Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 64

Hojii Makaraa Irratti Gammachuudhaan Hirmaachuu

Hojii Makaraa Irratti Gammachuudhaan Hirmaachuu

(Maatewos 13:1-23)

  1. 1. Yeroo makarri gaʼe keessa,

    Jiraachuun mirga guddaa dha.

    Qamadiin haamaadhaaf qophaaʼe,

    Hawwiidhaan irrattʼ hirmaanna.

    Yesuus nuuf fakkeenya keenya dha,

    Ni geggeessa hojii haamaa;

    Ulfina guddaa dha nutti tola;

    Gammachuun midhaan sassaabna.

  2. 2. Yihowaa fi nama jaallanna

    Miira ariitii qabaanna.

    Lallabuuf barsiisuu dursina,

    Waan dhihaateef guyyaan dhumaa.

    Eebba dha gammachuun argannu,

    Kennaa Yihowaan nuu kennu.

    Obsaaf amantiidhaan itti fufna,

    Ni hojjenna isa faana.

(Dabalataan, Mat. 24:13; 1 Qor. 3:9; 2 Xim. 4:2 ilaali.)