Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Saalqunnamtiin Afaaniin Godhamu Dhugumaan Saalqunnamtii Jedhamaa?

Saalqunnamtiin Afaaniin Godhamu Dhugumaan Saalqunnamtii Jedhamaa?

 Gabaasni Waajjirri Yuunaayitid Isteetisitti Dhukkuba Toʼachuu fi Ittisu akka ibsetti, dargaggoota umurii waggaa 15 hanga 19 gaafannoon godhameef keessaa walakkaa kan taʼan saalqunnamtii afaaniin godhamu raawwataniiru. Shaarliin Azaam ishiin Kitaaba Oral Sex Is the New Goodnight Kiss jedhamu qopheessite akkana jettetti: “Dargaggoota umurii kurnanii keessatti argaman [waaʼee saalqunnamtii afaaniin raawwatamu] yoo dubbattan rakkina akka hin qabne isinitti himu. Inumaa iyyuu saalqunnamtii akka taʼetti hin ilaalan.”

 Maal sitti fakkaata?

 Gaaffiiwwan armaan gadiitiif deebii eeyyee ykn lakki jedhu kenni.

  1.   Shamarreen tokko saalqunnamtii afaaniin raawwatamu yoo raawwatte ulfaaʼuu dandeessii?

    1.   Eeyyee

    2.   Lakki

  2.   Saalqunnamtiin afaaniin raawwatamu dhibee fayyaatiif nama saaxiluu dandaʼaa?

    1.   Eeyyee

    2.   Lakki

  3.   Saalqunnamtii afaaniin raawwatamu dhugumaan saalqunnamtii jedhamuu dandaʼaa?

    1.   Eeyyee

    2.   Lakki

 Dhugaan isaa maali dha?

 Deebii ati kennite deebii armaan gadii wajjin wal bira qabii ilaali.

  1.   Shamarreen tokko saalqunnamtii afaaniin raawwatamu yoo raawwatte ulfaaʼuu dandeessii?

     Deebii: Lakki. Sababiin namoonni hedduun saalqunnamtiin afaaniin raawwatamu miidhaa hin qabu jedhanii akka yaadan kan isaan godhe tokko kana dha.

  2.   Saalqunnamtiin afaaniin raawwatamu dhibee fayyaatiif nama saaxiluu dandaʼaa?

     Deebii: Eeyyee. Namni saalqunnamtii afaaniin raawwatu dhukkuboota akka hepitaayitasii (A or B), kormammuu qaama saalaa irratti baʼu, cophxoo, harpas, eedsii fi fanxoo jiraniin qabamuu dandaʼa.

  3.   Saalqunnamtii afaaniin raawwatamu dhugumaan saalqunnamtii jedhamuu dandaʼaa?

     Deebii: Eeyyee. Saalqunnamtiin qaama saalaa nama kan biraatti fayyadamuudhaan raawwatamu hundi, jechuunis saalqunnamtiin karaa afaanii fi munnee raawwatamu, akkasumas qaama saalaa nama kan biraa susukkumuun saalqunnamtii jedhama.

 Nu yaaddessuu kan qabu maaliifi?

 Mee caqasawwan Kitaaba Qulqulluu ilaalcha Saalqunnamtii afaaniin raawwatamuuf qabu ilaalchisee ibsan tokko tokko haa ilaallu.

 Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Kun fedhii Waaqayyoo waan taʼeef . . . halalummaa irraa fagaadhaa.”—1 Tasalonqee 4:3.

 Jechi afaan jalqaba Kitaabni Qulqulluun ittiin barreeffameen jechi “halalummaa” jedhame, saalqunnamtii, saalqunnamtii afaanii fi munneedhaan raawwatamu, saalqunnamtii qaama saalaa nama kan biraa sukkuumuudhaan raawwatamu dabalatee saalqunnamtii gaaʼelaa alatti raawwatamu hunda kan argisiisu dha. Namni halalummaa raawwatu miidhaa isa irra gaʼu fudhachuun isaa hin oolu; miidhaawwan isa irra gaʼan hunda irra kan caalu hariiroo Waaqayyoo wajjin qabu dhabuu isaa ti.—1 Pheexiros 3:12.

 Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Namni halalummaa raawwachuu amaleeffate garuu qaama ofii isaa irratti cubbuu hojjeta.”—1 Qorontos 6:18.

 Saalqunnamtiin afaaniin raawwatamu miidhaa qaamaa fi hafuuraa geessisuu dandaʼa. Miirri keenyas akka jeeqamu gochuu dandaʼa. Kitaabni Talking Sex With Your Kids jedhamu akkana jedha: “Namni tokko namoonni kaan akka isatti fayyadaman isatti dhagaʼamuun isaa, gaabbii fi yaaddoon kan isatti dhagaʼamu saalqunnamtii baramaa taʼe yeroo raawwatu qofa miti. Namni tokko miira gadhee karaa sirrii hin taaneen saalqunnamtii raawwachuu isaatiin isatti dhagaʼamu hundi nama karaa kamiin iyyuu halalummaa raawwatetti dhagaʼamuu dandaʼa. Saalqunnamtiin karaa kan biraatiin waan raawwatameef qofa saalqunnamtii taʼuun isaa hin hafu.”

 Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Ani Waaqa kee Yihowaa isa wanta si fayyadu si barsiisu [dha].”—Isaayyaas 48:17.

 Seerawwan Waaqayyoo saalqunnamtii ilaalchisee kennaman kan si fayyadan sitti fakkaataa? Moo bilisummaa akka si dhabsiisan sitti dhagaʼama? Deebii gaaffiiwwan kanaa argachuuf mallattoowwan tiraafiikaa daandii konkolaataadhaan guutame irra jiran yaadi. Mallattoowwan kunneen bilisummaa akka si dhabsiisan moo balaan akka si irra hin geenye kan si eegan gootee ilaalta? Atis taate namoonni kaan mallattoo kana yoo dagattan maaltu uumamuu dandaʼa?

Seerawwan tiraafiikaa bilisummaa kee kan daangessan taʼu illee, balaa irraa si eegu. Haaluma wal fakkaatuun, seerawwan Waaqayyoo bilisummaa kee kan daangessan taʼu illee eegumsa siif taʼu

 Qajeelfamawwan Waaqayyoo wajjinis haalli isaa wal fakkaata. Yoo isaan dagatte, wanta facaaste akka haammattu beekamaa dha. (Galaatiyaa 6:7) Kitaabni Sex Smart jedhamu akkana jedha: “Caalaatti wantoota itti amantuu fi ittiin geggeeffamtu dagattee wantoota sirrii akka hin taane beektu kan raawwattu yoo taʼe kabajni ofiif qabdu caalaatti hirʼata.” Faallaa kanaatiin immoo, qajeelfamawwan Waaqayyoo wajjin haala wal simuun kan jiraattu yoo taʼe, amala naamusaa sirrii akka qabdu argisiista. Hunda caalaa immoo, qalbii qulqulluu qabaatta.—1 Pheexiros 3:16.