Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Mootummaan Waaqayyoo Maali Dha?

Mootummaan Waaqayyoo Maali Dha?

Mootummaan Waaqayyoo maali dha?

NAMOONNI TOKKO TOKKO wanta garaa namaa keessa jiru argisiisa jedhu; kaan immoo namoonni nagaa fi haqa lafa irratti yeroo fidanitti wanta argamu dha jedhu. Ati hoo maal jetta?

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

“Waaqayyo inni waaqa irraa mootummaa deebi’ee matumaa hin badne . . . dhaabuuf jira; inni mootummoota [ilmaan namootaa] hundumaa caccabsee in hurreessa, badduus isaan in baasa.” (Daaniʼel 2:44) Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsa dhugumaan jiru dha.

WANTA DABALATAA KITAABA QULQULLUU IRRAA BARANNU

Mootummaan Waaqayyoo yoom dhufa?

ATI MAAL JETTA?

  • Namni beeku hin jiru

  • Yeroo dhihootti

  • Matumaa hin dhufu

KITAABNI QULQULLUUN MAAL JEDHA?

“Saba hundumaatti akka dhugaa baʼuuf misiraachoon Mootummaa kun guutummaa lafaa irratti ni lallabama; sana booda dhumni ni dhufa.” (Maatewos 24:14) Misiraachichi guutummaatti erga lallabamee booda, Mootummichi addunyaa hamaa kana balleessuuf ni dhufa.

WANTA DABALATAA KITAABA QULQULLUU IRRAA BARANNU

  • Namni kam iyyuu yeroo Mootummaan Waaqayyoo itti dhufu hin beeku.—Maatewos 24:36.

  • Raajiin Kitaaba Qulqulluu Mootummichi dhiheenyatti akka dhufu ibsa.—Maatewos 24:3, 7, 12.