Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Dinqiiwwan Xiyyeeffannaa Keenya Kan Harkisan Maaliifi?

Dinqiiwwan Xiyyeeffannaa Keenya Kan Harkisan Maaliifi?

Dinqiiwwan Xiyyeeffannaa Keenya Kan Harkisan Maaliifi?

“Dinqii raawwachuun seera saayinsii kan cabsudha.”​—⁠GAMA ‘PABLIIK ANDARISTAANDIINGI OOV SAAYINSI’ JEDHAMUUN PIROOFEESARA KAN TAʼAN RIICHAARDI DOOKANZI.

“Dinqiin raawwatamuu akka dandaʼu amanuun guutummaatti sirriidha. Kun amantii wajjin kan wal faallessu utuu hin taʼin, Waaqayyo akka nu jaallatuufi uumamasaatiif xiyyeeffannaa kennuusaa akka itti fufe kan argisiisudha.”​—⁠ROOBARTI LAARMAR, PIROOFEESARA FALAASAMAA.

“ATOO dinqiitti ni amantaa?” Akkuma yaada armaan oliirraa hubachuun dandaʼamu, ilaalchi namoonni dhimma kanarratti qaban baayʼee garaagaradha. Haataʼu malee, ati gaaffii kanaaf deebii akkamii kennita?

“Eeyyee nan amana” jettee deebisuu ni mamta taʼa. Tarii akkas jechuun nama hafuurota xuraaʼootti amanu ykn nama hin baranne kan si fakkeessu akka taʼe sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Namoonni baayʼeen akkas isaanitti dhagaʼama.

Karaa garabiraammoo dinqiin dhugumaan raawwatamuu akka dandaʼu amantii cimaa qabda taʼa. Dinqiiwwan Macaafa Qulqulluu keessatti galmeeffaman, kan akka seenaa waaʼee Museen Galaana Diimaa akka gargar hire dubbatanii ni amanta taʼa. Yeroo harʼaas dinqiin raawwatamuu akka dandaʼu ni amanta taʼa. Gabaasni dhiheenya baʼe tokko yaada akkas jedhu ibsee ture: “Namoonni biyyoota gara Dhihaa keessa jiraatan hedduunsaanii, fakkeenyaaf Yunaayitid Isteetisitti namoota 4 keessaa namoonni 3, Biritaaniyaattimmoo parsantii 38 kan taʼan dinqiitti amanuusaanii itti fufaniiru.” (Za Kaambiriiji Kompaaniyan tuu Miraakilsi, Giraaham Tiweelfitiriidhaan kan qophaaʼe) Kana malees, dinqiitti kan amanan Kiristiyaanota qofa miti. Biritaanikaa Insaaykilooppiidiyaa oov Worlid Riliijin, dinqiitti amanuun “amantiifi aadaa hunda keessatti kan argamu” akka taʼe ibseera.

Yookiinimmoo namoota, “Ani hin beeku, beekuus hin barbaadu! Dinqiin jireenyakoo keessatti raawwatamee hin beeku” jedhanii deebisan keessaa tokko taʼuu dandeessa. Haataʼu malee, waaʼee dinqii beekuun kan si barbaachisu maaliifi?

Mee haala akka fakkeenyaatti dhihaate kanarratti yaadi: Dhukkuba fayyuu hin dandeenyeen qabamteetta haa jennu. Gaazexaa waaʼee fayyaa ibsuufi beekamaa taʼe tokkorratti qorichi dhukkubakee fayyisuu dandaʼu akka argame utuu dubbistee, yeroo muraasa ramaddee dhugaa taʼuusaa mirkaneessuuf carraaquunkee barbaachisaa sitti hin fakkaatuu? Haaluma walfakkaatuun, Macaafni Qulqulluun dhiheenyatti dinqiiwwan ajaaʼibsiisaa taʼan akka raawwataman abdii kenna. Dinqiiwwan kun uumama lafarra jiraatu hunda kan tuqan taʼu. Abdiin kun dhugumaan kan raawwatamu taʼuusaa yeroo muraasa fudhattee qoruuf carraaquunkee gaarii mitii?

Dinqiiwwan abdachiifaman kun maal akka taʼan qoruu keenya dura, mormiiwwan bara​maa dinqii ilaalchisee kaʼan sadiif deebii haa argannu.

[Saanduqa fuula 3⁠rra jiru]

DINQIIN MAALIDHA?

Dinqiin gocha humna ilmaan namootaatii ol taʼeen raawwatamu siʼa taʼu, yeroo baayʼee humna olaanaa taʼe tokkoon akka raawwatamutti ilaalama.