Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

FAKKEENYA AMANTII ISAANII HORDOFAA | HENOK

“Inni Akka Gaariitti Waaqayyoon Gammachiiseera”

“Inni Akka Gaariitti Waaqayyoon Gammachiiseera”

HENOK nama bara dheeraa jiraate ture. Kana tilmaamuun ulfaataa yoo nutti taʼe illee, umuriin nama kanaa gara waggaa 365 ture; kana jechuun akka yeroo harʼaatti umurii namoota yeroo dhedheeraa jiraatan afurii caalaa jiraateera jechuu dha! Taʼus, bara sanatti inni nama baayʼee dulloome hin turre. Yeroo sanatti jechuunis, gara jaarraa 50 dura namoonni yeroo harʼaa caalaa umurii dheeraa jiraatu turan. Addaam namni jalqabaa yeroo Henok dhalatetti waggaa dhibba jaʼaa ol kan jiraate siʼa taʼu, sana booda inni jaarraa dabalataa sadiif jiraateera! Sanyiin Addaam tokko tokko immoo kana caalaa umurii dheeraa jiraataniiru. Kanaafuu, Henok umurii isaa waggaa 365tti akka nama gara fuulduraatti umurii dheeraa jiraatuutti, nama cimaa kan fakkaatu taʼuu hin oolu. Taʼus, inni sana booda hin jiraanne.

Henok balaa guddaadhaaf saaxilamee kan ture taʼuu hin oolu. Deebii namoonni yeroo inni dhiheenya kana ergaa Waaqayyoo isaanitti himetti kennan yaadaa yommuu baqatu yaadaan ilaali. Fuulli isaanii aariidhaan gudunfameera. Namoonni kun isa ni jibbu. Ergaa isaa ni tuffatu, Waaqa isa isa erges ni jibbu. Nama kana miidhuu kan dandaʼan taʼus, Yihowaa isa Waaqa Henok taʼe garuu miidhuu hin dandaʼan! Henok tarii maatii isaa lammata arguu akka hin dandeenye yaadee taʼuu dandaʼa. Waaʼee haadha manaa isaa fi ijoollee durbaa isaa ykn waaʼee ilma isaa Matusaalaa ykn waaʼee ilma ilma isaa Laamek yaadee turee laata? (Uumama 5:21-23, 25) Seenaan isaa kanumaan xumuramaa?

Henok Kitaaba Qulqulluu keessatti nama waaʼeen isaa balʼinaan ibsame miti. Waaʼee isaa kan dubbatan kutaawwan Kitaaba Qulqulluu gaggabaabaa taʼan sadii qofa dha. (Uumama 5:21-24; Ibroota 11:5; Yihudaa 14, 15) Haa taʼu malee, caqasoonni muraasni kun waaʼee nama amantii guddaa qabu kanaa beekuuf yaada gaʼaa qabataniiru. Wanta maatii keetiif barbaachisu dhiheessaa jirtaa? Wanta akka sirrii taʼe beektu tokkoof ejjennoo qabdu eegdee jiraachuuf qabsoo gootee beektaa? Taanaan amantii Henok irraa wanta hedduu barachuu dandeessa.

“HENOK KARAA ISAA IRRA DEDDEEBIʼUUDHAAN WAAQAYYOO WAJJIN JIRAATE”

