Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 91

Hojii Jaalalaan Hojjenne

Hojii Jaalalaan Hojjenne

(Faarfannaa 127:1)

  1. 1. Yihowaa guyyaa kanaaf

    Baayʼee si galateeffanna.

    Ulfina nuu laatte, jaalala

    Nuttʼ argisiiste.

    Eebbisuu kee argine,

    Hojii jaalalaan hojjenne.

    Kana mirkaneessa manni kun

    Ijaaramuunsaa.

    (BUUSAA)

    Yaa Yihowaa, mirga guddaa dha,

    Siif ijaaruun mana kana.

    Umrii keenya guutuu si tajaajiluu feena

    Karaa hundaan si jajanna.

  2. 2. Hundi qabu gammachuu,

    Waliifis taanerra michuu.

    Bara baraaf wantoota gaarii

    Kana yaadanna.

    Hafuura kee argannee,

    Tokkummaadhaan ni hojjenne.

    Maqaa kee caalaatti beeksisne

    Eebba arganne.

    (BUUSAA)

    Yaa Yihowaa, mirga guddaa dha,

    Siif ijaaruun mana kana.

    Umrii keenya guutuu si tajaajiluu feena

    Karaa hundaan si jajanna.

(Dabalataan, Far. 116:1; 147:1; Rom. 15:6 ilaali.)