Ibrootaaf 11:1-40

  • Hiika amantii (1, 2)

  • Fakkeenyota amantii (3-40)

    • Amantii malee Waaqa gammachiisuun hin dandaʼamu (6)

11  Amantiin wanta abdatan mirkanaaʼaa taʼanii eeggachuu dha,+ akkasumas ragaa* wantoonni ijaan hin mulʼanne dhuguma akka jiran argisiisu dha.  Sababiin isaas, namoota bara duriitiif* ragaan kan baʼame karaa kanaan ture.  Wanti argamu gara jireenyaatti kan dhufe wantoota hin argamne irraa waan taʼeef, sirnoonni* kan hundeeffaman dubbii Waaqayyootiin akka taʼe amantiidhaan ni hubanna.  Abeel amantiidhaan aarsaa isa kan Qaayin caalaa gatii qabu+ Waaqayyoof dhiheesse; Waaqayyo kennaa isaa waan fudhateef,*+ karaa amantii sanaa qajeelaa akka taʼe ragaa isaaf baʼame; inni kan duʼe taʼus amma iyyuu karaa amantii isaa dubbachaa jira.+  Heenok+ duʼa akka hin argineef amantiidhaan iddoo kan biraatti geeffame; Waaqayyo iddoo kan biraatti waan isa geesseef iddoo kamitti iyyuu hin argamne;+ sababiin isaas, inni iddoo kan biraatti geeffamuu isaa dura akka gaariitti Waaqa akka gammachiise ragaa isaaf baʼameera.  Dabalataanis, amantii malee akka gaariitti Waaqa gammachiisuun hin dandaʼamu; sababiin isaas, namni Waaqayyotti dhihaatu hundi, inni akka jiruu fi warra cimsanii isa barbaaddatan akka badhaasu+ amanuu qaba.  Noh,+ Waaqayyo wantoota yeroo sanatti hin mulʼanne ilaalchisee akeekkachiisa erga isaaf kennee booda,+ Waaqa akka sodaatu kan argisiisee fi maatii isaa oolchuuf doonii kan ijaare+ amantiidhaan ture; amantii kanaanis addunyaatti murteesse,+ akkasumas qajeelina amantiidhaan argamu dhaale.  Abrahaam+ yommuu waamame, iddoo akka dhaalaatti fudhachuuf jedhu sana dhaquuf amantiidhaan ajajame; eessa akka dhaqu kan hin beekne taʼus, iddoo jiraatu dhiisee baʼe.+  Inni Yisihaaqii fi Yaaqoob warra isaa wajjin waadaa kana dhaalanii wajjin dunkaana keessa jiraachuudhaan+ akka waan biyya ormaa keessa jiraatutti keessummaa taʼee biyya waadaa isaaf galame+ sana keessa amantiidhaan jiraate.+ 10  Sababiin isaas, inni magaalaa buʼuura dhugaa qabdu, ishii Waaqayyo pilaanii ishii qopheessee fi ijaare+ sana eeggata ture. 11  Saaraan umuriin dhala godhachuu itti dandeessu kan darbe taʼus, ulfaaʼuuf* amantiidhaan humna argatte;+ ishiin inni waadaa gale sun amanamaa taʼuu isaa yaaddee turte. 12  Kanaan kan kaʼes, nama akka duʼetti lakkaaʼamu+ tokko irraa, ijoolleen akka urjiilee samii lakkoofsi isaanii baayʼee taʼee fi akka cirracha qarqara galaanaa lakkaaʼamuu hin dandeenye+ dhalataniiru.+ 13  Namoonni kun hundi amantii isaanii eeganii duʼaniiru; taʼus, waadaawwan sun yommuu raawwataman hin argine;+ kanaa mannaa, fagootti ilaalanii simatan,+ akkasumas biyyattii keessatti keessummootaa fi yeroo gabaabaadhaaf kan jiraatan taʼuu isaanii ifatti labsan. 14  Namoonni wantoota akkasii lallaban kun, iddoo isa kan ofii isaanii cimsanii barbaadaa akka jiran ifatti argisiisu. 15  Akkasumas iddoo dhiisanii baʼan+ sana yaaduu isaanii utuu itti fufaniiru taʼee, achitti deebiʼuuf carraa qabu turan. 16  Amma garuu iddoo isa caalu, jechuunis isa kan samii taʼe argachuuf carraaqqii gochaa jiru. Kanaafuu, Waaqayyo Waaqa isaanii jedhamee waamamuutti hin qaanaʼu;+ inni magaalaa isaaniif qopheesseera.+ 17  Abrahaam yeroo qorametti,+ amantiidhaan Yisihaaqiin aarsaa godhee dhiheessuuf jedhee ture; namni waadaawwan sana gammachuudhaan fudhate kun, ilma isaa isa tokkicha aarsaa godhee dhiheessuuf yaalii godhe;+ 18  kana kan godhes, “Inni sanyii kee jedhamee waamamu karaa Yisihaaq dhufa”+ jedhamee utuu jiruu ti. 19  Haa taʼu malee, inni Waaqayyo duʼaa isa kaasuu illee akka dandaʼu yaadee ture; akka fakkeenyaatti ilma isaa duʼa jalaa deebisee argateera.