Bara Henok jiraatetti namoonni daandii gadhee taʼe irra deddeebiʼu turan. Henok Addaam irraa jalqabee dhaloota torbaffaa ture. Dhugaa dha, yeroo sanatti ilmaan namootaa yeroo namoonni qaama mudaa hin qabne isa Addaamii fi Hewwaan duraan qabanii fi yeroo booda dhabanitti baayʼee dhihoo turan. Yeroo sanatti namoonni umurii dheeraa kan jiraatan kanaaf ture. Haa taʼu malee, namoonni sun karaa naamusaa fi karaa hafuuraa haala hamaa keessa turan. Jeequmsi babalʼatee ture. Haalli kun kan jalqabe dhaloota lammaffaa irratti jechuunis, yeroo Qaayin obboleessa isaa Abeeliin ajjeesetti ture. Sanyii Qaayin keessaa namichi tokko Qaayin caalaa hamaa taʼuu isaattii fi nama haaloo baʼu taʼuu isaatti baayʼee kan boone fakkaata. Dhaloota sadaffaa keessatti immoo wanti hamaan haaraa taʼe tokko ni jalqabe. Namoonni maqaa Yihowaa waamuu jalqaban; kana kan godhan garuu kabaja waaqeffannaatiif qabaniin kan kaʼe hin turre. Haala isaa irraa hubachuun akka dandaʼamutti, namoonni kun kana kan godhan karaa arrabsoo fi tuffii argisiisuun ture.—Uumama 4:8, 23-26.

Bara Henokitti amantiin mancaʼaa taʼe akkanaa baramaa kan ture taʼuu hin oolu. Kanaafuu, Henok erga guddatee booda filannaa gochuu qaba ture. Tuuta namootaa bara isaa turanii wajjin wal fakkaatee jiraataa? Moo Waaqa dhugaa kan taʼe Yihowaa isa samii fi lafa uume barbaaddata? Henok waaʼee Abeel isa karaa Yihowaa gammachiisuun isa waaqeffachuu isaatiin kan kaʼe wareegame sanaa barachuuf kakaʼee taʼuu qaba. Innis ejjennoo akkanaa qabaachuuf murteessee ture. Uumamni 5:22, “Henok karaa Waaqayyoo irra deddeebiʼuudhaan . . . Waaqayyoo wajjin in jiraate” jechuudhaan nutti hima. Ibsi adda taʼe kun Henok addunyaa Waaqayyoon hin beekne sana keessatti nama Waaqayyoon waaqeffatu akka ture argisiisa. Inni namoota Kitaabni Qulqulluun haala kanaan ibsu keessaa isa jalqabaa ti.

Caqasni kun Henok ilma isaa Matusaalaa erga dhalchee boodas Yihowaa wajjin adeemuu isaa akka itti fufe dubbata. Kanaafuu, Henok yeroo umuriin isaa gara waggaa 65 taʼutti nama maatii qabu akka ture ni hubanna. Henok haadha manaa maqaan ishii Kitaaba Qulqulluu keessatti hin ibsamne, akkasumas “ilmaanii fi intaloota” baayʼinni isaanii hin ibsamne qaba ture. Namni maatii qabu tokko utuma ijoollee isaa guddisuu fi wanta maatii isaatiif barbaachisu dhiheessuu, Waaqayyoo wajjin kan deddeebiʼu yoo taʼe, karaa Waaqayyo barbaaduun maatii isaa kunuunsuuf kan carraaqu taʼuu qaba. Henok amanamummaadhaan haadha manaa isaatti maxxanuu akka qabu Yihowaan akka isa irraa eegu hubatee ture. (Uumama 2:24) Ijoollee isaa waaʼee Yihowaa barsiisuufis waan isaaf dandaʼame hunda akka godhe beekamaa dha. Kun buʼaa akkamii isaaf argamsiise?

