Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

Fannoo

Fannoo

Namoonni hedduun fannoo akka mallattoo Kiristiyaanummaatti ilaalu. Taʼus, hundi isaanii fannoon mormatti diramuu akka qabu ykn manaa fi waldaa keessa kaaʼamuu akka qabu hin amanan.

Yesuus fannoo irratti duʼee?

NAMOONNI TOKKO TOKKO MAAL JEDHU?

 

Warri Roomaa Yesuusiin kan ajjeesan fannoo muka wal qaxxaamure lama irraa hojjetame irratti dha.

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

 

Yesuus ‘muka irratti fannifamee’ ajjeefame. (Hojii Ergamootaa 5:30) Jechoonni lamaan barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu wanta Yesuus irratti ajjeefame ibsuuf itti fayyadaman, muka lama utuu hin taʼin, muka tokko argisiisu. Akka kitaabni Kiruusifikshin iin Antiikiyutii jedhamu ibsetti, jechi Giriikii Istaawuroos jedhu “yeroo baayʼee utubaa kan argisiisu dha malee, ‘fannoo’ kan argisiisu miti.” Jechi zaayiloon jedhuu fi Hojii Ergamootaa 5:30 irratti hojii irra oole immoo, “muka ykn utubaa solooloo warri Roomaa namoota fannifamuu qaban irratti fannisan” argisiisa. *

Akkasumas, akkaataan Yesuus itti ajjeefame Seera Israaʼelootaa durii wajjin kan wal simu akka taʼe Kitaabni Qulqulluun ni dubbata. Seerichi akkana jedha: “Namni tokko cubbuu duʼa itti farachiisu waan hojjeteef ajjeefamee mukatti yoo rarraafame . . . namni mukatti rarraafame Waaqayyo duratti abaaramaa dha.” (Keessa Deebii 21:22, 23) Phaawulos ergamaan inni Kiristiyaana taʼe, Seericha caqasuudhaan, “‘Namni muka [zaayiloon] irratti fannifamu hundi abaaramaa dha’ jedhamee waan barreeffameef, Kiristoos bakka keenya buʼee abaaramaa [taʼe]” jedhee barreesseera. (Galaatiyaa 3:13) Kanaafuu, Phaawulos Yesuus muka tokko irratti akka fannifame ibseera.

“Muka irratti fannisanii isa ajjeesan.”Hojii Ergamootaa 10:39.

Barattoonni Yesuus Waaqayyoon waaqeffachuuf ykn Kiristiyaanummaa argisiisuuf fannootti fayyadamaniiruu?

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

 

Kitaabni Qulqulluun Kiristiyaanonni jalqabaa mallattoo amantii isaanii akka taʼuuf fannootti akka fayyadaman eessatti iyyuu hin dubbatu. Kanaa mannaa, waaqolii isaanii bakka buusuudhaan fannootti fayyadamaa kan ture warra Roomaa ti. Achiis Yesuus erga duʼee gara waggaa 300 booda Bulchaa Roomaa kan ture Qosxanxinoos mallattoo loltoota isaa gochuudhaan fannootti fayyadamuu jalqabe; sana boodas waldaa “Kiristiyaanaa” wajjin wal makuu jalqabe.

Namoonni saba Waaqayyoo hin taane waaqolii isaanii waaqeffachuuf fannootti fayyadamaa turan erga taʼee, barattoonni Yesuus hoo Waaqa dhugaa waaqeffachuuf fannootti fayyadamaniiruu? Waaqayyo, “bifa qirixame tolfachuudhaan” isa waaqeffachuu akka balaaleffatuu fi Kiristiyaanonni ‘waaqolii tolfamoo waaqeffachuu irraa akka baqatan’ beeku turan. (Keessa Deebii 4:15-19; 1 Qorontos 10:14) “Waaqayyo hafuura” ijaan hin mulʼanne dha. Kanaaf, Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa Waaqayyotti akka isaan dhiheessuuf miʼa ykn mallattootti hin fayyadamne. Kanaa mannaa, hafuura qulqulluu isa ijaan hin argamneen geggeeffamuudhaan, akkasumas fedha Waaqayyoo isa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame irratti hundaaʼanii “hafuuraa fi dhugaadhaan” isa waaqeffachaa turan.—Yohaannis 4:24.

‘Waaqeffattoonni dhugaan hafuuraa fi dhugaadhaan Abbaa waaqeffatu.’ Yohaannis 4:23.

Kiristiyaanonni, Yesuus Kiristoosiif ulfina akka kennan argisiisuu kan qaban akkamitti?

NAMOONNI TOKKO TOKKO MAAL JEDHU?

 

“Meeshaan fayyinni ittiin argame, ulfina addaa argachuu fi kabajamuun isaa sirrii dha. . . . Namni fakkichaaf ulfina guddaa kennu, nama fakkiin sun bakka buʼuufis ulfina guddaa kenna.”—Niiwu Kaatoliik Iinsaayikilooppiidiyaa.

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

 

Duuti Yesuus cubbuu isaaniitiif dhiifama akka argatan, Waaqayyotti akka dhihaatanii fi jireenya bara baraa akka argatan waan isaan dandeessisuuf, Kiristiyaanota irra idaatu jira. (Yohaannis 3:16; Ibroota 10:19-22) Mallattoo Yesuusiin bakka buʼu qopheessuudhaan ykn isatti akka amanan dubbachuudhaan qofa kabaja isaaf qaban akka argisiisan hin ajajamne. Kana malees, “Amantiin hojiidhaan hin deggeramne mataa isaatti duʼaa dha.” (Yaaqoob 2:17) Kiristiyaanonni amantii Yesuus irratti qaban hojiidhaan argisiisuu qabu. Akkamitti?

Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Namni tokko nama hundumaaf akka duʼe waan hubanneef jaalalli Kiristoos nu dirqisiisa . . . Warri lubbuudhaan jiranis isa isaaniif jedhee duʼee fi duʼaa kaafameef malee, kana booda ofii isaaniitiif akka hin jiraanne inni hundumaaf duʼeera.” (2 Qorontos 5:14, 15) Kanaaf, gochi Kiristoos inni jaalala irratti hundaaʼe kun, Kiristiyaanonnis fakkeenya isaa akka hordofan isaan dirqisiisa. Karaa kanaan, mallattoo amantii tokkotti utuu hin fayyadamin, caalaatti Yesuusiif ulfina kennuu dandaʼu.

“Fedhiin Abbaa koo namni Ilma beekee isatti amanu hundi jireenya bara baraa akka qabaatu [dha].”Yohaannis 6:40.

^ KEY. 8 Kitaaba Kiriitikaal Leeksikan eend koonkordaansi tuu za Ingilish eend Giriik Niiwu Teestaamanti jedhamuu fi Eetelberti Buuliingariin qophaaʼe Maxxansa 11ffaa, fuula 818-819.