Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Murtoo Barataa Tokko Dhiphise

Murtoo Barataa Tokko Dhiphise

Piitar wanta godhu wallaalee dhiphachaa jira. Barsiistuun inni baayʼee kabaju tokko yaanni jijjiirama tirannaa Chaarlis Daarwiin barreesse hubannaan saayinsaawaa taʼe akka babalʼatuu fi namoonni amantii sobaarraa bilisa akka baʼan kan godhe akkamitti akka taʼe ibsitee xumuruu ishiiti. Achiis barattoonni yaada qaban akka ibsan affeerte.

Piitar wanta godhu wallaalee dhiphateera. Warrisaa Waaqayyo lafaa fi jireenya lafarra jiru hunda akka uume isa barsiisaniiru. Seenaan uumamaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame amansiisaa akka taʼe, jijjiiramni tirannaas ragaa akka hin qabne isa barsiisaniiru. Barsiistuun Piitaris taate warrisaa wanta gaarii akka isaaf hawwan beekamaadha. Taʼus, Piitar eenyuun amanuu qaba laata?

Haalli akkasii bara barnootaa haaraa hundatti, addunyaa maratti, manneen barnootaa kuma hedduu keessatti barattoota ni mudata. Maarree Piitarii fi barattoonni akkasaa kaan maal gochuu qabu? Dhimma kanarratti murtoo dhuunfaa gochuu waan qaban sitti hin fakkaatuu? Barumsa jijjiirama tirannaa fi ragaa jireenyi uumamaan akka argame ibsu qoruudhaan isa kamitti amanuu akka qaban murteessuu qabu.

Kitaabni Qulqulluun wanta namoonni barsiisan faduulumaan amanuu akka hin qabne nu akeekkachiisa. Barreessaan Kitaaba Qulqulluu tokko, “Namni gowwaan wanta dubbatamu hundumaa amana, namni abshaalli garuu tarkaanfii isaa hundumaa irratti xiinxala” jedheera. (Fakkeenya 14:15) Kitaabni Qulqulluun Kiristiyaanonni “dandeettii yaaduu” isaaniitti akka fayyadamanii fi wanta baratan ofuma isaaniitii akka mirkaneeffatan jajjabeessa.—Roomaa 12:1, 2.

Birooshurri kun gareewwan amantii manneen barnootaatti jireenyi uumamaan argamuun isaa akka barsiifamu barbaadan deggeruuf kan qophaaʼe miti. Kaayyoon birooshura kanaa barumsa namoonni jireenyi akka tasaa akka argamee fi seenaan Kitaaba Qulqulluu waaʼee uumamaa dubbatu sheekkoo akka taʼe dubbatan qoruudha.

Seeliin buʼuura jireenyaa waan taʼeef birooshura kana keessatti seeliirratti xiyyeeffanna. Akkaataa dinqisiisaa seeliin itti hojjetame ilaalchisee wantoota dinqisiisoo tokko tokko ilaalta. Gaaffileen barumsa jijjiirama tirannaa ittiin gamaaggamuuf si gargaaranis dhihaataniiru.

Oolee bulee hundi keenya, gaaffii ‘Jireenyi kan argame uumamaanimoo jijjiirama tirannaatiini?’ jedhu gaafachuun keenya hin oolu. Tarii atis dhimma kanarratti xiyyeeffannaadhaan yaadaa jirta taʼa. Birooshurri kun, ragaalee namoonni hedduun jireenyi uumamaan akka argame akka amanan godhe tokko tokko dhiheessa.