala sagalee, miira fuula irraa dubbifamuu fi sochii qaamaa walii hubachuun ni dandaʼama.—Qajeelfama Kitaaba Qulqulluu: 1 Tasaloniiqee 2:17.

Xalayaa barreessi. Kan yeroon itti darbe kan fakkaatu taʼus, xalayaa namaa barreessuun nama tokkoof akka yaadduu fi xiyyeeffannaa hin hihhiramne isaaf kennuu akka barbaaddu kan argisiisu dha. Addunyaa sochiin itti baayʼatu kana keessatti xiyyeeffannaan akkanaa baramaa miti. Fakkeenyaaf, Sharii Terkil kitaaba Ingiliffaa Alone Together jedhamu irratti, waaʼee dargaggeessa umurii isaa keessatti yeroo itti xalayaan isaaf ergame hin yaadanne tokkoo barreessiteetti. “Yeroo sanatti kanan hin dhalanne taʼus, yeroo sana baayʼeen yaada” jechuudhaan waaʼee yeroo itti namoonni xalayaa walii barreessaa turanii dubbateera. Michoota qabaachuudhaaf ‘teknooloojii boodatti hafaa’ kanatti maaliif hin fayyadamtu?

Yaada ijoo: Michummaa dhugaan wal qunnamuudhaan alattis wanta dabalatu qaba. Atii fi michuun kee jaalala fi obsa argisiisuu, akkasumas waliif yaaduu fi dhiifama waliif gochuu qabdu. Amaloonni kun michummaan kan nama kiisu akka taʼu godhu. Taʼus, intarneetiidhaan amaloota kana argisiisuun ulfaataa dha.

a Maqaawwan mata duree kana keessa jiran tokko tokko jijjiiramaniiru.