Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Abbaan Humnaa Yoo Na Hube Maalan Godha?

Abbaan Humnaa Yoo Na Hube Maalan Godha?

 Hubaatiin wanta salphaatti ilaalamu miti. Qorannoon Biritaaniyaatti godhame tokko akka argisiisutti dargaggoota akka of ajjeesan miidiyaan biyyoolessaa gabaase keessaa dhibbeentaa 40 ol kan taʼan of ajjeesuu isaaniitiif hubaatiin gumaacha godheera.

 Hubuun maali dha?

 Hubaatiin miidhaa qaamaa geessisuu malees wanta dabalatu qaba. Wantoota armaan gadii of keessatti qabata.

  •   Dubbiidhaan miidhuu. Kelinee ishiin umuriin ishii 20 taʼe akkas jetteetti: “Shamarran dubbiidhaan miidhaa guddaa geessisuu dandaʼu. Maqaa isaan ittiin na waaman ykn wanta isaan naan jedhan matumaa hin irraanfadhu. Gatii akkan hin qabnee fi akkan hin barbaadamne akka natti dhagaʼamu taasisaniiru. Kanaa mannaa utuu na rukutaniiru taʼee naa wayya ture.”

  •   Of irraa qooduu. Haaley ishiin umuriin ishii 18 taʼe akkas jetteetti: “Ijoolleen wajjin baradhu of irraa adda na baasu jalqaban. Laaqanaaf barcumni ani irra taaʼu akka hin jirre waan fakkeessaniif isaanii wajjin taaʼuu hin dandaʼu. Waggaa guutuu nan boʼa, akkasumas kophaa koon nyaadha ture.”

  •   Hubaatii karaa intarneetii gaʼu. Daaniʼel inni umuriin isaa 14 taʼe akkas jedheera: “Kompiitara irraa wantoota muraasa qofa tuquudhaan maqaa nama tokkoo balleessuu ykn jireenya isaa illee balleessuu dandeessa. Wanta arbeeffame fakkaata taʼus uumamuu dandaʼa!” Hubaatiin karaa intarneetii raawwatamu fakkiiwwan ykn ergaawwan miidhaa geessisan karaa moobaayilii erguus ni dabalata.

 Namoonni warra kaan kan huban maaliifi?

 Sababiiwwan baramaa taʼan tokko tokko armaan gaditti argamu.

  •   Isaanis hubaatiin irra gaʼaa waan jiruufi. Antoonii inni dargaggeessa taʼe akkas jedheera: “Hiriyoonni koo na dararuun isaanii waan na nuffisiiseef isaan fakkaachuuf jedheen warra kaan miidhuu jalqabe. Boodas wantan raawwadhe deebisee yommuun yaadu baayʼee akkan dogoggoreen hubadhe.”

  •   Namoota fakkeenya gaarii hin taane waan hordofaniifi. Jay Misgaariw kitaaba isaa Life Strategies for Dealing With Bullies jedhamu irratti akkas jedheera. “Yeroo baayʼee dargaggoonni hubaatii kan raawwatan . . . warri isaanii, obboloonnii fi obboleettonni isaanii hangafaa ykn miseensonni maatii isaanii warra kaan irratti hubaatii yommuu raawwatan waan arganiifi dha.”

  •   Warra kaan akka caalan fakkeessu, taʼus ofitti amanannaa hin qaban. Baarbaaraa kolorosoon kitaaba ishii The Bully, the Bullied, and the Bystander jedhamu irratti akkas jetteetti: “Ijoolleen warra kaan huban warra kaan akka caalan fakkeessu, taʼus miidhaa isaan irra gaʼee fi miira gaʼumsa akka hin qabne isaanitti dhagaʼamu haguuguuf akkas godhu.”

 Caalaatti hubaatiif kan saaxilaman eenyufaʼi?

  •   Namoota kophaa taʼan. Dargaggoonni dandeettii namootatti makamuu hin qabne tokko tokko warra kaan irraa adda waan of baasaniif hubaatiif salphaatti saaxilamu.

  •   Dargaggoota adda akka taʼanitti ilaalaman. Dargaggoonni tokko tokko bifa, sanyii, ykn amantii isaaniitiin kan kaʼe, ykn immoo qaama miidhamtoota waan taʼaniif warri abbaa humnaa taʼan isaan irratti xiyyeeffatu.

  •   Dargaggoota ofitti amanannaa hin qabne. Warri abbaa humnaa taʼan namoota ofii isaaniitiif miira gaarii hin qabne beeku. Namoonni kun carraan isaan deebisanii itti isaan lolan xiqqoo waan taʼeef warri abbaa humnaa taʼan isaan irratti xiyyeeffatu.

 Hubaatiin yoo si irra gaʼe maal gochuu dandeessa?

  •   Deebii hin kennin. Shamarreen Kiyiliiʼe jedhamtu akkas jetteetti “Warri abbaa humnaa taʼan miirri gaarii hin taane akka sitti dhagaʼamu gochuu irratti akka isaaniif milkaaʼe hubachuu barbaadu. Deebii hin kennitu taanaan si dhiisu. Kitaabni Qulqulluun akkas jedha: ‘Namni ogeessi garuu ni tasgabbaaʼaa.’—Fakkeenya 29:11.

  •   Haaloo hin baʼiin. Haaloo baʼuun rakkinicha furuu mannaa itti caalchisa. Kitaabni Qulqulluun, “Eenyuuf iyyuu hamaa hamaadhaan hin deebisinaa” jedha.—Roomaa 12:17; Fakkeenya 24:19.

  •   Haala hubaatiif si saaxilu irraa fagaadhu. Hamma dandeesse namootaa fi haala hubaatiif si saaxilu irraa fagaadhu.—Fakkeenya 22:3.

  •   Deebii isaan hin eegne deebisi. Kitaabni Qulqulluun, “Deebii laafaan aarii qabbaneessa” jedha.—Fakkeenya 15:1.

  •   Qoosi bira darbi. Fakkeenyaaf, abbaan humnaa tokko furdaa akka taate yoo sitti qoose gatiittii kee sosochoosuudhaan “xinnoo hirʼisuu waanan qabu natti fakkaata!” ittiin jechuu dandeessa.

  •   Dhiisii deemi. Nooraa inni umuriin isaa 19 taʼe akkas jedheera: “Callisuun kee nama si hubu caalaa bilchaataa akka taatee fi cimaa akka taate argisiisa. Akkasumas amala of toʼachuu isa warri abbaa humnaa taʼan hin qabne akka qabdu argisiisa.”

  •   Ofitti amanannaa kee guddisi. Shamarreen Riittaa jedhamtu akkas jetteetti: “Warri abbaa humnaa taʼan yeroo tasgabbiin sitti hin dhagaʼamne beeku, haala kana ofitti amanannaa qabdu hundumaa balleessuuf itti fayyadamuu dandaʼu.”

  •   Nama taʼe tokkotti himi. Qorannaan tokko akka argisiisetti namoota karaa intarneetii hubaman keessaa walakkaa ol kan taʼan qaanaʼuudhaan (keessumaa dhiironni) ykn deebisanii na miidhu jedhanii sodaachuudhaan wanta isaan irra gaʼe hin dubbatan. Taʼus warri abbaa humnaa taʼan dhimmichi iccitii akka taʼu akka barbaadan yaadadhu. Nama tokkotti himuun rakkina kana moʼuuf tarkaanfii isa jalqabaa dha.