Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Gaaffii Dubbistootaa

Ayyaanni Duʼaa Kaʼuu Ayyaana Kiristiyaanotaatii?

Ayyaanni Duʼaa Kaʼuu Ayyaana Kiristiyaanotaatii?

Kitaabni Insaayikilooppeediyaa Biritaanikaa jedhamu Ayyaanni Duʼaa Kaʼuu “ayyaana guddaa waldaan Kiristiyaanaa Duʼaa Kaʼuu Yesus Kiristos kabajuuf itti fayyadamtu” akka taʼe ibseera. Haa taʼu malee ayyaanni kun ayyaana Kiristiyaanotaatii?

Hambaan bara durii tokko sirrii taʼuu isaa dubbachuu dura akka gaariitti qorachuun barbaachisaa dha. Haaluma wal fakkaatuun Ayyaanni Duʼaa Kaʼuu ayyaana Kiristiyaanotaa taʼuu fi dhiisuu isaa hubachuuf waaʼee ayyaanichaa gadi fageenyaan qoruun barbaachisaa dha.

Jalqaba, Yesus duuka buutonni isaa akka kabajan kan isaanitti hime duʼaa kaʼuu isaa utuu hin taʼin guyyaa duʼa isaa ture. Phaawulos ergamaan ayyaana kana, “Irbaata gooftaa” jechuudhaan waameera.—1 Qorontos 11:20; Luqaas 22:19, 20.

Kana malees, kitaabni olitti caqasame sirnawwan hedduun guyyaa Ayyaana Duʼaa Kaʼuutti raawwataman duʼaa kaʼuu Yesusii wajjin ‘walitti dhufeenya kan hin qabnee’ fi “aadaawwan dhalootaa dhalootatti darbaa turan irraa kan fudhatame” akka taʼe caqaseera. Fakkeenyaaf, mallattoo Ayyaana Duʼaa Kaʼuu irratti baramaa taʼe buphaa fi illeettii ilaalchisee kitaabni Za Insaayikilooppeediyaa oov Riliijin jedhamu, “Buphaan sun rakkina akka qola buphaa cimaa taʼe cabsanii ykn keessa darbanii jireenya haaraa jalqabuu kan argisiisu dha” jedheera. Itti dabaluudhaanis, “Illeettiin uumama haala dinqisiisaa taʼeen daftee wal hortu akka taatetti beekamaa waan turteef, waqtiin birraa dhihaachuu isaa argisiisti” jedheera.

Piroofeesara hog-barruu bara giddu galeessaa kan taʼan Filiippi Wooltar aadaawwan akkasii kutaa Ayyaana Duʼaa Kaʼuu taʼuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ibsaniiru. Piroofeesarri kun akka ibsanitti “namoonni Waaqayyoon hin beekne gara Kiristiyaanummaatti yeroo jijjiiramanitti” ayyaana namoota Waaqayyoon hin beeknee isa “waqtii gannaa isa akka duʼaatti ilaalamu, waqtii birraa isa akka jireenyaatti ilaalamutti nama ceesisa” jedhamee yaadamu, duʼaa kaʼuu Yesusii wajjin wal simsiisuun salphaa ture. Wooltar itti dabaluudhaan kaalaandarii warra Waaqayyoon hin beeknee irratti “ayyaanota Kiristiyaanaa” jedhanii galchuun namoonni Waaqayyoon hin beekne hedduun amantii isaanii akka jijjiiran gochuun salphaa akka taʼu gochuu isaa ibsaniiru.

Ergamoonni Yesus amantiin namoota Waaqayyoon hin beeknee amantii Kiristiyaanaa keessa akka hin seenne ‘ittisaa’ waan turaniif, haala kanaan namoota gara “Kiristiyaanummaatti jijjiiruun” kan jalqabe utuu isaan lubbuudhaan jiranii hin turre. (2 Tasaloniiqee 2:7) Phaawulos ergamaan ‘erga inni adeemee booda’ namoonni ‘dubbii dhugaa jalʼisuudhaan amantoota garagalchanii of duukaa buusan akka kaʼan’ dubbateera. (Hojii Ergamootaa 20:29, 30) Akkasumas xumura jaarraa tokkoffaatti Yohannis ergamaan namoonni tokko tokko Kiristiyaanota karaa irraa kaachisaa akka jiran barreesseera. (1 Yohannis 2:18, 26) Kunis yeroo booda aadaan warra Waaqayyoon hin beeknee amantii Kiristiyaanaa keessatti dagaagaa akka adeemu godheera.

“Warra hin amannee wajjin walittii hin hidhatinaa.”—2 Qorontos 6:14

Haa taʼu malee namoonni tokko tokko aadaa Ayyaana Duʼaa Kaʼuu amantii Kiristiyaanaatti dabaluun warri Waaqayyoon hin beekne duʼaa kaʼuu Yesus ilaalchisee hubannoo gaarii akka argatan waan godheef dogoggora akka hin qabne isaanitti dhagaʼama. Phaawulos garuu yaada kana irratti matumaa walii hin galle ture. Yeroo kutaa bulchiinsa warra Roomaa hedduu keessa adeemaa turetti aadaawwan warra Waaqayyoon hin beeknee kan arge taʼus, namoonni waaʼee Yesus hubannaa gaarii akka argatan gochuuf aadaawwan isaanii hordofee hin beeku. Kanaa mannaa akkas jechuudhaan Kiristiyaanota akeekkachiiseera: “Warra hin amannee wajjin walittii hin hidhatinaa! Qajeelinnii fi jalʼinni maal walitti qabu? Ifnii fi dukkanni tokkummaa maalii qabu ree? Iddoo biraattis immoo, ‘Isaan keessaa adeemaa, ittii gargar baʼaas; wanta xuraaʼaa harkaan hin qabinaa!’ jedha gooftaan.”—2 Qorontos 6:14, 17.

Maarree yaada kana gabaabaadhumatti qoruun keenya xumura akkamii irra gaʼuuf nu gargaara? Ayyaanni Duʼaa Kaʼuu ayyaana Kiristiyaanotaa akka hin taane hubachuu dandeenya.