Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Uumamawwan Hafuuraa Nu Fayyaduu Yookiin Nu Miidhuu Dandaʼuu?

Uumamawwan Hafuuraa Nu Fayyaduu Yookiin Nu Miidhuu Dandaʼuu?

Macaafa Qulqulluurraa Baradhu

Uumamawwan Hafuuraa Nu Fayyaduu Yookiin Nu Miidhuu Dandaʼuu?

Matadureen kun yaadawwan gaaffii sitti taʼuu dandaʼan kan kaasu siʼa taʼu, Macaafa Qulqulluu keerraa deebiisaanii bakka kamitti argachuu akka dandeessu ibsa. Dhugaa Baatonni Yihowaa gaaffiiwwan kanarratti sii wajjin mariʼachuun isaan gammachiisa.

1. Ergamoonni eenyufaʼi?

Ergamoonni, uumamawwan hafuuraa samii keessa jiraatanidha. Akkaataan uumamaasaanii kan ilmaan namootaarra baayʼee kan caaludha. Waaqni dhugaanis qaama hafuuraa kan qabu siʼa taʼu, ergamoota kan uume lafa uumuusaa dura ture. (Iyoob 38:4, 7; Maatewos 18:10) Yihowaan ergamoota amanamoo miliyoona hedduutti lakkaaʼamanii wajjin jiraata.​—⁠Faarfannaa 103:20, 21; Daaniʼel 7:9, 10 dubbisi.

2. Ergamoonni namoota ni gargaaruu?

Ergamoonni, nama qajeelaa Loox jedhamu gargaaranii turan. Loox magaalaa hammina namoonni achi keessa jiraatan raawwataniin kan kaʼe Waaqayyo balleessuuf murteesse keessa jiraata ture. Ergamoonni lama Looxiifi maatiinsaa akka baqatan akeekkachiisanii turan. Namoonni tokko tokko garuu akeekkachiisa kana akka laayyootti ilaaluudhaan xiyyeeffannaa utuu hin kenniif hafan. Looxiifi intaloonnisaa garuu, akeekkachiisa Waaqayyo ergamootatti fayyadamee isaanitti himeef waan ajajamaniif badiisarraa oolaniiru.​—⁠Uumama 19:1, 13-17, 26 dubbisi.

Macaafni Qulqulluun, ergamoonni tajaajiltoota yeroo harʼaa amanamummaadhaan misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallaban qajeelchuudhaan namoota gargaaraa akka jiran dubbata. (Maatewos 24:14) Misiraachoon kun akeekkachiisas kan dabalatudha. Akkuma akeekkachiisa Looxiif kenname, akeekkachiisni kunis akka laayyootti kan ilaalamu miti. Karaa ergamootaa Waaqayyo biraa kan dhufudha.​—⁠Mulʼata 1:1; 14:6, 7 dubbisi.

Waaqayyo yommuu qorumsi nu mudatu nu jajjabeessuuf ergamootatti fayyadamuu dandaʼa. Yesusiin jajjabeessuuf ergamaa tokkotti fayyadameera.​—⁠Luqaas 22:41-43 dubbisi.

Dhiheenyattimmoo Waaqayyo, karaa kan biraatiin, jechuunis namoota hamoo taʼan balleessuuf ergamootatti fayyadama. Kunis ilmaan namootaatiif boqonnaa guddaa argamsiisa.​—⁠2 Tasaloniiqee 1:6-8 dubbisi.

3. Hafuuronni hamoon kan nu miidhan akkamitti?

Akkuma lafarratti namoonni hedduun Waaqayyoof ajajamuu diduudhaan gocha gadhee raawwatan, samiirrattis ergamoonni hedduun Waaqayyorratti kaʼanii turan. (2 Phexros 2:4) Ergamoonni ajajamoo hin taane kun hafuurota hamoo jedhamu. Isaan keessaa inni guddaan Seexana isa Diiyaabilos jedhamudha. Seexanniifi ergamoonnisaa ilmaan namootaa dogoggorsaa jiru.​—⁠Mulʼata 12:9 dubbisi.

Seexanni, namootarratti dhiibbaa gochuufi Waaqayyorraa fageessuuf, dhaabbata daldalaa mancaʼaa taʼe, mootummootaafi amantii sobaatti fayyadama. Kanaaf, jalʼina, hamminaafi rakkina ilmaan namootaarra gaʼaa jiruuf kan itti gaafatamu Seexanadha.​—⁠1 Yohannis 5:19 dubbisi.

4. Hafuuronni hamoon namoota kan dogoggorsan akkamitti?

Seexanni, namoonni duʼan hafuura akka taʼaniifi isaanii wajjin wal qunnamuu akka dandaʼan barsiisuudhaan namoota dogoggorseera. Macaafni Qulqulluun garuu, namoonni duʼan homaa gochuu akka hin dandeenye dubbata. (Lallaba 9:5) Haataʼu malee, hafuuronni hamoon yeroo baayʼee sagalee nama jaallataniifi duʼaan dhaban sanaa fakkeessuudhaan nama dogoggorsu. (Isaayaas 8:19) Hafuuronni hamoon, eker dubbistuu, qaalluu, namoota hooda dubbataniifi urjii lakkaaʼanitti fayyadamanii namoota dogoggorsu. Dubbiin Waaqayyoo, gocha akkasiirraa akka fagaannu nu akeekkachiisa. Kanaaf, miʼa hafuurota hamoo wajjin walitti dhufeenya qabu qabna taanaan gatuu qabna.​—⁠Keessa Deebii 18:10, 11; Hojii Ergamootaa 19:19 dubbisi.

Yihowaa kan jaallannu taanaan, hafuurota hamoo sodaachuun nu hin barbaachisu. Dubbii Waaqayyoo kan qayyabannuufi akka inni jedhutti kan jiraannu yoo taʼe, Seexana mormuudhaan Waaqayyotti dhihaachuu dandeenya. Yihowaan humna hafuurota hamoorra caalu qaba. Ergamoonnisaa warri amanamoon yeroo rakkinni nurra gaʼutti nu jajjabeessuu dandaʼu.​—⁠Faarfannaa 34:7; Yaaqoob 4:7, 8 dubbisi.

Oddeeffannoo dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa Baatota Yihowaatiin qophaaʼe kana boqonnaa 10 ilaali.