Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA 3

Gorsa Gaarii Jireenya Namootaa Fooyyessu

Gorsa Gaarii Jireenya Namootaa Fooyyessu

DOKTARRI haaraan tokko gara naannoo keessanii dhufe haa jennu. Jalqaba irratti doktara gaarii taʼuu isaa amanuun sitti ulfaachuu dandaʼa. Haa taʼu malee, michoota kee keessaa muraasni isa biratti yaalamanii fayyaan isaanii haala nama ajaaʼibsiisuun yoo fooyyaʼe hoo? Atis doktara sana bira dhaquuf hin yaadduu?

Karaa tokko tokkoon Kitaabni Qulqulluunis akkuma doktara kanaa ti. Namoonni tokko tokko kitaaba kana dubbisuu irraa duubatti jedhu. Haa taʼu malee, gorsa gaarii kitaaba kana keessa jiru yeroo hojii irra oolchan jireenyi isaanii haala nama ajaaʼibsiisuun ni fooyyaʼa. Fakkeenyota muraasa ilaali.

Rakkoowwan Gaaʼela Keessatti Mudatan Hiikuu

Dubartiin Sumiʼaatan jedhamtu akkana jetteetti, “Akkuma gaaʼela dhaabbanneen, abbaan manaa koo Duumaas xiyyeeffannaa akka naaf hin kennine natti dhagaʼame. Yeroo baayʼee aariidhaan isattan iyya, miʼan itti darbadha, darbees isan rukuta ture. Al tokko tokko akka malee aareen of wallaala ture.

“Duumaas Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu yeroo jalqabu isattan qoose. Taʼus, yeroo inni qoʼatu kutaa kan biraa keessa dhokadheen dhaggeeffadha ture. Guyyaa tokko yaadni Kitaaba Qulqulluu akkana jedhu yeroo dubbifamu nan dhagaʼe: “Haadhotiin manaa akkuma Gooftaadhaaf bitaman abbootii manaa isaaniitiif haa bitaman.  . . Haati manaa abbaa manaa ishiitiif ulfina guddaa haa kennitu.” (Efesoon 5:22, 33) Yaadi kun garaa koo tuqe. Waaqayyo abbaa manaa koo haala gaarii hin taaneen qabuu kootiif dhiifama akka naaf godhun gaafadhe, haadha manaa gaarii akkan taʼu akka na gargaarus nan kadhadhe. Utuu baayʼee hin turin Duumaasii fi ani waliin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabne.”

Duumaasii fi Sumiʼaatan

Kitaabni Qulqulluun, “Abbootiin manaa akkuma qaama isaaniitti haadhotii manaa isaanii haa jaallatan” jedha. (Efesoon 5:28) Sumiʼaatan akkana jetteetti: “Wantoota kana barachuun keenya lamaan keenya irratti jijjiirama fideera. Duumaas hojiidhaa yeroo galu shaayii isaaf danfisuu fi gaarummaadhaan isa wajjin haasaʼuun eegale. Duumaasis caalaatti jaalala natti argisiisuu fi hojii mana keessaa na gargaaruu jalqabe. Lamaan keenya iyyuu, ‘gaarummaa walitti argisiisuuf, garaa waliif laafuu fi tola waliif dhiisuuf’ carraaqqii goone. (Efesoon 4:32) Kunis, jaalallii fi kabajni waliif qabnu akka guddatu taasise. Waggoota 40f gaaʼela keenyatti gammannee jiraanneerra. Gorsi gaariin Dubbii Waaqayyoo keessatti argamu gaaʼela keenya balaa irraa oolcheera!”

Aarii Ofii Toʼachuu

Taayiib akkana jedheera: “Aarii koo hin toʼadhun ture. Namoota hedduu wajjin wal reebeera, qawweedhaanis yeroo baayʼee namoota nan doorsisa ture. Haadha manaa koo Kustiriyaas nan reeba, aariidhaanis lafattan ishii rukuta ture. Namoonni baayʼeen na sodaatu turan.

