Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Xalayaa Qaama Ol Aanaa Irraa Ergame

Xalayaa Qaama Ol Aanaa Irraa Ergame

Dhugaa Baatuu jaallatamaa:

Akkuma beektu Kitaabni Qulqulluun irra caalaan isaa waaʼee namootaa dubbata. Namoota kana keessaa hedduun isaanii dhiirotaa fi dubartoota amanamoo rakkoowwan nu mudachaa jiranii wajjin wal fakkaatan keessa darbani dha. Namoonni kun “miira akka keenyaa” qabu turan. (Yaaqoob 5:17) Isaan keessaa tokko tokko rakkinnii fi dhiphinni guddaan isaan irra gaʼee ture. Kaanis miseensota maatii isaanii ykn warra isaanii wajjin Yihowaa waaqeffatan irraa miidhaa guddaan isaan irra gaʼeera. Baayʼeen isaanii immoo dogoggora hojjetaniin kan kaʼe akka malee of ceephaʼu turan.

Haa taʼu malee, namoonni kun guutummaatti Yihowaa dhiisaniiruu? Lakki. Baayʼeen isaanii akkuma faarfaticha isa, “Ani akka hoolaa badee karaa irraa nan kaadhe, abboommii kee garuu hin irraanfanne; kanaafis ati garbicha kee barbaadi” jechuudhaan kadhatee turan. (Faarfannaa 119:176) Atoo akkas sitti dhagaʼamaa?

Yihowaan waaqeffattoota isaa gola hoolotaa keessaa badan matumaa hin irraanfatu. Kanaa mannaa, yeroo baayʼee karaa namoota akkuma isaanii isa waaqeffataniitiin isaan barbaada. Fakkeenyaaf, Yihowaan tajaajilaa isaa Iyyoob isa rakkinni dinagdee irra gaʼe, nama jaallatu duʼaan dhabe, akkasumas dhibee fayyaa cimaa taʼeen qabamee fi rakkoowwan hedduun isa irra gaʼan akkamitti akka gargaare ilaali. Iyyoob, namoonni isa deggeruu qaban dubbii nama miidhu kan isatti dubbatan siʼa taʼu, kanas obsaan dandaʼeera. Iyyoob yeroo muraasaaf yaada isaatiin karaa irraa kan jalʼate taʼus, matumaa Yihowaa irraa hin garagalle. (Iyoob 1:22; 2:10) Maarree, Yihowaan Iyyoob deebisee madaallii isaa akka eegu kan isa gargaare akkamitti?

Karaa Yihowaan Iyyoobiin itti gargaare keessaa inni tokko Eliihuu siʼa taʼu, Eliihuun akkuma Iyyoob Yihowaa kan waaqeffatu ture. Iyyoob wanta isa yaaddesse yommuu dubbatu, Eliihuun erga isa dhaggeeffatee booda dubbachuu jalqabe. Maal jedhaan laata? Iyyoobiin ceephaʼuu ykn balleessaa hojjechuun isaa akka itti dhagaʼamu gochuu ykn isa qaanessuudhaan isa gargaaruuf yaalii godhaa? Inni, Iyyoob irra akka caalu godhee yaadeeraa? Matumaa! Eliihuun hafuura Waaqayyootiin geggeeffamee, “Ani Waaqayyo duratti akkuma kee ti, anis suphee irraan hojjetame” jedheera. Achiis, “Ana sodaachuun si hin naasisu, harki koos sitti hin ulfaatu!” jechuudhaan Iyyoobiin jajjabeesseera. (Iyoob 33:6, 7) Eliihuun Iyyoobitti baʼaa dabaluu mannaa, jaalalaan kakaʼee gorsaa fi jajjabina isa barbaachisu isaaf kenneera.

Nutis birooshura kana qopheessuuf kan nu kakaase kaayyoo akkasii waan qabnuuf taʼuu isaa akka beektu barbaanna. Jalqaba wanta namoonni karaa irraa maqan hedduun dubbatan dhaggeeffanneerra; akkasumas haala isaan keessa jiranii fi miira isaanii tilmaama keessa galchineerra. (Fakkeenya 18:13) Achiis seenaawwan Kitaaba Qulqulluu, Yihowaan tajaajiltoonni isaa bara duriitti turan haalli akkasii yommuu isaan mudate akkamitti akka isaan gargaare ibsan kadhannaadhaan qorreerra. Dhuma irrattis seenaawwan Kitaaba Qulqulluu kana muuxannoo ammayyaa wajjin walitti qindeessinee birooshura kana qopheessineerra. Birooshura kana akka qorattu miira hoʼaadhaan si afeerra. Jaalala onnee irraa madde akka siif qabnu siif mirkaneessuu barbaanna.

Qaama Ol Aanaa Dhugaa Baatota Yihowaa