Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Waaqayyo Yommuu Dhiifama Godhu, Ni Irraanfataa?

Waaqayyo Yommuu Dhiifama Godhu, Ni Irraanfataa?

Waaqayyotti Dhihaadhu

Waaqayyo Yommuu Dhiifama Godhu, Ni Irraanfataa?

DEEBIINSAA ‘eeyyee’ kan jedhudha. Yihowaan namoota faara tolaadhaan ilaaluuf abdii, “Ani yakka isaanii isaaniif nan dhiisa, cubbuu isaaniis deebiʼee isaanitti hin lakkaaʼu” jedhu kenneera. (Ermiyaas 31:34) Yihowaan namoota cubbuusaaniirraa qalbii geddarataniif dhiifama erga godhee booda cubbuusaanii hin yaadatu. Kana jechuun garuu, Uumaan uumama cufaa cubbuu dhiifama godhe sana yaadachuu hin dandaʼu jechuudhaa? Wanti Hisqiʼel dubbate, Waaqayyo dhiifama kan godhuufi kan irraanfatu akkamitti akka taʼe baʼeessa godhee ibsa.​—⁠Hisqiʼel 18:19-22 dubbisi.

Yihowaan, sagalee dabarsituusaa godhee Hisqiʼelitti fayyadamuudhaan murtoo Yihudaafi Yerusaalem warra amanamoo hin taanerratti dabarsuuf jedhu dubbateera. Harki caalaan sabichaa waaqeffannaa Yihowaa kan dhiise siʼa taʼu, biyyichas hammeenyaan guutanii turan. Yihowaanis warri Baabilon Yerusaalemiin akka balleessan raajii dubbate. Haataʼu malee, murtoon Yihowaan dabarse ergaa abdiis kan of keessaa qabu ture. Namoonni hundi filannoo dhuunfaa gochuu kan dandaʼan siʼa taʼu, gocha raawwataniifis itti gaafatamu turan.​—Lakkoofsa 19, 20.

Namni tokko wanta gadhee hojjechaa ture dhiisee waan gaarii yoo raawwatehoo? Yihowaan, “Namni jalʼaan cubbuu hojjete hundumaa irraa deebiʼee seerrata koo hundumaa yoo eege, wanta dhugaa fi qajeelaa yoo hojjete, inni dhugumaan, in jiraata malee, hin duʼu” jedheera. (Lakkoofsa 21) Eeyyee, Yihowaan nama cubbuu raawwateefi daandii jalʼinaarraa deebiʼee garaadhaa qalbii geddarateef ‘cubbuusaa in dhiisa.’​—⁠Faarfannaa 86:5.

Cubbuunsaahoo maal godhama? Yihowaan kana ilaalchisee, “Irra-daddarbaa inni hojjete sana hundumaa keessaa tokko illee hin yaadatamu” jedheera. (Lakkoofsa 22) Cubbuun nama qalbii geddarate sanaa “hin yaadatamu” jedhamuusaa qalbeeffadhu. Kun taʼuunsaa barbaachisaa kan taʼe maaliifi?

Macaafa Qulqulluu keessatti jechi afaan Ibraayisxii “yaadachuu” jedhamee hiikame, waan darbe yaadachuu caalaa wanta dabalatu qaba. Kitaabni tokko jecha kana ilaalchisee, “Yeroo baayʼee tarkaanfii fudhatame tokko ykn gochima tarkaanfii fudhatame tokko ibsuu wajjin itti hojjetama” jedheera. Kanaafuu, jechi “yaadachuu” jedhu “tarkaanfii fudhachuu” jedhamuu dandaʼa. Yihowaan namni qalbii geddarate tokko cubbuunsaa itti “hin yaadatamu” yommuu jedhu, sana booda sababa cubbuusaatiin akka tarkaanfii irratti hin fudhanneefi akka isa hin adabne dubbachuusaa ture. *

Yaanni Hisqiʼel 18:21, 22⁠rra jiru Waaqayyo hangam dhiifama akka namaa godhu haala garaa namaa tuquun ibsa. Yihowaan cubbuu keenya yommuu nuuf dhiisu, gara fuulduraatti cubbuu sana matumaa nutti hin lakkaaʼu jechuudha. Kanaa mannaa, cubbuu nama qalbii geddarate sanaa of duubatti gata. (Isaayaas 38:17) Haalli kun cubbuu nama sanaa haxaaʼee akka balleessetti lakkaaʼama.​—⁠Hojii Ergamootaa 3:19.

Cubbuu waan dhaalleef dhiifama Waaqayyoo argachuun nu barbaachisa. Kana malees, yeroo baayʼee cubbuu ni raawwanna. (Roomaa 3:23) Taʼus, garaa keenyarraa qalbii yoo geddaranne Yihowaan dhiifama nuu gochuuf fedhii kan qabu taʼuusaa akka beeknu barbaada. Akkasumas yommuu dhiifama godhu ni irraanfata; jechuunis nu ceephaʼuuf ykn nu adabuuf jedhee cubbuu hojjenne lammata hin yaadatu. Kun baayʼee kan nama jajjabeessuudha! Waaqayyo dhiifama kan godhu taʼuunsaa caalaatti akka isatti dhihaattu si hin kakaasuu?

[Miiljalee]

^ key. 7 Haaluma wal fakkaatuun, “yakka yaadachuu” jechuun, “warra cubbuu raawwatanirratti tarkaanfii fudhachuu” jechuu taʼuu dandaʼa.​—⁠Ermiyaas 14:10.