Kustriyaa fi Taayib galgala galgala yeroo hunda waliin Waaqayyoon kadhatu

“Gaaf tokko wanta Yesuus, ‘Akka isin wal jaallattaniif ajaja haaraa isiniif nan kenna; akkuman isin jaalladhe, isinis wal jaalladhaa’ jechuudhaan dubbate nan dubbise. (Yohaannis 13:34) Kunis hedduu na tuqe, amala koo jijjiiruufis nan murteesse. Keessa kootti aariin yeroo natti dhagaʼamu, akka na tasgabbeessu Waaqayyoon nan kadhadha. Utuu baayʼee hin turin aariin koo hirʼachaa dhufe. Haati manaa koo fi ani gorsa Efesoon 4:26, 27 irra jiruu fi “Utuu aartanii jirtanii aduun isinitti hin lixin; Diyaabilosiif carraa hin kenninaa” jedhu hojii irra oolchine. Galgala galgala yeroo hunda Kitaaba Qulqulluu waliin dubbisna, akkasumas waliin kadhanna. Kunis dhiphina guyyaa guyyaadhaan nu irra gaʼu balleessuudhaan caalaatti walitti nu dhiheesseera.

“Amma nama naga qabeessa akkan taʼettan beekama. Haati manaa koo fi ijoolleen koo na jaallatu, na kabajus. Hiriyoota hedduu qaba, Waaqayyotti akkan dhihaadhes natti dhagaʼama. Ani amma nama gammachuu dhugaa qabu dha.”

Wantoota Araada Nama Qabsiisan Irraa Fagaachuu

Gooyin

Gooyiin akkas jedheera: “Garee dargaggootaa waliinan yeroo koo dabarsa ture; tamboo akka maleen xuuxa, yeroo baayʼee of wallaalee karaa irran bula, akkasumas nan machaaʼan ture. Kana malees, wantoota sammuu namaa hadoochanii fi seeraan dhorkaman kan akka maariwaanaa fi qoricha miira gammachuu namatti uuman nan fayyadama, akkasumas nan gurguran ture; wantoota kana sadariyyaa koo isa rasaasa irraa nama eegu jalattan qabadha ture. Yeroo na ilaalan nama hin sodaanne kanan fakkaadhuu fi anis akkana kanan fakkeessu taʼus, yeroo hunda sodaadhaanan jiraadha ture.

“Achiis namni tokko yaada Kitaaba Qulqulluu, ‘Yaa ilma koo, barumsa koo hin irraanfatin, sababiin isaas, isaan waggoota hedduu, bara jireenyaa fi nagaa siif ni dabalu’ jedhu natti argisiise. (Fakkeenya 3:1, 2) Jireenya dheeraa fi naga qabeessa argachuun hawwe! ‘Yaa obboloota jaallatamoo, nuti abdii kana waan qabnuuf, Waaqayyoon sodaachuudhaan qulqullummaa keenya guutuu gochuuf, wanta foonii fi hafuura xureessu hundumaa irraa of haa qulqulleessinu’ yaada jedhus nan dubbise. (2 Qorontos 7:1) Kanaafuu, wantoota araada nama qabsiisan nan dhiise, walitti dhufeenyan garee dargaggootaa wajjin qabu nan dhaabe, achiis Waaqayyoon tajaajiluun jalqabe.

“Amma wantoota araada nama qabsiisan irraa ergan fagaadhee waggoota 17 ol taʼeera. Fayyaa gaarii, maatii gammachuu qabu, michoota gaarii fi qalbii qulqulluu qaba. Guyyaa guyyaadhaan machaaʼee karaa irra buluu dhiisee, halkan nagaadhaan siree irran rafa.”

Jibba Sanyii Moʼuu

Baambaang akkana jedheera: “Umurii waggoota kurnanii keessa yeroon turetti, jireenya yakkaan guutamen jiraadha ture. Namoonni ani miidhaa irraan gaʼe hedduun isaanii immoo miseensota sanyii lakkoofsaan xiqqaa taʼanii fi ani jibbu turan.

