Ibrootaaf 7:1-28

  • Mootii fi luba addaa kan taʼe Malkiseedeq (1-10)

  • Caalmaa lubummaan Kiristoos qabu (11-28)

    • Kiristoos guutummaatti oolchuu ni dandaʼa (25)

7  Malkiseedeq mootiin Saalem inni luba Waaqa Hundaa Olii taʼe kun, yommuu Abrahaam mootota injifatee deebiʼu isa simatee isa eebbise;+  Abrahaamis wantoota hundumaa irraa harka kudhan keessaa harka tokko isaaf kenne.* Hiikni maqaa isaa jalqaba, “Mootii Qajeelinaa,” akkasumas mootii Saalem, jechuunis “Mootii Nagaa” jechuu dha.  Inni abbaa fi haadha, akkasumas hidda dhalootaa hin qabu; barri isaa jalqaba hin qabu, jireenyi isaas dhuma hin qabu; kanaa mannaa, Ilma Waaqayyoo akka fakkaatu waan godhameef, yeroo hundumaa luba taʼee jiraata.+  Namichi kun hammam guddaa akka taʼe ilaalaa! Abrahaam inni mataa maatii* taʼe wanta boojiʼe isa hunda caalu irraa harka kudhan keessaa harka tokko kan isaaf kenne kanaafi.+  Dhugaa dha, akka Seerichaatti ilmaan Leewwii+ warri luboota taʼanii muudaman, isaanis akkuma isaanii sanyii Abrahaam* yoo taʼan iyyuu, sabicha irraa, jechuunis obboloota isaanii irraa kurnoo akka sassaaban ajajamanii turan.+  Namichi hidda dhalootaa isaanii keessaa hin taane kun garuu Abrahaam irraa kurnoo fudhateera; nama waadaan galameef kanas eebbiseera.+  Inni xinnaan kan isa caaluun akka eebbifamu beekamaa dha.  Karaa tokkoon kurnoo kan fudhatan namoota duʼuu dandaʼani dha; karaa biraa immoo, kurnoo kan fudhatu isa jiraachuu isaa akka itti fufu ragaa baʼameef sana dha.+  Leewwiin inni kurnoo fudhatu iyyuu, karaa Abrahaam kurnoo kenneera jedhamuu dandaʼa; 10  sababiin isaas, yeroo Malkiseedeq Abrahaamiin simatetti+ Leewwiin inni sanyii Abrahaam taʼe hin dhalanne ture.* 11  Maarree, karaa lubummaa Leewwii cubbuu irraa walaba taʼuun ni dandaʼama utuu taʼee+ (sababiin isaas, Seera sabichaaf kenname keessaa lubummaan tokko ture), lubni akka Aaron utuu hin taʼin akka Malkiseedeq+ jedhame kan biraan kaʼuun isaa maaliif barbaachisa ture? 12  Lubummaan erga jijjiiramee, Seericha jijjiiruunis barbaachisaa taʼa.+ 13  Namni waaʼee isaa wantoonni kun dubbataman gosa kan biraa namni kam iyyuu achi keessaa iddoo aarsaatti hin tajaajille irraa dhufe.+ 14  Gooftaan keenya gosa Yihudaa keessaa akka dhufe ifa dha;+ taʼus Museen luboota gosa kana keessaa dhufan ilaalchisee homaa hin dubbanne. 15  Kun yeroo lubni kan biraan+ akka Malkiseedeq+ taʼe kaʼetti caalaatti ifa taʼeera; 16  inni luba kan taʼe ulaagaa Seerichaa isa hidda dhalootaa maatii* irratti hundaaʼeen utuu hin taʼin, humna isa jireenya hin badne+ argamsiisuun ture. 17  Sababiin isaas, “Ati akkuma Malkiseedeq+ bara baraaf luba dha” jedhamee ragaa isaaf baʼameera. 18  Kanaafuu, ajajni duraanii dadhabaa fi buʼaa kan hin qabne waan taʼeef hafeera.+ 19  Seerichi wanti tokko illee mudaa kan hin qabne akka taʼu hin goone;+ abdiin inni caaluu+ fi karaa isaa gara Waaqayyootti dhihaannu+ kennamuun isaa garuu kana gochuu dandaʼeera. 20  Kana malees lubni kun kan kaʼe kakaa malee miti. 21  (sababiin isaas, namoonni kakaa malee luboota taʼan akka jiran beekamaa dha; inni kun garuu, karaa kakaa waaʼee isaa kakatameen luba taʼe; Waaqayyo, “Ani Yihowaan,* ‘Ati bara baraaf luba dha’ jedhee kakadheera; ani yaada koo hin jijjiiru”* jedheera)+ 22  Akka kanaan Yesuus kakuu isa caalu+ sanaaf wabii taʼeera.* 23  Kana malees, tajaajila isaanii akka itti hin fufne duuti waan isaan dhowweef luboonni hedduun bakka walii buufamuu qabu turan;+ 24  Yesuus garuu bara baraaf waan jiraatuuf,+ namni bakka isaa buʼee luba taʼu hin jiru. 25  Inni yeroo hundumaa jiraatee waan isaaniif kadhatuuf,+ warra karaa isaa gara Waaqayyootti dhihaatan guutummaatti oolchuu ni dandaʼa. 26  Luba ol aanaa amanamaa, qulqulluu, xurii hin qabne,+ cubbamoota irraa adda taʼee fi samiiwwan gararraatti ol kaafame+ akkasii qabaachuun keenya barbaachisaa dha. 27  Inni akka luboota ol aanoo sanaa, jalqaba cubbuu ofii isaatiif, achiis cubbuu sabichaatiif+ guyyaa guyyaadhaan aarsaa dhiheessuun isa hin barbaachisu;+ sababiin isaas, inni yeroo hundumaatiif akka taʼutti al tokkicha ofii isaa aarsaa godhee dhiheessuudhaan+ kana raawwateera. 28  Seerichi namoota dadhabina qaban luboota ol aanoo godhee muuda;+ kakaan Seericha booda kakatame+ garuu, Ilma isa bara baraaf guutuu godhame+ sana muuda.

Miiljaleewwan

Kal., “hire.”
Ykn., “abbaa amantii.”
Kal., “mudhii Abrahaam keessaa kan baʼan.”
Kal., “mudhii akaakilii isaa keessa ture.”
Ykn., “foonii.”
Ykn., “hin gaabbu.”
Ykn., “akka qabsiisaatti kennameera.”