Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Qorannoo Arkiʼooloojii Daawit Mootichi Dhugumaan Akka Jiraate Argisiisu

Qorannoo Arkiʼooloojii Daawit Mootichi Dhugumaan Akka Jiraate Argisiisu

 Kitaabni Qulqulluun akka dubbatutti, mootii Israaʼel kan ture Daawit Dh.K.D. jaarraa 11ffaa keessa jiraateera, akkasumas sanyiin isaa waggoota dhibbaan lakkaaʼamaniif bulchaniiru. Qeeqxonni tokko tokko garuu seenaan Daawit oduu durii ykn sheekkoo namoonni yeroo booda uumanidha jedhanii falmu. Daawit Mootichi nama dhugumaan jiraate dhaa?

 Bara 1993tti arkiʼooloojistiin Avrahaam Biraan jedhamuu fi gareen isaa kaaba Israaʼel magaalaa Teel Daan keessatti dhagaa caccabaa barreeffamni “Mana Daawit” jedhu irratti barreeffame argatan. Barreeffamni kun Dh.K.D. jaarraa saglaffaa keessa qubee Seemetik duriitiin kan barreeffame dha. Kunis kutaa siidaa Aramaayonni Israaʼeloota injifachuu isaaniitiif dhaabanii akka taʼe haala isaa irraa hubachuun ni dandaʼama.

 Mata dureen Bible History Daily jedhamu irratti baʼe akkana jedha: “Namoonni tokko tokko barreeffamni ‘Mana Daawit’ jedhu kun Daawit Mootichi jiraachuu isaa kan argisiisu akka taʼe irratti walii hin galan . . . Haa taʼu malee, hayyoonni Kitaaba Qulqulluu fi arkiʼooloojistoonni hedduun siidaan Teel Daan kun ragaa Daawit inni Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame jiraachuu isaa argisiisu akka taʼe kan fudhatan taʼuu isaa irra iyyuu argannoowwan guguddaa barruu Biblical Archaeology Review [BAR] jedhamu irratti baʼan keessaa tokko dha.”