Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 5

Kaayyoon Waaqayyo Lafaaf Qabu Maalidha?

Kaayyoon Waaqayyo Lafaaf Qabu Maalidha?

1. Waaqayyo lafa kan uume maaliifi?

Yihowaan lafa kana namootaaf kenne. Lafti bakka jireenyaa keenyadha. Waaqayyo ergamoonni samiirra akka jiraataniif dursee waan uumeef, abbaan manaafi haati manaa warri jalqabaa, jechuunis Addaamiifi Hewwaan kan uumaman samii akka guutaniif miti. (Iyoob 38:4, 7) Kanaa mannaa Waaqayyo, nama isa jalqabaa jannata bareedduu iddoo dhaabaa Eeden jedhamu keessa kaaʼe. (Uumama 2:15-17) Yihowaan, Addaamiifi ijoolleen inni godhatu abdii lafarra barabaraaf jiraachuu akka qabaatan godheera.​—Faarfannaa 37:29; 115:16 dubbisi.

Jalqabarratti, jannata kan ture dhaaba Eeden qofadha. Abbaan manaafi haati manaa warri jalqabaa ijoollee godhachuudhaan lafa guutuu qabu turan. Yeroo booda lafa guutuufi lafa kana gara jannataatti jijjiiruu qabu turan. (Uumama 1:28) Kanaaf, lafti barabaraaf bakka jireenyaa ilmaan namootaa taati malee matumaa hin baddu.​—Faarfannaa 104:5 dubbisi.

Viidiyoo, Waaqayyo lafa kan uume maaliifi? jedhu ilaali.

2. Yeroo ammaa lafti jannata kan hin taane maaliifi?

Addaamiifi Hewwaan Waaqayyoof abboomamuu waan didaniif, Yihowaan iddoo dhaabaa kana keessaa isaan baase. Jannannis kan badde siʼa taʼu, sana booda namni deebisee ishee hundeessuu hin dandeenye. Macaafni Qulqulluun, ‘biyyi lafaa harka warra jalʼootaatti kennamteetti’ jedha.—Iyoob 9:24.​—Uumama 3:23, 24 dubbisi.

Maarree, Yihowaan kaayyoo jalqabarratti ilmaan namootaatiif qabu jijjiireeraa? Hin jijjiirre! Inni Waaqa hundumaa dandaʼudha. Kaayyoosaa ni raawwata malee hin dhiisu. (Isaayaas 45:18) Waaqayyo, jireenya jalqaba ilmaan namootaa akka qabaatan yaadee ture akka argatan godha.​—Faarfannaa 37:11, 34 dubbisi.

3. Jannanni deebiʼee kan hundeeffamu akkamitti?

Yommuu Yesus Mootii Mootummaa Waaqayyoo taʼee bulchu, jannanni deebiʼee lafarratti hundeeffama. Waraana Armaagedoonitti, Yesus ergamoota Waaqayyoo geggeessuudhaan warra Waaqayyoon morman hunda ni balleessa. Achiis Yesus, waggaa 1,000f Seexana hidha. Haataʼu malee, Yesus saba Waaqayyoo waan geggeessuufi waan eeguuf isaan badiisa kanarraa ni oolu. Achiis, lafa Jannata taaturra barabaraaf gammachuudhaan jiraatu.​—Mulʼata 20:1-3; 21:3, 4 dubbisi.

4. Rakkinni kan badu yoomi?

Waaqayyo rakkina lafa kanarra jiru yoom balleessa? Yesus ‘milikkita’ rakkinni yoom akka balleeffamu argisiisu kenneera. Haalli biyyi lafaa yeroo ammaatti argamu jireenya namootaarratti dhiibbaa guddaa geessisaa kan jiru taʼuunsaa, “dhuma barichaa” keessa akka jiraannu argisiisa.​—Maatewos 24:3, 7-14, 21, 22 dubbisi.

Yesus samiirra taaʼee yommuu waggaa 1,000f lafa kana bulchu, rakkina hunda ni balleessa. (Isaayaas 9:6, 7; 11:9) Mootii taʼee tajaajiluusaatiin alattis, Angafa Lubootaa taʼee waan tajaajiluuf, namoonni Waaqayyoon jaallatan dhiifamuu cubbuu akka argatan godha. Kanaaf, Waaqayyo Yesusitti fayyadamee, dhukkuba, dullumaafi duʼa ni hambisa.​—Isaayaas 25:8; 33:24 dubbisi.

5. Lafa Jannata taaturra kan jiraatan eenyufaʼi?

Galma Walgaʼii keessatti, namoota Waaqayyoon jaallataniifi akkamitti isa gammachiisuu akka dandaʼan barachuu barbaadanii wajjin wal argita

Namoonni Waaqayyoof abboomaman Jannata keessa jiraatu. (1 Yohannis 2:17) Yesus, namoota gad of deebisan akka barbaadaniifi Waaqayyo biratti fudhatama argachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe akka isaan barsiisaniif bartootasaa ergeera. Yeroo ammaa Yihowaan, namoota miliyoonaan lakkaaʼaman jireenya Jannataa gara fuulduraatti hundeeffamuuf qopheessaa jira. (Sefaaniyaa 2:3) Galma Walgaʼii Dhugaa Baatota Yihowaa keessatti, namoonni abbaa manaafi abbaa gaarii, akkasumas haadha manaafi haadha gaarii taʼuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe baratu. Kana malees ijoolleefi warri, Yihowaa waliin waaqeffachuudhaan misiraachoo kanarraa faayidaa argachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe baratu.​—Miikiyaas 4:1-4 dubbisi.