+ 20  Yisihaaq wantoota dhufuuf jiran ilaalchisee Yaaqoobii+ fi Esaawuun+ amantiidhaan eebbise. 21  Yaaqoob yommuu duʼuu jala gaʼetti,+ amantiidhaan ilmaan Yoseef eebbise,+ fiixee ulee isaatti hirkatees+ ni waaqeffate. 22  Yoseef yommuu duʼuu jala gaʼe, amantiidhaan ilmaan Israaʼel Gibxii keessaa akka baʼan dubbate, lafee* isaa ilaalchisees qajeelfama* kenne.+ 23  Museen erga dhalatee booda warri isaa amantiidhaan jiʼa sadiif isa dhoksan;+ sababiin isaas, isaan mucichi miidhagaa+ taʼuu isaa arganii turan, ajaja mootichaas hin sodaanne.+ 24  Museen erga guddatee booda+ amantiidhaan ilma intala Faraʼoon jedhamee waamamuu dide;+ 25  inni gammachuu cubbuun yeroo muraasaaf argamsiisu mannaa, saba Waaqayyoo wajjin rakkachuu filate; 26  inni arrabsoon Isa Dibame* taʼuu isaatiin irra gaʼu badhaadhina Gibxii keessatti argamu irra akka caalu godhee yaadeera; sababiin isaas, badhaasa isaaf kaffalamu xiyyeeffannaadhaan ilaaleera. 27  Inni isa ijaan hin argamne+ sana akka waan arguutti amantiitti cimee waan itti fufeef, dheekkamsa mootichaa utuu hin sodaatin+ amantiidhaan Gibxii dhiisee baʼe.+ 28  Inni balleessu sun, ijoollee isaanii warra angafaa akka hin miineef,* Museen Faasikaa kan kabajee fi dhiiga kan facaase amantiidhaan ture.+ 29  Israaʼelonni amantiidhaan akka lafa gogaatti Galaana Diimaa keessa darban;+ haa taʼu malee, warri Gibxii kana gochuuf yommuu yaalan galaanichaan liqimfaman.+ 30  Sabichi guyyaa torbaaf erga itti naannaʼee booda dallaan Yerikoo amantiidhaan jige.+ 31  Rahaab ishiin sagaagaltuun sun warra hin ajajamne sanaa wajjin utuu hin balleeffamin kan hafte amantiidhaan ture; sababiin isaas, ishiin basaastota sana nagaadhaan simatteetti.+ 32  Kana caalaa maal jechuun dandaʼa ree? Waaʼee Giidewon,+ waaʼee Baaraaq,+ waaʼee Saamson,+ waaʼee Yiftaa,+ waaʼee Daawit,+ akkasumas waaʼee Saamuʼelii+ fi waaʼee raajota kaanii dubbachuuf yeroon na hin gaʼu. 33  Isaan amantiidhaan mootummoota injifataniiru,+ qajeelummaan akka jiraatu godhaniiru, waadaa argataniiru,+ afaan leencotaa cufaniiru,+ 34  humna ibiddaa dhaamsaniiru,+ qara goraadee jalaa baʼaniiru,+ yeroo dadhabanitti humna argataniiru,+ waraana irratti jaboo taʼaniiru,+ loltoota isaan weeraran moʼaniiru.+ 35  Dubartoonni, namoota isaan jalaa duʼan duʼaa kaafamanii argataniiru;+ dhiironni kaan garuu duʼaa kaʼuu isa caalu argachuuf jecha, furiidhaan gadhiifamuu didanii dhiphifamaniiru. 36  Eeyyee, warri kaan immoo itti qoosamuu fi garafamuudhaan, darbees funcaadhaan hidhamuu+ fi mana hidhaa galuudhaan+ qoramaniiru. 37  Dhagaadhaan tumamaniiru,+ qoramaniiru, magaaziidhaan iddoo lamatti baqaqfamaniiru, goraadeedhaan gorraʼamaniiru,+ gogaa hoolaa fi gogaa reʼee uffatanii jooraniiru,+ wanta isaan barbaachisu dhabaniiru, rakkataniiru,+ akkasumas dhiphataniiru;+ 38  addunyaan namoota akkasii qabaachuun isaaf hin malu ture. Isaan gammoojjii keessa, gaarota irra, akkasumas holqaa+ fi boolla keessa jooraniiru. 39  Namoonni kun hundi sababii amantii isaaniitiin ragaa kan isaaniif baʼame taʼu illee, waadaan Waaqayyo gale yommuu raawwatamu hin argine; 40  sababiin isaas, Waaqayyo waaʼee keenya dursee wanta caalu argeera;+ isaan nu malee mudaa kan hin qabne akka taʼan kaayyoo isaa hin turre.

Miiljaleewwan

Ykn., “ragaa amansiisaa.”
Ykn., “akaakiliiwwan keenyaaf.”
Ykn., “baroonni.” Ibsa Jechootaa ilaali.
Ykn., “kennaa isaatiif beekamtii kennuudhaan ragaa waan baʼeef.”
Kal., “sanyii ulfaaʼuuf.”
Ykn., “ajaja.”
Ykn., “awwaalcha.”
Kal., “Kiristoos.”
Kal., “tuqneef.”