Dhimma ijoo ta'etti seeni

Wiirtuu Daawwattootaa Paatarsan Niiwu Yoorki, Yuunaayitid Isteetis. Fakkiiwwan: Daawwattoonni maree namoota muuziyamii “Ganda Kitaaba Qulqulluu Jaarraa Jalqabaa” wajjin gochaa jiran

AMAJJII 26, 2024
ODUU ADDUNYAA MARAA

Wiirtuu Daawwattootaa Paatarsan Haaraa Isa Addaa Taʼee fi Nama Hawwatu

Wiirtuu Daawwattootaa Paatarsan Haaraa Isa Addaa Taʼee fi Nama Hawwatu

Amajjii 1, 2024, Wiirtuun Daawwannaa Paatarsan, inni Wiirtuu Barumsaa Masaraa Eegumsaa Paatarsan Niiwu Yoorki, Yuunaayitid Isteetis jiru ifatti hojii jalqabeera. Wiirtuun daawwannaa Muuziyamii kanaa mata dureen isaa “Ganda Kitaaba Qulqulluu Jaarraa Jalqabaa” kan jedhudha. Obboleessi keenya Ayizaayaa Miilar inni Dippaartimantii Muuziyamii Beetel keessa hojjetu akkana jedheera: “Gandi Kitaaba Qulqulluu kan ijaarame, namni hundi namoonni bara Yesuusitti turan akkamitti akka jiraatan akka arganii fi akka baratan gargaarufidha. Qorannaan taasifame akka argisiisutti, maree gochuudhaan barachuun namoota yeroo kamitti iyyuu jiraatan irratti jijjiirama guddaa fida.” Daawwattuun tokko daawwannaa booda akkana jetteetti: “Muuziyamiin kun akkuma waan Israaʼel durii keessa jiruutti akka natti dhagaʼamu godheera. Baayʼee namatti tola!”

Kutaan muuziyamii kun namoonni waaʼee horii, nyaataa, biqiltootaa fi barsiifatawwan guyyaa guyyaa Israaʼeloota jaarraa jalqabaatti jiraachaa turanii sirriitti akka beekan gargaara. Fakkeenyaaf, mukeetiin ejersaa muuziyamicha keessa jiran mukeetii ejersaa Israaʼel keessa jiran fakkeeffamanii harkaan kan bocamanidha. Daawwattoonni dhagaa dhaabbiidhaan midhaan daakuu, akkasumas doonii Yesuusii fi barattoonni isaa qurxummii ittiin qabuuf itti fayyadamaa turanii wajjin wal fakkaatu yaabbatanii deemuu ni dandaʼu. Obboleessi tokko gammachuudhaan, “Akkuma waan galaana Yesuus ‘Cal jedhi! Gab jedhi!’ jedhee itti dubbate irratti doonicha yaabbadhee jiruutti natti dhagaʼame” jedheera. (Maarqos 4:39) Daawwattoonni yeroo mana sagadaa durii fakkaatu yommuu daawwatanitti, akkuma waan Dubbiin Waaqayyoo sagalee guddaadhaan yommuu dubbifamutti taaʼanii xiyyeeffannaadhaan dhaggeeffachaa jiranitti isaanitti dhagaʼamuu dandaʼa.

Fakkiiwwan Ganda Kitaaba Qulqulluu (gubbaa bitaa gara mirgaatti) irraa fudhataman: doonii jaarraa jalqabaa qurxummii ittiin qaban, dhagaadhaan midhaan daakuu, mana sagadaa fi bakka gabaa

Reebeekkaa fi Maarkos Ganda Kitaaba Qulqulluu keessatti akkamitti barcuma akka hojjetan barachaa jiru

Kutaan kan biraa muuziyamii kanaa, carraatti obbolootaa fi obboleettota Israaʼeloota ganda jaarraa jalqabaa keessa jiraataniitti fakkeeffaman wajjin dubbachuudhaan isaanirraa barachuudha. Daawwattoonni daldalawwan garaagaraa fi hojiiwwan bara Yesuusitti baramoo taʼan irratti hirmaachuu dandaʼu. Maarkos inni umuriin isaa waggaa kudhan taʼe, “Wantin baayʼee jaalladhe anaaxii Israaʼel tokko barcuma hojjechuu gargaaruu kooti!” jedheera. Reebeekaa ishiin umuriin ishii saddeet taʼes akkana jetteetti: “Anis anaaxii Israaʼel barcuma hojjechuu gargaaruu jaalladheera. Kana malees, qamadii dhagaadhaan daakuun baayʼee natti toleera.”

Wiirtuun daawwattootaa kun dabalataan kutaawwan kan biroo sadii qaba. Kutaan “Saantimota Jaarraa Jalqabaa Kitaaba Qulqulluu Keessatti Ibsaman” jedhu, teetiraadiraakmaa baayʼee hin argamne dabalatee, saantimoota jaarraa jalqabaatti turan kan argisiisudha. Kutaan “Ilmaan Kee Hundi Yihowaa Irraa kan Baratan ni Taʼu” jedhummoo, daawwattoonni manneen barumsaa tiʼookraasii garaagaraa fi faayidaa Yihowaa irraa barachuun qabu ibsan ilaalchisee hubannaa dabalataa akka argatan gargaara. Kutaan “Misiraachichaaf Falmuu fi Seera Duratti Fudhatama Akka Argatu Gochuu” jedhus, obbolootaa fi obboleettota amanamoo biyyoota hedduu jiranii fi ariʼatamni cimaan isaan irra gaʼe, akkasumas jaarmiyaan Yihowaa amanamummaadhaan akkamitti akka isaan deggere ibsan kan argisiisudha.

Bitaa gara mirgaatti: Argisiisa “Saantimota Jaarraa Jalqabaa Kitaaba Qulqulluu Keessatti Ibsaman” jedhuu, muuziyamii “Ilmaan Kee Hundi Yihowaa Irraa kan Baratan ni Taʼu” jedhuu fi muuziyamii “Misiraachichaaf Falmuu fi Seera Duratti Fudhatama Akka Argatu Gochuu” jedhu

Waldaan obbolummaa addunyaa maraa hundi dhufanii Wiirtuu Daawwattootaa Paatarsan daawwachuudhaan ofuma isaaniitii eebba hafuuraa guddaa kana akka dhandhaman affeeramaniiru. Kunis karaa Yihowaan hangam saba isaa akka jaallatuu fi bakka guddaa akka isaaniif kennu itti argisiisu kan biraadha.—Yaaqoob 1:17.