Dhimma ijoo ta'etti seeni

HAGAYYA 11, 2021
MAALAAWWII

Kitaabni Maatewos Afaan Mallattoo Maalaawwiitiin Baʼe

Kitaabni Maatewos Afaan Mallattoo Maalaawwiitiin Baʼe

Hagayya 8, 2021, Obboleessi Maarki Huuchiinsan inni miseensa Koree Waajjira Damee Maalaawwii taʼe, Wangeela Maatewos Afaan Mallattoo Maalaawwiitiin baaseera. Kitaabni kun kitaaba afaan mallattoo Maalaawwiitiin baʼe isa jalqabaa ti.

Kitaabichi kan baʼe sagantaan dursee waraabame naannoo tajaajilaa guutummaa waajjirichatti yeroo darbetti dha. Sagantichi televijinii fi buufata raadiyoo biyyichaatiinis darbeera.

Gumiin afaan mallattoo inni jalqabaa Liinloongiweetti kan hundaaʼe bara 2005 ture. Bara 2009⁠tti barreeffamoonni afaan mallattoo Maalaawwiitti hiikamuu eegalan. Yeroo sanaa kaasee walutti qabaatti barreeffamoonni 34 afaanichaatti hiikamaniiru. Amma tiimiiwwan hiikkaa miseensa 21 qaban shantu jira.

Miseensi hiikkaa kanaa gurri isaa hin dhageenye tokko yaada akkas jedhu kenneera: “Caqasoota barreeffamoota keenya keessatti mallattoodhaan argisiifaman irraa fayyadamaa tureerra. Amma qoʼannaa dhuunfaa fi wantoota kan biroo irratti yommuu caqasoota fayyadamanu yaadawwan duraa fi booda jiran ilaaluu dandeenya.”

Hiikkaan kun ifa taʼuu isaa argisiisuuf Maatewos 22:44 akka fakkeenyaatti argisiisfameera. Namni hiiku tokko akka itti aanutti biseera: “Hiikkaawwan Kitaaba Qulqulluu kan biroo irratti caqasni kun, ‘Gooftaan Gooftaa kootiin’ jedha. Kun namoonni tokko tokko Yihowaa fi Yesuus qaama tokko jedhanii akka amanan taasiseera. Hiikkaa kana irratti Yesuus Gooftaatti dubbataa kan jiru Yihowaa akka taʼe ifa taʼeera.”

Kennaan kun hariiroo obboloonnii fi obboleettonni keenya Maalaawwii jiran Yihowaa isa madda ‘kennaa guutuu hundumaa’ wajjin qaban akka isaaniif cimsu ni kadhanna.—Yaaqoob 1:17.