Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Ogummaa Jireenyaa fi Gammachuu Argamsiisu

Ogummaa Jireenyaa fi Gammachuu Argamsiisu

“Rakkoowwan addunyaa kanneen akka waraanaa, hiyyummaa fi dhukkubaa jiran, akkasumas miidhaa ijoollee irra gaʼu yommuun argu baayʼeen gadda; taʼus abdiin akka jiru beeka.”—RAANII. *

Raaniin waaʼee uumaa keenyaa isa hundumaa dandaʼuu fi madda ogummaa dhugaa taʼee beekuun ishii gammachuu dhugaa ishiidhaaf argamsiiseera. Mata dureewwan kanatti aananii jiran yommuu dubbistu barumsawwan ibsaman gama armaan gadiitiin kan si fayyadan akkamitti akka taʼe hubadhu:

  • Maatii gammachuu qabu horachuuf

  • Namootaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuuf

  • Gammachuu argachuuf

  • Sababa rakkinnii fi duuti itti jiraate beekuuf

  • Abdii amansiisaa qabaachuuf

  • Uumaa keenya beekuu fi isatti dhihaachuuf

Uumaan keenya ogummaa isaa kan kennu namoota muraasaaf qofa utuu hin taʼin, namoota ogummaa isaa barbaadan hundumaaf akka taʼes ni baratta.

^ key. 2 Maqaawwan barruu kana keessa jiran jijjiiramaniiru.