Iyyaasuu 13:1-33

  • Biyya qabamuu qabu (1-7)

  • Lafa baha Yordaanos jiru hihiruu (8-14)

  • Dhaala Ruuben (15-23)

  • Dhaala Gaad (24-28)

  • Dhaala Minaasee isa bahaa (29-32)

  • Yihowaan dhaala Leewwotaa ti (33)

13  Yeroo kanatti Iyyaasuun dulloomee, umuriin isaas sokkee ture.+ Kanaafuu, Yihowaan akkana isaan jedhe: “Ati dulloomteetta, umuriin kees sokkeera; taʼus biyyi dhaalaan fudhatamuu* qabu hedduun jira.  Biyyi hafe kana dha:+ naannoowwan guutummaa Filisxeemotaa fi guutummaa Geeshurotaa+  (damee Abbayyaa* isa Gibxii irraa kallattii bahaatti* argamu irraa hamma kallattii kaabaatiin daangaa Eqroon isa naannoo Kanaʼaanotaa+ akka taʼetti ilaalamaa turetti), akkasumas gooftolii Filisxeemotaa+ shanan, jechuunis Gaazota, Ashdoodota,+ Ashqaloonota,+ Gaatotaa+ fi Eqroonota;+ naannoo Awiim+  kallattii kibbaatiin; guutummaa biyya Kanaʼaanotaa; Meʼaaraa ishii kan warra Siidoonotaa+ taate hamma Afeeqitti, jechuunis hamma daangaa Amoorotaatti;  biyya Geebaalotaa+ fi kallattii bahaatiin guutummaa Libaanon, akkasumas Baʼaal Gaad ishii Gaara Hermoon jalatti argamtu irraa hamma Lebo Hamaatitti;*+  jiraattota naannoo gaarotaa warra Libaanon+ irraa jalqabee hamma Misrefoot Maayimitti+ argaman hundumaa; akkasumas Siidoonota+ hundumaa. Ani Israaʼelota duraa isaan nan ariʼa.+ Akkuman si ajajettis biyya kana Israaʼeliif akka dhaalaatti hiri.+  Biyya kana gosoota salganii fi walakkaa gosa Minaaseetiif akka dhaalaatti hiri.”+  Akkuma Museen inni tajaajilaa Yihowaa taʼe isaaniif kennetti, Ruubenonnii fi Gaadonni gosa walakkaa isa hafee wajjin dhaala isaanii isa Museen Yordaanos irraa kallattii bahaatiin isaaniif kenne fudhataniiru:+  Aroʼer+ ishii qarqara Sulula* Arnoonitti+ argamtu, magaalaa ishii walakkaa sululichaa keessatti argamtuu fi guutummaa lafa diriiraa* Medebaa hamma Diboonitti; 10  magaalota Sihoon mootii Amoorotaa isa Heshboon keessa taaʼee bulchaa ture sanaa hundumaa hamma daangaa Amoonotaatti;+ 11  dabalataanis Giiliyaad, naannoo Geeshurotaa fi Maʼaakaatotaa,+ akkasumas guutummaa Gaara Hermoonii fi guutummaa Baashaan+ hamma Saalekaatti;+ 12  guutummaa bulchiinsa mootii Oog isa Baashaan keessatti argamuu fi Ashtaarotii fi Edraay keessatti bulchaa ture sanaa. (Inni namoota Refaayim+ warra dhumaa keessaa isa tokko ture.) Museen moʼee isaan ariʼee ture.+ 13  Haa taʼu malee, Israaʼelonni Geeshurotaa fi Maʼaakaatota hin ariine;+ Geeshurii fi Maʼaakaat hamma harʼaatti Israaʼel gidduu jiraachaa jiru. 14  Inni dhaala kan hin kennine gosa Leewwotaatiif qofa ture.+ Akkuma inni waadaa isaaniif galetti,+ aarsaawwan Yihowaa Waaqa Israaʼeliif ibiddaan dhihaatan dhaala isaanii ti.