Faarfannaa 139:1-24

  • Waaqni tajaajiltoota isaa akka gaariitti beeka

    • Hafuura Waaqaa jalaa miliquun hin dandaʼamu (7)

    • ‘Karaa dinqisiisaa taʼeenan tolfame’ (14)

    • ‘Yeroon miciree turetti na argite’ (16)

    • ‘Daandii bara baraa irra na geggeessi’ (24)

Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit. Faarfannaa. 139  Yaa Yihowaa, ati akka gaariitti na qorte, na beektas.+   Yommuun taaʼuu fi yommuun kaʼu ni beekta.+ Yaada koo fagoodhaa ni hubatta.+   Yommuun deemuu fi yommuun ciisu na argita;*Daandiiwwan koo hundumaa akka gaariitti beekta.+   Dubbiin tokko illee arraba koo irra hin jiru,Ati garuu yaa Yihowaa, kunoo akka gaariitti isa beekteetta.+   Ati duubaa fi fuulduraan na marsita;Harka kees na irra keessa.   Beekumsi akkasii hubannaa kootii oli dha.* Baayʼee fagoo waan taʼeef, bira gaʼuu* hin dandaʼu.+   Hafuura kee jalaa eessattan miliquu dandaʼa? Fuula kee duraa hoo eessattan baqachuu dandaʼa?+   Gara samiitti yoon ol baʼe, ati achi jirta,Siree koo Awwaala* keessatti yoon afadhes, kunoo ati achi jirta.+   Galaana fagoo bira jiraachuuf,Qoochoowwan barraaqaatiin yoon barrise, 10  Achitti illee harki kee na geggeessa,Harki kee mirgaas na qaba.+ 11  “Dhugumaan dukkanni na dhoksa!” yoon jedhe,Halkan naannoo koo jiru ifa taʼa. 12  Dukkanni illee siif dukkana miti,Kanaa mannaa, halkan akkuma guyyaatti ni ifa;+Dukkanni siif akkuma ifaa ti.+ 13  Ati kaleewwan koo tolchiteetta;Gadameessa haadha tiyyaa keessattis na golgiteetta.*+ 14  Karaa dinqisiisaa taʼeen tolfamuun+ koo sodaadhaan waan na guutuuf sin jajadha. Hojiiwwan kee dinqisiisoo dha,+Kana akka gaariittan beeka. 15  Yommuun dhoksaatti tolfametti,Yommuun iddoowwan gad fagoo lafaa keessatti walitti hodhametti,Lafeewwan koo si duraa kan dhokatan hin turre.+ 16  Yeroon miciree* turetti illee ijji kee na argeera;Kutaawwan isaa keessaa tokkoon isaanii iyyuu tolfamuu isaanii dura,Guyyoota isaan itti tolfaman ilaalchisee,Hundi isaanii kitaaba kee keessatti barreeffamaniiru. 17  Yaadawwan kee anaaf hammam gatii guddaa qabu!+ Yaa Waaqayyo, idaʼamni isaanii hammam baayʼata!+ 18  Isaan lakkaaʼuuf yoon yaale, lakkoofsi isaanii cirracha irra ni baayʼata.+ Yommuun dammaqu, ani amma iyyuu sii wajjinan jira.*+ 19  Yaa Waaqayyo, maal taʼa nama hamaa utuu ajjeestee!+ Silaa jalʼoonni,* 20  Warri yaada hamaadhaan* sitti dubbatan na irraa ni fagaatu turan;Isaan diinota kee warra maqaa kee akkasumaan dhaʼani dha.+ 21  Yaa Yihowaa, ani warra si jibban hin jibbuu?+ Warra si irratti kaʼan hoo hin balfuu?+ 22  Ani isaan nan jibba;+Isaan dhugumaan diinota koo taʼaniiru. 23  Yaa Waaqayyo, akka gaariitti na sakattaʼi, garaa koos beeki.+ Na qori, yaadawwan na dhiphisanis* beeki.+ 24  Daandiin miidhaa geessisu akkamii iyyuu na keessa yoo jiraate ilaali,+Daandii bara baraa irras na geggeessi.+

Miiljaleewwan

Kal., “na safarta.”
Ykn., “baayʼee kan na ajaaʼibsiisu dha.”
Ykn., “hubachuu.”
Ykn., “Siʼool,” jechuunis, bakka ilmaan namootaa hundi itti awwaalaman. Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn tarii, “walitti na hodhiteetta.”
Micireen ulfa guddachaa jiru argisiisa.
Ykn tarii, “isaan lakkaaʼaan jira.”
Ykn., “warri dhiigaan itti gaafataman.”
Ykn., “akka yaada isaaniitti.”
Ykn., “jeeqanis.”