Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 16

Gaʼeen Tajaajiltoota Gumii Maalidha?

Gaʼeen Tajaajiltoota Gumii Maalidha?

Maayaanmaar

Kutaa walgaʼii

Tuuta tajaajilaa

Galma Mootummaa suphuu

Macaafni Qulqulluun garee dhiirotaa gumii Kristiyaanaa keessatti itti gaafatamummaa qaban lamaan, “ilaaltotaa fi gargaartota waldaa” ykn jaarsoliifi tajaajiltoota gumii jechuudhaan ibsa. (Filiphisiiyus 1:1) Akka walii galaatti, gumii hundumaa keessa jaarsoliiniifi tajaajiltoonni gumii baayʼeen jiru. Maarree tajaajiltoonni gumii gargaarsa akkamii nuu godhu?

Qaama jaarsolii gargaaru. Tajaajiltoonni gumii tokko tokko dargaggoota, kaanimmoo maanguddoota Yihowaa wajjin hariiroo cimaa qaban, amanamoo taʼaniifi hojiisaanii sirriitti raawwatanidha. Hojiiwwan gumiifi Galma Mootummaa wajjin wal qabatan, akkasumas barsiisuufi tiksuu hin dabalanne dhimmanii hojjetu. Kunimmoo jaarsoliin gumii, barsiisuufi tiksuurratti akka xiyyeeffatan isaan gargaara.

Hojiiwwan barbaachisoo taʼan hojjetu. Tajaajiltoonni gumii tokko tokko namoota akka simataniif keessumsiistota taʼanii ramadamu. Kaanimmoo kutaa sagalee, kutaa barreeffamootaa, herrega gumiifi naannoo tajaajilaa miseensota gumiitiif kennuurratti ramadamuu dandaʼu. Galma Mootummaa suphuurrattis gargaarsa godhu. Warra dulloomaniif gargaarsa akka godhaniifis jaarsoliin isaan gaafachuu dandaʼu. Hojiin tajaajiltoonni gumii hojjetan maaliyyuu yoo taʼe, hojii kana fedhiisaaniitiin waan raawwataniif ulfina argachuu qabu.—1 Ximotewos 3:13.

Kiristiyaanota fakkeenya gaarii taʼanidha. Tajaajiltoonni gumii kan filataman amala Kiristiyaanaa gaarii taʼe waan qabaniifidha. Gumiirratti kutaawwan amantii keenya nuuf cimsan nuu dhiheessu. Tajaajilarratti fakkeenya gaarii taʼuudhaan hinaaffaa qabnu nuuf jabeessu. Qaama jaarsolii wajjin walii galanii waan hojjetaniif gammachuufi tokkummaan akka jiraatu godhu. (Efesoon 4:16) Yeroo boodammoo isaanis jaarsa gumii taʼanii muudamuu dandaʼu.

  • Tajaajiltoota gumii kan taʼan dhiirota akkamiiti?

  • Gumichi sirritti akka geggeeffamuuf tajaajiltoonni gargaarsa akkamii godhu?