+ 15  Achiis Museen akka maatii maatii isaaniitti gosa Ruubenotaatiif dhaala ni kenne; 16  naannoon isaaniis Aroʼer ishii qarqara Sulula* Arnoonitti argamtu irraa jalqabee kan jiru, magaalaa ishii walakkaa sululichaa keessatti argamtuu fi guutummaa lafa diriiraa Medebaa, 17  Heshboonii fi magaalota ishii warra lafa diriiraa irratti argaman hundumaa,+ akkasumas Diboon, Baamot Baʼaal, Beet Baʼaal Meʼoon,+ 18  Yaahaaz,+ Qedemoot,+ Mefaat,+ 19  Qiriyaataayim, Sibmaa+ fi Sereet Shahaar ishii gaara sululichaa* irratti argamtu, 20  Beet Peʼoor, irraan gadeewwan Phisgaa,+ Beet Yeshiimoot,+ 21  magaalota lafa diriiraa hundumaa, akkasumas bulchiinsa Sihoon mootii Amoorotaa isa Heshboon+ keessatti bulchaa ture sanaa hundumaa ture. Museenis isaa+ fi geggeessitoota Miidiyaanotaa kan taʼan Eewii, Reeqem, Zuur, Huurii fi Reebaa+ warra tajaajiltoota* Sihoon taʼanii fi biyyattii keessa jiraachaa turan sana ni moʼe. 22  Balaʼaam+ ilmi Be’or inni hooda dubbatu,+ namoota Israaʼelonni goraadeedhaan ajjeesanii wajjin ajjeefamee ture. 23  Yordaanos daangaa Ruubenotaa ture; naannoon kun magaalota sanaa fi gandeen isaanii wajjin akka maatii maatii isaaniitti dhaala Ruubenotaa ture. 24  Kana malees, Museen Gaadota warra gosa Gaad taʼaniif akka maatii maatii isaaniitti dhaala ni kenne; 25  naannoon isaaniis Yaazeer,+ magaalota Giiliyaad hundumaa fi walakkaa biyya Amoonotaa+ hamma Aroʼer ishii fuullee Raabaatti+ argamtuu kan dabalatu dha; 26  Heshboon+ irraa hamma Raamaat Misphee fi Beetoniimitti, akkasumas Mahaanaayim+ irraa hamma daangaa Deebiritti; 27  sululicha* keessatti immoo Beet Kaaraam, Beet Nimraa,+ Suukootii+ fi Zaafon yeroo taʼu, daangaan isaa Yordaanos taʼee fiixee gadii Galaana Kinereet*+ isa Yordaanos irraa kallattii bahaatiin argamu irraa jalqabee bulchiinsa Sihoon mootii Heshboon+ isa hafe kan dabalatu dha. 28  Kun magaalotaa fi gandeen isaanii wajjin akka maatii maatii isaaniitti dhaala Gaadotaa ture. 29  Kana malees, Museen walakkaa gosa Minaaseetiif, jechuunis gosa Minaasee isa walakkaadhaaf akka maatii maatii isaaniitti dhaala ni kenne.+ 30  Naannoon isaanii Mahaanaayim+ irraa jalqabee hamma guutummaa Baashaanitti, jechuunis guutummaa bulchiinsa Oog mootii Baashaan, akkasumas gandeen dunkaanotaa Yaaʼir+ warra Baashaan keessa jiran hundumaa, magaalota 60 ni dabalata. 31  Walakkaan Giiliyaad, Ashtaarotii fi Edraay+ warri magaalota bulchiinsa Oog mootii Baashaan taʼan ilmaan Maakiir+ ilma Minaaseetiif, akka maatii maatii isaaniitti walakkaa ilmaan Maakiiriif ni kenname. 32  Dhaalli Museen gammoojjii Moʼaab isa Yordaanos gamattii fi Yerikoo irraa kallattii bahaatiin argamu keessatti isaaniif kenne kana ture.+ 33  Haa taʼu malee, Museen gosa Leewwotaatiif dhaala hin kennine.+ Akkuma waadaa isaaniif galetti, Yihowaan Waaqni Israaʼel dhaala isaanii ti.+

Miiljaleewwan

Ykn., “moʼamuu.”
Kal., “fuullee Gibxiitti.”
Ykn., “Shihoor.”
Ykn., “karra Hamaatitti.”
Ykn., “Laga Gogaa.”
Ykn., “pilaatoo.”
Ykn., “Laga Gogaa.”
Ykn., “dirree gad buʼaa.”
Jechuunis, mootota Sihooniif bitamaa turan.
Jechuunis, haroo Genesaarex ykn Galaana Galiilaa.
Ykn., “dirree gad buʼaa.”