Iyyaasuu 2:1-24

  • Iyyaasuun basaastota lama gara Yerikootti erge (1-3)

  • Rahaab basaastota dhoksite (4-7)

  • Waadaa Rahaabiif galame (8-21a)

    • Funyoo diimaa mallattoo taʼu (18)

  • Basaastonni gara Iyyaasuutti deebiʼan (21b-24)

2  Achiis Iyyaasuun ilmi Nuun Shitiim+ keessaa dhoksaatti basaastota godhee namoota lama ni erge. Innis, “Dhaqaatii biyyattii, keessumaa immoo Yerikoo qoradhaa” isaaniin jedhe. Kanaafuu, isaan gara mana dubartii sagaagaltuu Rahaab+ jedhamtu tokkoo dhaqanii achi taaʼan.  Mootiin Yerikoos, “Kunoo, harʼa galgala namoonni Israaʼel biyyattii basaasuuf seenaniiru” jedhamee itti himame.  Yeroo kanatti mootiin Yerikoo, “Isaan kan dhufan guutummaa biyyattii basaasuuf waan taʼeef, namoota dhufanii mana kee keessa jiran gad baasi” jedhee Rahaabitti dhaamsa erge.  Dubartittiin garuu namoota lamaan sana fuutee dhoksite. Achiis akkana jette: “Dhugaa dha, namoonni sun gara koo dhufanii turan; eessaa akka dhufan garuu hin beeku.  Galgala yommuu karri magaalattii cufamuuf jedhutti baʼanii deemaniiru. Eessa akka dhaqan garuu hin beeku; daftanii yoo isaan hordoftan isaan ni dhaqqabdu.”  (Ishiin garuu gara baaxiitti ol isaan geessitee agadaa talbaa baaxii irratti afame keessa isaan dhoksitee turte.)  Kanaafuu, namoonni sun karaa malkaawwan sanaatiin kallattii Yordaanos qabatanii isaan duukaa buʼan;+ akkuma gad baʼaniinis karri magaalattii ni cufame.  Ishiinis namoonni sun ciisuu isaanii dura, baaxiitti ol baatee gara isaanii ni dhufte.  Achiis akkana isaaniin jette: “Yihowaan biyyattii akka isiniif kennuu+ fi sabichi akka isin sodaate+ ani beeka. Jiraattonni biyyattii hundis isiniin kan kaʼe abdii kutataniiru;+ 10  sababiin isaas, yeroo isin biyya Gibxii keessaa baatanitti Yihowaan akkamitti bishaan Galaana Diimaa isin duratti akka gogse,+ akkasumas wanta isin mootota Amoorotaa lamaan Sihoonii+ fi Oog+ warra Yordaanos gamatti* guutummaatti balleessitan sana irratti gootan dhageenyeerra. 11  Nuti waaʼee kanaa yeroo dhageenyetti baayʼee sodaanne;* isiniin kan kaʼe namni hin sodaanne tokko illee hin jiru; sababiin isaas, Waaqni keessan Yihowaan ol samii irratti, gad lafa irrattis Waaqa dha.+ 12  Akkuman jaalala amanamaa isinitti argisiise, isinis maatii abbaa kootiitti jaalala amanamaa akka argisiistan maaloo, maqaa Yihowaatiin naaf kakadhaa; mallattoo amansiisaas naaf kennaa. 13  Lubbuu abbaa koo fi lubbuu haadha tiyyaa, lubbuu obboloota koo fi obboleettota kootii, akkasumas wanta kan isaanii taʼe hundumaa naaf oolchaa; duʼa irraa nu* oolchaa.”+ 14  Yeroo kanatti namoonni sun, “Nuti lubbuu keessan oolchuuf lubbuu keenya ni kennina! Ati waaʼee hojii keenyaa hin dubbattu taanaan, yeroo Yihowaan biyyattii nuuf kennutti jaalala amanamaa fi amanamummaa sitti argisiisna” ishiidhaan jedhan. 15  Manni ishii dallaa magaalattii cinaa waan tureef, ishiin karaa foddaa wadaroodhaan gad isaan buuste. Manni ishii dallicha irra jira ture.+ 16  Achiis, “Warri isin duukaa buʼan akka isin hin arganneef, gara naannoo gaarotaa dhaqaatii guyyaa sadiif achi dhokadhaa. Warri isin duukaa buʼan erga deebiʼanii booda, karaa keessan itti fufuu dandeessu” isaaniin jette. 17  Namoonni sunis akkana ishiidhaan jedhan: “Nuti kakaa nu kakachiiste+ kana eeguuf kan dirqamnu, 18  gara biyyattiitti yommuu dhufnu wadaroo diimaa kana foddaa ittiin gad nu buuste irratti yoo hiite qofa dha. Abbaa kee, haadha tee, obboloota kee fi maatii abbaa keetii hundumaa mana kana keessatti walitti qabi.+ 19  Yeroo kanatti namni kam iyyuu mana kee keessaa gara alaatti yoo gad baʼe dhiigni isaa mataa isaa irra taʼa; nutis yakka irraa walaba taana. Haa taʼu malee, namoota sii wajjin mana keessa jiran keessaa isa kam irra iyyuu balaan yoo gaʼe,* dhiigni isaa mataa keenya irra taʼa. 20  Waaʼee hojii keenyaa yoo dubbatte+ garuu, yakka kakaa ati nu kakachiisteen dhufu irraa walaba taana.” 21  Ishiinis, “Akkuma isin jettan haa taʼu” jettee isaaniif deebiste. Achiis isaan geggeessite; isaanis karaa isaanii qajeelan. Sana booda wadaroo diimaa sana foddaa irratti hiite. 22  Kanaafuu, isaan achii baʼanii gara naannoo gaarotaa dhaqanii hamma namoonni isaan duukaa buʼan sun deebiʼanitti guyyaa sadiif achi turan. Warri isaan duukaa buʼan sun daandii hundumaa irra isaan barbaadaa kan turan taʼus isaan hin arganne. 23  Namoonni lamaan sunis naannoo gaarotaa irraa gad buʼanii lagicha ceʼuudhaan gara Iyyaasuu ilma Nuun dhaqan. Wanta isaan mudate hundumaas isatti ni himan. 24  Achiis Iyyaasuudhaan, “Yihowaan guutummaa biyyattii harka keenyatti dabarsee kenneera.+ Jiraattonni biyyattii hundis sababii keenyaan abdii kutataniiru”+ jedhan.

Miiljaleewwan

Jechuunis, kallattii bahaatti.
Kal., “garaan keenya ni baqe.”
Ykn., “lubbuu keenya.”
Ykn., “harki tokko yoo irra kaaʼame.”