Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

MATA DUREE FUULA JALQABAA | ODEEFFANNOO DABALATAA ARGACHUU YKN KAFFALTII MALEE KITAABA QULQULLUU QOʼACHUU NI BARBAADDAA?

Kitaabni Qulqulluun Jireenya Koo kan Fooyyessu Akkamitti?

Kitaabni Qulqulluun Jireenya Koo kan Fooyyessu Akkamitti?

Kitaabni Qulqulluun kitaabota kaan irraa adda dha. Gorsa Uumaa keenyaa qabateera. (2 Ximotewos 3:16) Ergaan isaa nu irratti dhiibbaa guddaa geessisuu dandaʼa. Kitaabni Qulqulluun iyyuu, “Dubbiin Waaqayyoo jiraataa fi humna qabeessa dha” jedha. (Ibroota 4:12) Kitaabichi karaawwan guguddaa lamaan jireenya keenya fooyyessuuf humna qaba; tokkoffaa, yeroo ammaatti jireenya keenyaaf qajeelfama nuu kenna; lammaffaa immoo Waaqayyoon, akkasumas abdiiwwan isaa akka beeknu nu gargaara.—1 Ximotewos 4:8; Yaaqoob 4:8.

Yeroo ammaatti jireenya kee sii fooyyessa. Kitaabni Qulqulluun dhimma dhuunfaa irratti si gargaaruu dandaʼa. Dhimmawwan armaan gadii irratti gorsa gaarii siif kenna:

Hiriyoonni gaaʼelaa dargaggoota taʼanii fi Eeshiyaatti argaman tokko gorsi Kitaaba Qulqulluu faayidaa guddaa akka qabu hubataniiru. Akkuma hiriyoota gaaʼelaa haaraa taʼan kaanii, isaanis amala walii isaanii wajjin sirreeffama gochuunii fi ifatti waliin mariʼachuun isaan rakkisa ture. Taʼus, wanta Kitaaba Qulqulluu irraa dubbisan hojii irra oolchuu jalqaban. Buʼaa akkamii argatan? Viisent akkana jedheera: “Wantin Kitaaba Qulqulluu irraa dubbise, rakkoowwan gaaʼela keenya keessatti na mudatan jaalalaan hiikuuf na gargaareera. Akka Kitaabni Qulqulluun jedhutti jiraachuun keenya jireenya gammachuu qabu nuuf argamsiiseera.” Haati manaa isaa Anaaluunis yaada kana irratti walii galuudhaan, “Fakkeenyawwan Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman dubbisuun keenya nu gargaareera. Amma gaaʼela keenyatti, akkasumas galmawwan baafannetti nana gammada” jetteetti.

Waaqayyoon beekuu. Viisent yaada gaaʼela isaa ilaalchisee kenneen alattis, “Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaan, yeroo kam iyyuu caalaa amma caalaatti Yihowaatti akkan dhihaadhe natti dhagaʼama” jedheera. Yaanni Viisent kenne wanta barbaachisaa taʼe tokko irratti kan xiyyeeffate siʼa taʼu, innis Kitaabni Qulqulluun Waaqayyoon beekuuf si gargaaruu akka dandaʼu kan argisiisu dha. Akkana gochuudhaan gorsa isaa irraa faayidaa argachuu qofa utuu hin taʼin, akka michuu keetti isa beekuu akka dandeessus ni hubatta. Wanta gaarii gara fuulduraatti argamu, jechuunis yeroo “jireenya isa dhugaa” isa bara baraaf itti fufu itti argachuu dandeessu ilaalchisee wantoota hedduu akka ibse hubatta. (1 Ximotewos 6:19) Kitaabni abdii akkanaa kennuu dandaʼu kan biraan hin jiru.

Kitaaba Qulqulluu dubbisuu yoo jalqabdee fi dubbisuu kee yoo itti fufte atis faayidaawwan kana argachuu, jechuunis jireenya kee fooyyessuu fi Waaqayyoon beekuu ni dandeessa. Haa taʼu malee, Kitaaba Qulqulluu yommuu dubbistu gaaffii hedduun sitti uumamuun isaa hin oolu. Gaaffiiwwan yommuu sitti uumaman, fakkeenya gaarii abbaa taayitaa Itoophiyaa waggoota 2,000 dura jiraate tokkoo yaadadhu. Namichi kun Kitaaba Qulqulluu ilaalchisee gaaffiiwwan hedduu qaba ture. Wanta dubbisaa jiru kan hubate taʼuu isaa yommuu gaafatametti, “Namni na barsiisu utuu hin jiraatin akkamittan hubachuu dandaʼa?” jedhee deebiseera. Achiis gargaarsa Filiphoos inni barsiisaa Kitaaba Qulqulluu gaʼumsa qabuu fi barataa Yesuus ture isaaf kenne gammachuudhaan fudhateera. (Hojii Ergamootaa 8:30, 31, 34) Atis miiruma akkanaa qabaachuudhaan, waaʼee Kitaaba Qulqulluu caalaatti beekuu yoo barbaadde, weebsaayitii www.ps8318.com/om jedhamutti fayyadamtee gaaffii kee akka ergitu ykn teessoowwan barruu kana irratti argaman keessaa isa sitti dhihaatutti akka barreessitu si afeerra. Kana malees, Dhugaa Baatota Yihowaa sitti dhihoo jiran mariisisuu ykn Galma Mootummaa naannoo keetti argamu dhaquu dandeessa. Kitaaba Qulqulluu harʼuma dubbisuu jalqabuudhaan, jireenya fooyyaʼaatti akka si qajeelchu maaliif hin heyyamtu?

Guutummaatti Kitaaba Qulqulluutti amanuu ilaalchisee shakkii yoo qabaatte viidiyoo gabaabaa, Kitaabni Qulqulluun Dhugaa Taʼuu Isaa Akkamitti Beekna? jedhu akka ilaaltu si afeerra. Koodicha dubbisiisuudhaan ykn weebsaayitii jw.org/om irraa WANTOOTA QOPHAAʼAN > VIIDIYOO > KITAABA QULQULLUU jalaa viidiyoo kana argachuu dandeessa

Mata duree maxxansa kana keessatti argamuu fi “Kun Hubannaa Dogoggoraa Xinnoo Taʼe Qofa Dhaa?” jedhus ilaali.