Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Nanawween magaalaa gamoowwanii fi godambaawwan ajaaʼibsiisoo qabdu turte

Kana Beektaa?

Kana Beektaa?

Bara Yoonaas booda Nanawwee irra maaltu gaʼe?

WEEBSAAYITIIN godambaa Biritaaniyaa tokko akka ibsetti Dh.K.D. naannoo bara 670⁠tti, mootummaan Asoor mootummaa addunyaa, “bulchiinsi isaa kallattii dhihaatiin Qophros irraa kaʼee kallattii bahaatiin hanga Iraanitti balʼatu ture; waggoota muraasaaf bulchiinsi isaa Gibxiin illee kan dabalatu ture.” Magaalaa guddoo Asoor kan taate Nanawween guddina ishiitiin magaalota addunyaa hundumaa irra kan caaltu turte. Iddoowwan biqiltuu babbareedoo hedduu, iddoowwan bashannanaa, masaraawwanii fi manneen kitaabaa guguddaa qabdi turte. Wantoonni dallaa Nanawwee ishii durii irratti barreeffaman akka argisiisanitti, akkuma mootota Asoor kaanii Asharbaaniippaal Mootichis “mootii addunyaa” jedhee of waama ture. Yeroo inni bulchaa turetti namni Asoorii fi Nanawwee injifachuu dandaʼu waan jiru hin fakkaatu ture.

Asoor ishiin Mootummaa Addunyaa turte, yeroo sanatti bulchiinsa hundumaa irra balʼatu qabdi turte

Haa taʼu malee, yeroo Asoor baayʼee cimtuu turtetti, raajii Yihowaa kan taʼe Sefaaniyaan, “[Yihowaan] Asooriin ni balleessa, Nanawwees ni gogsa, akkuma lafa onaas ni godha” jedhee raajii dubbateera. Kana malees, raajii Yihowaa kan taʼe Naahom, “Meetii saamaa, warqii saamaa! . . . Magaalattiin duwwaa dha, onteetti, baddeettis! . . . Namni si argu hundi si irraa ni baqata, akkasumas, ‘Nanawween balleeffamteetti!’ . . . jedha” jedhee raajii dubbateera. (Sef. 2:13; Naho. 2:9, 10; 3:7) Namoonni raajiiwwan kana dhagaʼaan tarii, ‘Kun dhuguma taʼuu dandaʼaa? Asoor ishiin baayʼee cimtuu taate injifatamuu ni dandeessii?’ jedhanii yaadanii taʼuu dandaʼa. Kun ni taʼa jedhanii amanuun baayʼee ulfaataa ture.

Nanawween balleeffamtee lafa onaa taateetti

Taʼus, wanti hin eegamne kun raawwatameera. Dhaloota Kiristoos Dura dhuma jaarraa torbaffaatti Baabilononnii fi namoonni Meedon Asooriin injifataniiru. Yeroo booda Nanawween ni onte, achiis ni irraanfatamte. Akka barreeffamni Za Meetroopoolitaan Muziyeem oof Arti qopheesse tokko ibsetti, ‘magaalattiin yeroo booda awwaalamteetti; namoonni waaʼee magaalaa kanaa beekuu kan dandaʼan Kitaaba Qulqulluu irraa qofa ture.’ Qorannoon arkiyooloojii tokko akka ibsetti magaalaan guddoon Asoor jiraachuu ishii namni beeku hin jiru ture. Taʼus, bara 1845⁠tti qorataan arkiyooloojii Oostan Henarii Laayaardi jedhamu jijjigaa magaalaa Nanawwee qorachuu jalqabe. Qorannaan isaa kun Nanawween magaalaa guddoo akka turte mirkaneesseera.

Raajiiwwan waaʼee Nanawwee dubbatamanii fi guutummaatti raawwii isaanii argatan, raajiiwwan Kitaaba Qulqulluu humnoonni siyaasaa yeroo harʼaa jiran akka balleeffaman dubbatamanis raawwii isaanii akka argatan amanannaa qabnu nuuf cimsu.—Dan. 2:44; Mul. 19:15, 19-21.