Kitaabni Qulqulluun kana ilaalchisee ibsa balʼaa hin kennu. Kana malees, waaʼee amantii ilma isaa Matusaalaa isa seenaa Kitaaba Qulqulluu keessatti nama kam iyyuu caalaa umurii dheeraa akka jiraate ibsamee fi bara Bishaan Badiisaa isa guddaatti duʼe sanaa homaa hin dubbatu. Haa taʼu malee, Matusaalaan ilma Laamek jedhamu tokko dhalchee ture. Laamek gara jaarraa tokkoo oliitiif akaakayyuu isaa Henokii wajjin bara tokko keessa jiraateera. Laamekis nama amantii guddaa qabu akka taʼe argisiiseera. Yihowaan Laamek waaʼee ilma isaa, jechuunis waaʼee Nohi raajii akka dubbatu kan godhe siʼa taʼu, raajiin kunis Bishaan Badiisaa booda raawwatameera. Nohi akkuma akaakayyuu isaa Henok namoota bara sanatti turan keessaa inni Waaqayyoo wajjin deddeebiʼee akka ture ibsameera. Nohi matumaa Henokii wajjin wal argee hin beeku. Taʼus, Henok dhaala guddaa isaaf kaaʼee darbeera. Nohi seenaa kana abbaa isaa Laamek ykn akaakayyuu isaa Matusaalaa irraa tarii immoo Yaared isa abbaa Henok taʼee fi yeroo Nohi umuriin isaa waggaa 366 taʼetti duʼe irraa baratee taʼuu dandaʼa.—Uumama 5:25-29; 6:9; 9:1.

Mee garaa garummaa Henokii fi Addaam gidduu ture yaadi. Addaam nama mudaa hin qabne kan ture taʼus, Yihowaa irratti cubbuu hojjeteera, akkasumas sanyiin isaa fincilaa fi gadadoo akka dhaalan godheera. Henok garuu cubbuu kan dhaale taʼus, Waaqayyoo wajjin deddeebiʼeera, akkasumas amantii sanyiin isaa dhaaluu dandaʼan isaaniif kaaʼeera. Addaam kan duʼe yeroo Henok umuriin isaa waggaa 308 turetti dha. Maatiin Addaam akaakayyuu isaanii isa baayʼee ofittoo taʼe kanaaf gaddanii turanii laata? Waaʼee kanaa waan beeknu hin qabnu. Sanas taʼe kana, ‘Henok karaa isaa irra deddeebiʼuudhaan waaqayyoo wajjin jiraateera.’—Uumama 5:24.

Atis wanta maatii keetiif barbaachisu dhiheessaa jirta yoo taʼe, amantii Henok irraa wanta barachuu dandeessu yaadi. Wanta karaa qaamaa maatii keetiif barbaachisu dhiheessuun barbaachisaa taʼus, wanta karaa hafuuraa isaan barbaachisu dhiheessuu caalaa barbaachisaa kan taʼe hin jiru. (1 Ximotewos 5:8) Fedhii isaanii kana kan guuttu wanta gootuunis malee wanta dubbattuun qofa miti. Ulaagaa dubbii Waaqayyoo keessa jiruun geggeeffamuudhaan akkuma Henok Waaqayyoo wajjin deddeebiʼuuf yoo filatte, maatii keetiif dhaala guddaa hordofuu dandaʼan kaaʼuu ni dandeessa.

HENOK ‘WAAʼEE ISAANII RAAJII DUBBATEERA’

Henok inni nama amantii taʼe addunyaa amantii hin qabne sana keessatti tarii kophummaan isatti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Waaqni isaa Yihowaan xiyyeeffannaa isaaf kennee turee? Eeyyee kenneera. Yihowaan gaaf tokko tajaajilaa isaa amanamaa taʼe kanatti ni dubbate. Waaqayyo namoota bara isaa turanitti akka dubbatuuf ergaa tokko Henokitti ni hime. Yihowaan akka kanaan raajii isa gochuudhaan, Henok raajii jalqabaa ergaan isaa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame akka taʼu godheera. Yihudaan inni obboleessa Yesuus taʼe jaarraa hedduu booda raajii Henok dubbate geggeessaa hafuuraatiin waan barreesseef waaʼee kanaa beekuu dandeenyeerra. *

