Faarfannaa 51:1-19

  • Kadhannaa nama yaada garaa geddaratee

    • Gadameessa haadhaa irraa jalqabee cubbamaa taʼuu (5)

    • “Cubbuu koo irraa na qulqulleessi” (7)

    • “Garaa qulqulluu na keessatti uumi” (10)

    • Garaan cabe Waaqa gammachiisa (17)

Geggeessaa muuziqaatiif. Faarfannaa Daawit isa inni erga Baat Sheebaa+ wajjin saalqunnamtii raawwatee booda yommuu Naataan raajichi gara isaa dhufetti faarfate. 51  Yaa Waaqayyo, akka jaalala kee isa amanamaatti gaarummaa natti argisiisi.+ Akka gara laafina kee isa guddaattis balleessaa koo naaf haqi.+   Dogoggora koo irraa guutummaatti na dhiqi,+Cubbuu koo irraas na qulqulleessi.+   Sababiin isaas, ani balleessaa koo akka gaariittan beeka,Cubbuun koos yeroo hundumaa fuula koo dura* jira.+   Ani hundumaa caalaa si irratti,* eeyyee, si irratti cubbuu hojjedheera;+Wanta si duratti hamaa taʼes raawwadheera.+ Kanaafuu, ati yeroo dubbattu qajeelaa dha,Murtiiwwan kees sirrii dha.+   Kunoo, ani yakkamaa taʼee dhaladheera,Haati tiyyas cubbuu keessatti na ulfoofte.*+   Kunoo, ati dhugaa keessa namaa jirutti ni gammadda;+Keessa namummaa koo* ogummaa dhugaa barsiisi.   Qulqulluu akkan taʼuuf, hiisoophiidhaan cubbuu koo irraa na qulqulleessi;+Cabbii caalaas akkan addaadhuuf na dhiqi.+   Lafeewwan ati caccabsite akka gammadaniif,+Sagalee gammachuu fi sagalee ililchuu akkan dhagaʼu godhi.   Fuula kee cubbuu koo irraa garagalchi,*+Dogoggora koo hundumaas na irraa haqi.+ 10  Yaa Waaqayyo, garaa qulqulluu na keessatti uumi,+Hafuura haaraa cimaa taʼes na keessa kaaʼi.+ 11  Fuula kee duraa na hin gatin;Hafuura qulqulluu kees na irraa hin fudhatin. 12  Gammachuu fayyisuu keetii naaf deebisi;+Fedhii siif ajajamuu na keessatti kakaasi.* 13  Cubbamoonni gara keetti akka deebiʼaniif,Ani warra balleessaa raawwatan daandii kee nan barsiisa.+ 14  Arrabni koo gammachuudhaan qajeelummaa kee akka labsuuf,+Waaqa fayyinaa koo kan taate yaa Waaqayyo,+ dhiigaan itti gaafatamuu irraa na oolchi.+ 15  Afaan koo ulfina kee akka labsuuf,Yaa Yihowaa, akkan dubbadhu naaf heyyami.+ 16  Ati aarsaa hin barbaaddu, utuu akkana taʼee silaa aarsaa nan dhiheessan ture;+Ati aarsaa guutummaatti gubamutti hin gammaddu.+ 17  Aarsaan Waaqayyoon gammachiisu, hafuura cabe dha;Yaa Waaqayyo, ati garaa cabee* fi bullaaʼe hin tuffattu.+ 18  Fedhii keetiin Xiyooniif wanta gaarii godhi;Dallaawwan Yerusaalem ijaari. 19  Achiis aarsaawwan qajeelummaatti,Aarsaawwan gubamanii fi aarsaawwan guutummaatti dhihaatanitti ni gammadda;Sana booda qotiyyoowwan iddoo aarsaa kee irratti ni dhihaatu.+

Miiljaleewwan

Ykn., “sammuu koo keessa.”
Kal., “Ani si irratti qofa.”
Ykn., “Ani yeroo haati tiyya na ulfoofte irraa jalqabee cubbamaa dha.”
Ykn., “Eenyummaa koo isa dhokataa.”
Ykn., “dhoksi.”
Kal., “Hafuura fedhii qabaachuutiin na deggeri.”
Ykn., “gaddee.”