“Haa taʼu malee, yeroo booda, Waaqayyoon barbaaduun jalqabe. Barbaachi koos garee Kitaaba Qulqulluu qoʼatu tokkoo wajjin akkan wal baru na taasise. Achitti namoonni miseensa sanyii ani jibbuu taʼan miira hoʼaadhaan na simatan. Garee waliin qoʼatan sana keessa namoonni sanyii garaa garaa irraa dhufan bilisa taʼanii gammachuudhaan waliin yeroo dabarsaniin arge. Kunis baayʼee na ajaaʼibsiise. Sana booda yaada Kitaaba Qulqulluu, ‘Waaqayyo hin loogu, kanaa mannaa, saba hundumaa keessaa namni isa sodaatuu fi wanta sirrii taʼe hojjetu isa biratti fudhatama qaba’ jedhun hubadhe.—Hojii Ergamootaa 10:34-35.

“Yeroo ammaatti, namootaaf jibba hin qabu. Michoonni koo tokko tokko miseensa sanyii ani jibbaa ture sanaa ti. Waaqayyo karaa Kitaaba Qulqulluu jaalala na barsiiseera.”

Baambaang amma namoota sanyii garaa garaa qabanii wajjin walitti dhufeenya gaarii qaba

Hammeenya Dhiisuu

Garoogaan akkana jedheera: “Osoon umurii waggoota kurnanii keessa jiruu, yeroo sadiin hidhame; kanan hidhames, al lama hatee, al tokko immoo nama waraaneetani. Yeroo booda garee fincilaa tokkotti makameen namoota hedduu ajjeese. Walitti buʼiinsi kun erga dhaabatee booda, gaggeessaa garee yakka raawwatu tokkoon taʼe. Eegdonni koo bakka hunda na waliin deemu turan. Nama hamaa fi sodaachisaan ture.

Garoogaan hammeenya dhiisee, nama Dubbii Waaqayyoo barsiisuu fi kabajamaa taʼeera

“Achiis gaaf tokko yaada Kitaaba Qulqulluu akkana jedhun dubbise: ‘Jaalalli ni obsa, gaarummaas ni argisiisa. Jaalalli hin hinaafu. Jaalalli of hin jaju, of hin bokoksu, amala naamusaan ala taʼe hin argisiisu, faayidaa mataa isaa qofa hin barbaadu, hin aaru. Miidhaa isa irra gaʼe galmeessee hin qabatu.’ (1 Qorontos 13:4, 5) Jechoonni kun garaa koo tuqan. Achiis gara naannoo kan biraa dhaqeen Kitaaba Qulqulluu qoʼadhe, gorsa isaas hojii irra nan oolche.

“Amma hammeenya dhiiseera. Kanaa mannaa, nama Dubbii Waaqayyoo barsiisu waanan taʼeef namoonni na kabaju. Amma jireenyi koo kallattii fi kaayyoo dhugaa qaba.”

Dubbiin Waaqayyoo Humna Qaba

Muuxannoowwan kunii fi kan biroo hedduun “dubbiin Waaqayyoo jiraataa fi humna qabeessa” akka taʼe mirkaneessu. (Ibroota 4:12) Gorsi isaa salphaa, hojii irra kan ooluu fi kan nama jajjabeessu dha.

Kitaabni Qulqulluun siinis si gargaaruu ni dandaʼaa? Eeyyee, rakkinni akkamii iyyuu yoo si mudate si gargaaruu dandaʼa. “Kitaabonni Qulqulluun hundi geggeessaa hafuura Waaqayyootiin kan barreeffaman yeroo taʼu, barsiisuuf, balleessaa hubachiisuuf, wanta hundumaa sirreessuuf, qajeelummaadhaan leenjisuuf fayyadu; kunis namni Waaqaa hojii gaarii hundumaatiif akka gaariitti hidhachuudhaan guutummaatti kan qophaaʼe akka taʼuufi.”—2 Ximotewos 3:16, 17.

Kanaafuu, mee barumsawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman tokko tokko haa ilaallu.