Raajiin Henok dubbate maal ture? Raajiin sun, “Kunoo, Yihowaan maleekota isaa qulqulluu kumaatama hedduu wajjin dhufeera; kan dhufes hundumaatti murteessuuf, akkasumas wanta gadhee namoonni hamoon hundi karaa Waaqayyoof ulfina hin fidneen hojjetan hundaa fi wantoota suukanneessaa namoonni Waaqayyoon hin sodaanne isa irratti dubbataniif isaanitti murteessuuf jedhee ti” kan jedhu ture. (Yihudaa 14, 15) Henok seenaa kana kan dubbate akka waan darbeetti, jechuunis akka waan Waaqayyo wanta raajiidhaan dubbatame sana raawwatetti akka taʼe hubatteetta taʼa. Raajiiwwan sana booda dubbataman hedduun kan barreeffaman haala kanaan ture. Yaanni isaa kana dha: Raajichi wanta raawwatamuun isaa hin oollee fi akka waan raawwatameetti ibsamuu dandaʼu tokko dubbachaa jira!—Isaayaas 46:10.

Henok addunyaa isa jibbuu keessatti sodaa malee ergaa Waaqayyoo labseera

Namoota dhagaʼan hundatti labsii kana tarii haala lallabaatiin dabarsuun Henokiif akkam ture laata? Akeekkachiisni sun hammam cimaa akka ture qalbeeffadhu; caqasichi namoota sana, gocha isaanii fi akkaataa gocha sana itti raawwatan balaaleffachuuf jechoota “wanta gadhee,” “karaa Waaqayyoof ulfina hin fidne,” akkasumas “wantoota suukanneessaa” jedhanitti fayyadameera. Kanaafuu, raajiin sun addunyaan namoonni erga Eeden keessaa baʼanii jalqabee hundeessan guutummaatti akka mancaʼe namoota hunda akeekkachiiseera. Addunyaan sun yeroo Yihowaan badiisa fiduuf “maleekota isaa qulqulluu kumaatama hedduu,” jechuunis maleekota waraanaa humna guddaa qabanii wajjin dhufu badiisni guddaan isa irra ni gaʼa. Henok akeekkachiisa Waaqayyoo kana kophaa isaa sodaa tokko malee himeera. Tarii yeroo kanatti Laamek inni ijoollee ture ija jabina akaakayyuun isaa argisiise dinqisiifannaadhaan ilaalee taʼuu dandaʼa. Taanaan, sababii isaa hubachuun nu hin rakkisu.

Amantiin Henok qabu nutis addunyaa keessa jiraannu kana kan ilaallu akka Waaqayyo ilaalutti taʼuu fi dhiisuu isaa akka of gaafannu nu kakaasa. Murtiin Henok ija jabinaan labse akkuma yeroo sanaatti, addunyaa yeroo ammaa jiruufis barbaachisaa dha. Yihowaan akeekkachiisa Henokii wajjin haala wal simuun, addunyaa bara Nohi turee fi Waaqayyoof ulfina hin fidne sana irratti Bishaan Badiisaa guddaa fideera. Haa taʼu malee, badiisni sun badiisa guddaa gara fuulduraatti dhufuuf fakkeenya taʼa. (Maatewos 24:38, 39; 2 Phexros 2:4-6) Waaqayyo yeroo ammaattis akkuma yeroo sanaa, addunyaa Waaqayyoof ulfina hin fidne kana irratti murtii qajeelaa taʼe dabarsuuf qulqulloota isaa kumaatamaa wajjin qophaaʼee eegaa jira. Tokkoon tokkoon keenya akeekkachiisa Henok yaadatti qabachuu fi warra kaanitti himuun nu barbaachisa. Maatiin keenyaa fi michoonni keenya ejjennoo nu irraa adda taʼe kan qaban taʼuu dandaʼu. Kanaafuu, yeroo tokko tokko kophummaan nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Yihowaan Henokiin hin gatne; tajaajiloota isaa amanamoo yeroo harʼaa jiranis hin gatu!

