Dhimma ijoo ta'etti seeni

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Nama Arrabsuun Dhugumaan Wanta Hamaa Dhaa?

Nama Arrabsuun Dhugumaan Wanta Hamaa Dhaa?

“Arrabsoo yeroo baayʼee waanan dhagaʼeef amma homaa natti fakkaatu. Waanuma baramaa natti fakkaata.”—Kiristoofar, 17.

“Yeroon ijoollee turetti, baayʼeen nama arrabsa ture. Arrabsoo barachuun baayʼee salphaa dha; barsiifata kana dhiisuun garuu baayʼee ulfaataa dha.”—Rebekaa, 19.

 Gaaffii

  •   Yeroo namoonni kaan nama arrabsan maaltu sitti dhagaʼama?

    •  Xiyyeeffannaa hin kennuuf—anaaf waanuma baramaa dha.

    •  Hamma tokko na jeeqa—garuu rakkina hin qabu.

    •  Na aarsa—itti baruu hin dandaʼu.

  •   Nama arrabsitee beektaa?

    •  Matumaa

    •  Darbee darbee

    •  Yeroo baayʼee

  •   Jechoota gadheetti fayyadamuu ilaalchisee maaltu sitti dhagaʼama?

    •  Rakkina hin qabu

    •  Dhimma salphaatti ilaalamu miti

 Xiyyeeffannaa kennuun kan barbaachise maaliifi?

 Arrabsoon dhimma salphaatti ilaalamu sitti fakkaataa? Akkana jettee deebista taʼa: ‘Kun dhimma cimaa miti. Wanta nama yaaddessu meeqatu jira? Kanaa immoo nama hundatu nama arrabsa!’ Yaanni kun dhugaa dhaa?

 Amantus amanuu baattus namoota arrabsoo irraa of qusatan hedduutu jira. Wanta namoonni kaan hin beeknee fi isaan beekan muraasni jira. Fakkeenyaaf:

  •  Nama arrabsuun kee waaʼee eenyummaa kee wanta argisiisu qaba. Wanti dubbattu wanta garaa kee keessa jiru argisiisa. Dubbii gadheen afaan kee keessaa baʼu miira namoota kaaniitiif dantaa akka hin qabne argisiisa. Maarree ati nama akkasiitii?

     Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Wanti afaan namaa keessaa baʼu kam iyyuu garaa keessaa baʼa.”—Maatewos 15:18.

    Dubbii gadheen akkuma qilleensa mancaʼee ti. Maarree ofii kees taʼe warra kaan maaliif mancaasta?

  •  Nama arrabsuun namoonni karaa dogoggoraatiin akka si hubatan taasisa. Kitaabni Cuss Control jedhamu akkana jedha: “Akkaataan itti dubbannu namoota michoota godhanii nu filatan irratti, kabaja maatii keenyaa fi namoota nuu wajjin hojjetan irraa argannuu irratti, hariiroo namootaa wajjin qabnu irratti, namoota kaan biratti fudhatama qabaachuu keenya irratti, hojii ykn guddina argannu irrattii fi ilaalcha namoonni kaan nuuf qaban irratti jijjiirama fida.” Itti dabaluudhaanis, “‘Utuun nama hin arrabsu taʼe hariiroon namootaa wajjin qabu kana caalaa gaarii taʼa turee?’ jedhii of gaafadhu” jedheera.

     Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Arrabsoo . . . of irraa fageessaa.”—Efesoon 4:31.

  •  Nama arrabsuun akka yaaddu fudhatama siif hin argamsiisu. Doktar Aleeksi Paakar kitaaba isaanii How Rude! jedhamu irratti, “Namoota yeroo hunda nama arrabsan dhaggeeffachuun nama nuffisiisa” jedhaniiru. Itti dabaluudhaanis namni nama arrabsu “hubanna, beekumsa ykn gara laafina qabaachuu hin dandaʼu. Wanti ati dubbattu gatii kan hin qabne, ifa kan hin taanee fi kan hin amanamne yoo taʼe, yaanni kees akkasuma akka taʼe argisiisa” jedhaniiru.

     Kitaabni Qulqulluu akkana jedha: “Dubbii tortoraan afaan keessan keessaa hin baʼin.”—Efesoon 4:29.

 Maal gochuu dandeessa?

  •  Galma baafadhu. Jiʼa tokko ykn isaa gaditti arrabsoo dhiisuuf maaliif yaalii hin gootu? Jijjiirama goote chaartii ykn kaalaandarii irratti barreessuu dandeessa. Murtoo gootetti cimtee itti fufuuf garuu tarkaanfii dabalataa fudhachuun si barbaachisuu dandaʼa. Fakkeenyaaf:

  •  Bashannanawwan sammuu kee jechoota gadheedhaan akka guutaman godhan irraa fagaadhu. Kitaabni Qulqulluun, “Hiriyummaa gadheen naamusa gaarii mancaasa” jedha. (1 Qorontos 15:33, miiljalee) Jechi as irratti “hiriyummaa” jedhame namoota qofa utuu hin taʼin bashannana, jechuunis fiilmii ilaaltu, taphawwan viidiyoo taphattuu fi muuziqaa dhaggeeffattu kan dabalatu dha. Keeneez inni umuriin isaa waggaa 17 taʼe akkana jedheera: “Sirbi tokko riitmii gaarii waan qabaateef qofa arrabsoo akka of keessatti qabate utuu hin hubatin wajjin sirbita taʼa.”

  •  Bilchaataa taʼuu kee argisiisi. Namoonni tokko tokko jechoota gadheetti kan fayyadaman nama guddaa akka isaan fakkeessu waan yaadanifi dha. Dhugaan isaa garuu faallaa isaa ti. Kitaabni Qulqulluun, namoonni bilchaatoon “warra wanta sirrii fi dogoggora taʼe gargar baasuuf dandeettii hubannaa isaanii hojjechiisuudhaan leenjisan” akka taʼan ibsa. (Ibroota 5:14) Namoonni bilchaatoon warra kaan dinqisiisuuf jecha ulaagaalee ittiin jiraatan hin laaffisan.

 Jechoota gadhee taʼan fayyadamuun, sammuu keenyas taʼe sammuu namoota kaanii yaadawwan gadheedhaan mancaasuu irraa kan hafe faayidaa tokko illee hin qabu. Addunyaan immoo duruma iyyuu mancaʼeera! Kitaabni Cuss Control jedhamu akkana jedheera: “Ati garuu isa mancaʼe irratti hin dabalin. Kanaa mannaa, naannoo kee isa dubbii gadheedhaan mancaʼe qulqulleessuu irratti gaʼee kee raawwadhu. Akkas yoo goote ofii keetiif ilaalcha gaarii qabaatta, warri kaanis ilaalcha gaarii siif qabaatu.”