Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 94

Dubbii Waaqayyootiif ni Galateeffanna

Dubbii Waaqayyootiif ni Galateeffanna

(Filiphisiyus 2:16)

  1. 1. Yihowaa, Dubbii kee qabaachuu keenyaaf,

    Galata qabnu ibsuu barbaanna siif.

    Hafuuraan barreeffame;

    Nu baase bilisa.

    Beekumsa nuu kenna, dhugaa barsiisa.

  2. 2. Dubbiin kee humna qaba tuquuf garaa.

    Gargar nuu baasa lubbuu fi hafuura.

    Seerawwan kee qulqulluu,

    Murtiin kees dhugaa dha.

    Dubbiin kee nu geggeessa karaa hunda.

  3. 3. Ilmaan namootaa hawwata Dubbiin kee;

    Akkuma keenya turan raajonni kee.

    Waan dhageenyett’ amanna

    Maaloo nu gargaari.

    Galatoomi, nuu laatte Dubbii gaarii!