“DUʼA AKKA HIN ARGINEEF IDDOO KAN BIRAATTI FUDHATAME”

Jireenyi Henok kan xumurame akkamitti ture? Henok jireenya isaa caalaa duuti isaa iccitii fi bitaa kan namatti taʼu dha. Seenaan Kitaaba Uumamaa gabaabumatti, “Henok karaa isaa irra deddeebiʼuudhaan Waaqayyoo wajjin jiraate; Waaqayyo waan isa fudhateef deebiʼee achitti hin argamne” jedha. (Uumama 5:24) Waaqayyo Henokiin kan fudhate akkamitti? Phaawulos ergamaan yeroo booda, “Heenok duʼa akka hin argineef iddoo kan biraatti fudhatame, Waaqayyo iddoo kan biraatti waan isa fudhateefis iddoo kamitti iyyuu hin argamne; sababiin isaas inni iddoo kan biraatti fudhatamuu isaa dura akka gaariitti Waaqayyoon akka gammachiise dhugaa isaaf baʼameera” jechuudhaan ibseera. (Ibroota 11:5) Phaawulos, “Duʼa akka hin argineef iddoo kan biraatti fudhatame” yommuu jedhu maal jechuu isaa ture? Hiikkawwan Kitaaba Qulqulluu tokko tokko Waaqayyo Henokiin gara samiitti akka fudhate ibsu. Kun garuu taʼuu hin dandaʼu. Kitaabni Qulqulluun duʼaa kaʼee gara samii dhaquudhaan isa jalqabaa kan taʼe Yesuus Kiristoos akka taʼe argisiisa.—Yohaannis 3:13.

Maarree Henok ‘duʼa akka hin argineef iddoo kan biraatti kan fudhatame’ akkamitti? Yihowaan tarii Henok utuu hin dhiphatin tasgabbiidhaan akka duʼu gochuudhaan jireenya irraa gara duʼaatti isa fudhatee taʼuu dandaʼa. Jalqaba garuu Henok, “akka gaariitti Waaqayyoon akka gammachiise dhugaa isaaf baʼameera.” Akkamitti? Tarii Henok duʼuu isaa yeroo muraasa dura, Waaqayyo lafa jannata taate mulʼataan isatti argisiisee taʼuu dandaʼa. Henok mallattoo Yihowaa biratti fudhatama argachuu isaa ifatti argisiisu kana utuma ilaaluu duʼaan boqote. Phaawulos ergamaan waaʼee Henokii fi waaʼee dhiirotaa fi dubartoota amanamoo taʼan kaanii yommuu barreessu, ‘Namoonni kun hundi amantii isaanii eeganii duʼan’ jedheera. (Ibroota 11:13) Sana booda diinonni isaa reeffa isaa barbaadanii taʼuu dandaʼa; haa taʼu malee, Yihowaan reefficha waan balleesseef “iddoo kamitti iyyuu hin argamne”; tarii akkana kan godhe namoonni sun reefficha akka hin salphisne ykn amantii sobaa akka ittiin hin babalʼisne eeguuf taʼuu dandaʼa. *

Ragaa Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼe kana yaadatti qabachuudhaan, jireenyi Henok kan xumurame akkamitti taʼuu akka dandaʼu mee haa tilmaamnu. Wanta taʼuu dandaʼu kana yaadatti qabaachuudhaan haala kana yaadaan haa ilaallu. Henok baqachaa kan jiru siʼa taʼu, baayʼee dadhabeera. Namoonni isa ariʼatan sun ergaa murtii inni dubbate sanaan kan kaʼe baayʼee waan isatti aaraniif isa ariʼaa jiru. Henok iddoo itti dhokatu tokko argatee xinnoo kan boqote taʼus, miliqee yeroo dheeraadhaaf turuu akka hin dandeenye beeka. Amma yeroon inni itti gara jabinaan ajjeefamu gaʼeera. Utuu boqotee jiru gara Waaqa isaatti kadhannaa dhiheesse. Achiis nagaa guddaa akka argate isatti dhagaʼame. Mulʼanni ajaaʼibsiisaan tokko akkuma waan Henok qaamaan bakka sanatti argameetti gara iddoo fagootti isa geesse.

