Iyyaasuu 1:1-18

  • Yihowaan Iyyaasuu jajjabeesse (1-9)

    • Sagalee gad qabii Seericha dubbisi (8)

  • Yordaanosiin ceʼuuf qophaaʼuu (10-18)

1  Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe erga duʼee booda, Yihowaan Iyyaasuu*+ ilma Nuun isa tajaajilaa+ Musee tureen akkana jedhe:  “Tajaajilaan koo Museen duʼeera.+ Ammas atii fi sabni kun hundi kaʼaatii biyya ani isaaniif, jechuunis saba Israaʼeliif kennutti seenuuf Yordaanosiin ceʼaa.+  Akkuman Museedhaaf waadaa galetti, iddoo miila keessaniin ejjettan hundumaa isiniif nan kenna.+  Daangaan keessanis lafa onaa irraa jalqabee hamma Libaanonittii fi hamma laga isa guddaa Efraaxisitti, jechuunis guutummaa biyya Heetotaa,+ akkasumas hamma Galaana Guddaa* isa kallattii dhihaatiin* argamuutti ni taʼa.+  Lubbuudhaan hamma jirtutti eenyu iyyuu si dura dhaabbachuu hin dandaʼu.+ Akkuman Musee wajjin ture, sii wajjinis nan taʼa.+ Ani si hin dhiisu, si hin gatus.+  Sabni kun biyya ani abbootii isaaniitiif kennuuf kakadhe+ akka dhaalu kan godhu si waan taʼeef, onnadhu, cimis.+  “Onnadhu, baayʼee cimi, guutummaa Seerichaa isa tajaajilaan koo Museen si ajaje hundumaas of eeggannoodhaan eegi. Bakka deemtu hundumaatti ogummaadhaan deddeebiʼuu akka dandeessuuf,+ isa irraa gara mirgaatti yookiin gara bitaatti hin gorin.+  Wanta achi keessatti barreeffame hundumaa of eeggannoodhaan akka eegduuf,+ kitaabni Seeraa kun afaan kee keessaa hin dhabamin;+ halkanii fi guyyaas sagalee kee gad qabii isa dubbisi;* akkana yoo goote, daandiin kee milkaaʼina ni argata, ogummaadhaanis ni deddeebita.+  Ani onnadhu, cimis jedhee si hin ajajnee? Bakka dhaqxu hundumaatti Waaqni kee Yihowaan sii wajjin waan jiruuf, hin naʼin yookiin hin sodaatin.”+ 10  Achiis Iyyaasuun akkana jedhee geggeessitoota sabichaa ajaje: 11  “Guutummaa buufatichaa keessa darbaatii, ‘Biyya Waaqni keessan Yihowaan akka dhaaltaniif isinii kennutti seentanii dhaalaan fudhachuuf guyyaa sadii keessatti Yordaanosiin waan ceetaniif, galaa qopheeffadhaa’ jedhaatii sabicha ajajaa.”+ 12  Iyyaasuun Ruubenotaan, Gaadotaa fi walakkaa gosa Minaaseetiin akkana jedhe: 13  “Wanta Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe isin ajaje yaadadhaa:+ ‘Waaqni keessan Yihowaan boqonnaa isiniif kenneera; biyya kanas isiniif kenneera. 14  Haadhotiin manaa keessan, ijoolleen keessanii fi horiiwwan keessan biyya Museen Yordaanos irraa gamanatti*+ isiniif kenne keessa ni jiraatu; loltoonni keessan warri jajjaboon hundi+ garuu waraanaaf tarree galanii obboloota keessan dura gamatti haa ceʼan.+ Isinis isaan gargaaruu qabdu; 15  akkuma inni boqonnaa isiniif kennetti, hamma Yihowaan obboloota keessaniif boqonnaa kennutti isaan gargaaraa; isaanis biyya Waaqni keessan Yihowaan isaaniif kennu dhaalaan ni fudhatu. Achiis gara biyya qabattanii dhaalaan akka fudhattan isiniif kennametti, jechuunis gara biyya Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe Yordaanos irraa kallattii bahaatiin isiniif kennetti deebiʼaa.’”+ 16  Isaanis akkana jedhanii Iyyaasuudhaaf deebisan: “Wanta ati nu ajajje hundumaa ni raawwanna; gara ati itti nu ergitu kam iyyuu ni dhaqna.+ 17  Wanta Museen jedhe hundumaa akkuma dhageenye, wanta ati jettus ni dhageenya. Waaqni kee Yihowaan akkuma Musee wajjin ture,+ sii wajjinis haa taʼu. 18  Namni ajaja kee irratti finciluu fi ajaja ati isaaf kennitu hundumaatiif hin ajajamne kam iyyuu ni ajjeefama.+ Garuu ati onnadhu, cimis.”+

Miiljaleewwan

Ykn., “Yehoshuwaa,” “Yihowaan Fayyisaa Dha” jechuu dha.
Jechuunis, Meditiraaniyaa.
Ykn., “lixa biiftuutiin.”
Ykn., “halkanii fi guyyaas irratti xiinxali.”
Jechuunis, kallattii bahaatiin.