Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 90

Wal Jajjabeessaa

Wal Jajjabeessaa

(Ibroota 10:24, 25)

  1. 1. Amanamoota akka taanu

    Yeroo wal jajjabeessinu,

    Ni jabaata jaalalli keenya;

    Nagaaf tokkummaa qabaanna.

    Jaalalli nu gidduuttʼ argamu,

    Hamma dhumaatti nu cimsa.

    Gumiin keenya dawoo nuu taʼa;

    Tasgabbii nuu argamsiisa.

  2. 2. Wantʼ yeroosaatti dubbatamu

    Namaaf jajjabeessa garaa.

    Dubbii akkanaa ni dhageenya

    Michoota amanamoorraa.

    Kan abdii akka keenyaa qaban

    Wajjin taʼuun nutti tola.

    Wal jajjabeessuun nurra jira;

    Baʼaa baachuu wal gargaarra.

  3. 3. Guyyaan Yihowaa dhihaachuusaa

    Ija ʼmantiitiin agarre;

    Wal gaʼuu keenya ittʼ haa fufnu,

    Karaarraa akka hin gorre.

    Tokkummaadhaan sabasaa faana,

    Bara baraaf ni hojjenna.

    Kanaaf wal haa jajjabeessinu,

    Amanamoo akka taanu.