Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 61

Cimaa, Isin Dhugaa Baatonni!

Cimaa, Isin Dhugaa Baatonni!

(Luqaas 16:16)

  1. 1. Sabni Waaqaa ejjennoo cimaa qabu;

    Misiraachichaaf sodaa malee ni falmu.

    Seexanni isaan mormaa jira;

    Hin sodaatan Waaqni isaan gargaara.

    (BUUSAA)

    Jabaadhaa cimaa isin Dhugaa Baatonni!

    Gammadaa waan hojjettaniif Waaqaa wajjin!

    Lafti jannata akka taatu dhihootti,

    Eebba argannus himaa hundatti.

  2. 2. Qananiidhaan jiraachuuf hin carraaqnu;

    Addunyaaf mootota gammachiisuuʼn yaallu.

    Xuriirraa fagaannee jiraanna;

    Amanamummaa keenya ni eegganna.

    (BUUSAA)

    Jabaadhaa cimaa isin Dhugaa Baatonni!

    Gammadaa waan hojjettaniif Waaqaa wajjin!

    Lafti jannata akka taatu dhihootti,

    Eebba argannus himaa hundatti.

  3. 3. Waaqaa fi Mootummaasaa mormaniiru;

    Maqaasaa isa guddaa balleessaniiru.

    Maqaa kana qulqulleessina;

    Sabaa fi gosa hundumaa beeksisna.

    (BUUSAA)

    Jabaadhaa cimaa isin Dhugaa Baatonni!

    Gammadaa waan hojjettaniif Waaqaa wajjin!

    Lafti jannata akka taatu dhihootti,

    Eebba argannus himaa hundatti.