Henok yeroo Yihowaan isa fudhatetti tarii gara jabinaan ajjeefamuu jala gaʼee taʼuu dandaʼa

Addunyaa isa inni beeku irraa guutummaatti adda taʼe tokko yommuu inni mulʼataan argu yaadan ilaali. Addunyaan sun akkuma jannata Eeden bareedee kan isatti mulʼate siʼa taʼu, kiruubelonni namoonni achitti akka hin seenne eegan garuu hin jiran. Bakka kana keessa dhiironnii fi dubartoonni fayyaa guutuu fi cimina dargaggummaa qaban hedduun jiru. Gidduu isaanii nagaa guddaan jira. Jibbii fi ariʼatamni amantii, Henok akka gaariitti beeku sun hin jiru. Henok Yihowaan akka isa jaallatuu fi isa biratti fudhatama akka argate isatti dhagaʼamee ture. Henok iddoon inni jiraachuu qabu bakka kana akka taʼe mirkanaaʼaa taʼeera; iddoon kun mana isaa taʼa. Henok akkuma caalaatti nagaa argachaa adeemeen, ija isaa dunuunfatee, hirriba guddaa abjuu hin qabne keessa seene.

Yaadannoo Yihowaa isa daangaa hin qabne keessatti of eeggannoodhaan eegamee, hamma harʼaatti duʼaan boqotee iddoo kana keessa jira! Akkuma Yesuus yeroo booda abdii kennetti, guyyaan namoonni yaadannoo Waaqayyoo keessa jiran hundi sagalee Kiristoos dhagaʼanii awwaala keessaa baʼuudhaan addunyaa haaraa bareedaa fi nagaa qabu ilaaluuf ija isaanii itti banatan ni dhufa.—Yohaannis 5:28, 29.

Atoo iddoo sana keessa jiraachuu ni barbaaddaa? Henokii wajjin wal arguun hammam akka nama gammachiisu tilmaami. Mee wantoota ajaaʼibsiisoo Henok irraa barachuu dandeenyu yaadi! Wantoonni yeroo inni duʼuu jala gaʼetti taʼuu dandaʼu jennee tilmaamne kun dhugaa jirutti hammam akka dhihaatan nutti himuu dandaʼa. Haa taʼu malee, wanti amma hatattamaan isa irraa barachuun nu barbaachisu tokko jira. Phaawulos waaʼee Henok erga dubbatee booda, “Amantii malee Waaqayyoon gammachiisuun hin dandaʼamu” jedheera. (Ibroota 11:6) Tokkoon tokkoon keenya amantii Henok ija jabinaan argisiise hordofuuf sababii gaʼaa qabna!

^ KEY. 14 Hayyoonni Kitaaba Qulqulluu tokko tokko Yihudaan seenaa kana Kitaaba Henok isa kitaaba dabalataa taʼe irraa akka fudhate dubbatu; haa taʼu malee, kitaabni kun seenaa yaadaan uumamee fi maddi isaa hin beekamne kan qabate, akkasumas sobaan kitaaba Henok akka taʼe dubbatamu dha. Kitaabni kun raajii Henok dubbate sirriitti kan caqasu taʼus, seenaan isaa kan fudhatame odeeffannoo durii yeroo ammaatti hin argamnee fi barreeffamaan ykn afoolaan beekamu irraa taʼuu dandaʼa. Yihudaanis yaada kana odeeffannoo durii kana irraa fudhatee ykn Yesuus isa utuu samii irra jiruu waaʼee jireenya Henok beeku irraa baratee taʼuu dandaʼa.

^ KEY. 20 Haaluma wal fakkaatuun, Waaqayyo reeffa Musee fi Yesuus kan dhokse namoonni karaa dogoggora taʼeen akka itti hin fayyadamne dhowwuuf taʼuu dandaʼa.—Keessa Deebii 34:5, 6; Luqaas 24:3-6; Yihudaa 9.