Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Qaamni Kana Tolche Jiraa?

Eegee Gaararraa Agaamaa

Eegee Gaararraa Agaamaa

GAARARRAAN agaamaa jedhamu bakka diriiraa taʼerraa wanta ol dhaabatu tokkotti salphaatti utaaluu dandaʼa. Wanti inni irraa utaalu sun kan mucucaatu yoo taʼe garuu miillisaa waan sigigaatuuf sirriitti dhaabachuu hin dandaʼu. Taʼus, wanta itti utaalu sanarra akka gaariitti qubachuu dandaʼa. Akkamitti? Kana gochuuf kan isa gargaaru eegeesaati.

Mee yaadi: Agaamaan wanta hin mucucaannerraa yommuu utaalu, jalqaba qaamasaa sirreeffata, eegeesaas gad buusa. Kana gochuunsaa madaalliisaa eegee utaaluuf isa gargaara. Yommuu wanta mucucaataa taʼerraa utaalu garuu, miillisaa waan sigigaatuuf gar tokkotti jalʼata. Haataʼu malee, utuu utaalaa jiruu eegeesaa ol kaasuudhaan madaalliisaa sirreeffata. Akkaataan inni kana itti godhu wal xaxaadha. Gabaasni Yunivarsiitiin Kaalifoorniyaa, Baarkileeyitti argamu baase tokko, “Gaararraan kun iddoo itti utaalu sanarra qubachuusaa dura eegeesaa ol kaasuudhaan madaalliisaa eeggata” jedheera. Wanti inni irraa utaalu baayʼee kan mucucaatu yoo taʼe, akka gaariitti qubachuuf eegeesaa caalaatti ol kaasa.

Injiinaroonni roobootota akka konkolaataatti tajaajilaniifi sochoʼi lafaa ykn balaa garabiraan yeroo gaʼutti lubbuu baraaruuf gargaaran fooyyessanii hojjechuuf, eegee agaamaarraa diizaayinii qopheessuu dandaʼu. Namni qorannoo geggeessuufi Toomaas Liib jedhamu, “Roobootonni akka lubbu qabeeyyii madaalliisaanii eeguu hin dandaʼan. Kanaaf, wanti roobootonni madaalliisaanii akka eegan gochuuf hojjetamu kamiyyuu jijjiirama guddaadha” jedheera.

Maal sitti fakkaata? Eegeen agaamaa jijjiirama tirannaatiin dhufee? Moo qaamni kana tolche jira?