Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAARFANNAA 95

Ifichi Dabalaa Jira

Ifichi Dabalaa Jira

(Fakkeenya 4:18)

  1. 1. Waaʼee Yesuus abdii uumama aaduu,

    Baruu fedhan raajonni durii.

    Masiihichi fayyisu akka dhufu

    Ifatti mulʼise hafuurri.

    Yeroonsaa gaʼe, Masiihichi moʼe,

    Argamnisaa ifa taʼe.

    Mirga adda taʼe dha kana beekuun;

    Maleekonnillee eegaa turan!

    (BUUSAA)

    Daandiin keenya qulqullaaʼeera;

    Guyyaa dha sirriitti ifa.

    Waan Waaqayyo mulʼisu ʼlaalaa;

    Nu qajeelcha nu hordofa.

  2. 2. Gooftaan garbicha amanamaa muude,

    Isaan yeroosaatti nu soora.

    Dhugaan irraa jalaan ifaa dhufeera,

    Amansiisaaf kan tuqu garaa.

    Dhugaan nuu ife, ejjennoo cimsanne,

    Ifa guddaadhaan jiraanna.

    Madda dhugaa ti galannʼ Waaqaaf mala,

    Gammannee karaasaarra deemna.

    (BUUSAA)

    Daandiin keenya qulqullaaʼeera;

    Guyyaa dha sirriitti ifa.

    Waan Waaqayyo mulʼisu ʼlaalaa;

    Nu qajeelcha nu hordofa.

(Dabalataan, Rom. 8:22; 1 Qor. 2:10; 1 Phe. 1:12 ilaali.)