Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 2

Dhugaa Baatota Yihowaa Kan Jedhamne Maaliifi?

Dhugaa Baatota Yihowaa Kan Jedhamne Maaliifi?

Nohi

Abrahaamiifi Saaraa

Musee

Yesus Kiristos

Namoonni baayʼeen maqaan Dhugaa Baatota Yihowaa jedhu maqaa amantii haaraa akka taʼetti yaadu. Haataʼu malee, gara waggaa 2,700 ol dura namoonni Waaqa dhugaa isa tokkicha tajaajilan, “dhuga-baatuu” Waaqayyoo jedhamaniiru. (Isaayaas 43:10-12) Hanga bara 1931⁠tti maqaa Barattoota Macaafa Qulqulluu jedhamuun beekamna turre. Haataʼu malee, maqaa Dhugaa Baatota Yihowaa jedhuun kan waamamne maaliifi?

Waaqa keenya addaan baasee beeksisa. Barreeffamoota bara duriirraa hubachuun akka dandaʼamutti, maqaan Waaqayyoo inni Yihowaa jedhu Macaafa Qulqulluu keessatti al kuma hedduu argama. Hiika Macaafa Qulqulluu hedduu keessatti maqaan kun maqaa ulfinaa kan akka Gooftaa ykn Waaqayyo jedhuun bakka buufameera. Haataʼu malee, Waaqni dhugaan “Barabaraan maqaankoo isa kana” jechuudhaan maqaasaa isa dhuunfaa Yihowaa jedhamuun Museetti of mulʼiseera. (Baʼuu 3:15, NW) Karaa kanaan waaqayyolii sobaa hundarraa adda akka taʼe of beeksiseera. Nuyis maqaa Waaqayyoo isa qulqulluutiin waamamuu keenyatti kooratu nutti dhagaʼama.

Hojii keenya ibsa. Bara durii jechuunis, Abeel isa nama qajeelaa turee kaasee namoonni hedduun Yihowaadhaaf dhugaa baʼaa turaniiru. Jaarraa baayʼee dura, Nohi, Abrahaam, Saaraa, Musee, Daawitiifi namoonni kaan hedduun, “dhuga-baatota akka duumessaa” turan. (Ibroota 11:4–12:1) Akkuma namni tokko nama balleessaa hin qabne tokkoof mana murtiitti dhihaatee dhugaa baʼu, nuyis waaʼee Waaqa keenyaa dhugaasaa beeksisuuf murteessineerra.

Fakkeenya Yesus hordofna. Macaafni Qulqulluun, “dhuga-baatuu isa amanamaa” jedhee isa waama. (Mulʼata 3:14) Yesus, ‘maqaa Waaqayyoo akka beeksise,’ akkasumas waaʼee Waaqayyoo akka ‘dhugaa baʼe’ dubbateera. (Yohannis 17:26; 18:37) Kanaaf duuka buutonni Kiristos warri dhugaan maqaa Yihowaatiin waamamuufi maqaa kana beeksisuu qabu. Wanti Dhugaa Baatonni Yihowaa gochuuf carraaqanis kanadha.

  • Barattoonni Macaafa Qulqulluu maqaa Dhugaa Baatota Yihowaa jedhuun kan waamaman maaliifi?

  • Yihowaan yoomii kaasee lafarratti Dhugaa Baatota qaba ture?

  • Dhugaa Baatuun Yihowaa inni guddaan eenyudha?