Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUTAA 5

Amaloota Waaqayyoo Warra Guguddaa Taʼan Hubachuu

Amaloota Waaqayyoo Warra Guguddaa Taʼan Hubachuu

KITAABNI QULQULLUUN amaloota Waaqayyoo warra dinqisiisoo taʼan nuuf ibsuudhaan, akka isa beeknu nu gargaara. Fakkeenyaaf, Kitaabni Qulqulluun waaʼee amaloota Waaqayyoo warra gurguddoo afurii ni dubbata; isaanis humna, haqa, ogummaa fi jaalala dha. Mee tokkoon tokkoon isaanii haa ilaallu.

Humni Isaa Daangaa hin Qabu

Waaqayyo humna guddaa qaba

Yihowaan, “Ani Waaqa Hundumaa Dandaʼu dha” jechuudhaan Abrahaamitti himeera. (Uumama 17:1) Humni isaa gitaa fi daangaa hin qabu, akkasumas matumaa hin dhumu. Waaqayyo humna isaatiin uumama cufa uumeera.

Waaqayyo matumaa karaa sirrii hin taaneen humna isaatti hin fayyadamu. Yeroo hunda humna isaa toʼatee, akkasumas kaayyoodhaan itti fayyadama. Humna isaa karaa haqa, ogummaa fi jaalala isaa wajjin sirriitti wal madaaluun itti fayyadama.

Yihowaan tajaajiltoota isaa amanamoo taʼan gargaaruuf arjummaadhaan humna isaatti ni fayyadama. “Warra garaan isaanii isa biratti guutuu taʼeef jabina isaa argisiisuuf, ijji Yihowaa xiyyeeffannaadhaan guutummaa lafaa ni ilaala.” (2 Seenaa 16:9) Waaqa humna guddaa qabu, garuu immoo namootaaf yaadu kanatti dhihaachuu hin barbaadduu?

Waaqa Haqa Qabeessa

“Yihowaan haqa ni jaallata.” (Faarfannaa 37:28) Inni yeroo hunda ulaagaa isaa isa mudaa hin qabne irratti hundaaʼee wanta sirrii fi haqa taʼe ni raawwata.

Waaqayyo namoota wal hin caalchisu

Waaqayyo jalʼina haqaa ni jibba. “Inni eenyuuf iyyuu hin loogu, mattaʼaas hin fudhatu.” (Keessa Deebii 10:17) Inni warra namoota cunqursan ni morma; “Dubartii abbaan manaa irraa duʼe yookiin mucaa abbaa hin qabne” dabalatee, warra salphaatti miidhaman gargaaruuf tarkaanfii ni fudhata. (Baʼuu 22:22) Waaqayyo namoota hunda ija tokkoon ilaala. ‘Waaqayyo hin loogu; kanaa mannaa, saba hundumaa keessaa namni isa sodaatuu fi wanta sirrii taʼe hojjetu isa biratti fudhatama qaba.’—Hojii Ergamootaa 10:34, 35.

Haqni Yihowaa sirriitti madaallii isaa kan eege dha. Inni matumaa dantaa kan hin qabne, akkasumas gara jabeessa miti. Cubbamoota yaada hin geddaranne kan adabu taʼus, warra yaada geddarataniif garuu dhiifama ni godha. “Yihowaan araara qabeessaa fi gara laafessa dha, aariidhaaf suuta kan jedhuu fi jaalalli isaa inni amanamaan baayʼee kan taʼe dha. Inni yeroo hundumaa dogoggora hin funaanu, bara baraafis haaloo qabatee hin turu. Inni akka cubbuu keenyaatti nu irratti hin raawwanne, akka balleessaa keenyaattis nuuf hin deebisne.” (Faarfannaa 103:8-10) Waaqayyo hojii gaarii tajaajiltoonni isaa amanamoon raawwatan ni yaadata, akkasumas isaan kiisa. Waaqa haqa qabeessa akkasii irratti amantii qabaachuu hin dandeessuu?

Waaqa Ogummaa Qabu

Ogummaan Waaqayyoo uumama irraa mulʼatu nama ajaaʼibsiisa

Yihowaan madda ogummaa hundaa ti. “Badhaadhinni, ogummaanii fi beekumsi Waaqayyoo akkam gad fagoo dha!” (Roomaa 11:33) Ogummaan isaa hundarra kan caaluu fi dhuma kan hin qabne dha.

Ogummaan Waaqayyoo uumama irraa ifatti mulʼata. Faarfatichi, “Yaa Yihowaa, hojiiwwan kee akkam baayʼatu! Hunda isaanii ogummaadhaan tolchite” jedheera.—Faarfannaa 104:24.

Ogummaan Waaqayyo Kitaaba Qulqulluu keessattis ibsameera. Daawit Mootichi, “Yaadachiisni Yihowaa kan amanamu dha, isa muuxannoo hin qabne ogeessa godha” jedheera. (Faarfannaa 19:7) Mee yaadi, ogummaa Waaqayyoo isa dhuma hin qabne irraa barachuu ni dandeessa! Carraa kanatti ni fayyadamtaa?

“Waaqayyo Jaalala”

Amalli Yihowaa inni guddaan jaalala dha. Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyo jaalala” akka taʼe dubbata. (1 Yohaannis 4:8) Wanta hunda kan raawwatu jaalalaan kakaʼee ti.

Waaqayyo jaalala nuuf qabu karaawwan hedduudhaan argisiisa. Wantoota gaggaarii nuuf kenna. ‘Inni wanta gaarii gochuudhaan, jechuunis samii irraa bokkaa roobsuudhaan, waqtiilee firii qaban isiniif kennuudhaan, akkasumas nyaata akka quuftanii fi garaan keessan gammachuudhaan akka guutamu godheera.’ (Hojii Ergamootaa 14:17) Dhuguma iyyuu, “Kennaan gaariinii fi kennaan guutuun hundi ol gubbaadhaa, Abbaa ifawwan samii, . . . biraa gad buʼa.” (Yaaqoob 1:17) Kennaa hunda irra caalu, jechuunis Kitaaba Qulqulluutti fayyadamee, Waaqayyo waaʼee ofii isaa dhugaan isaa maal akka taʼe, akkasumas seerawwanii fi qajeelfamawwan isaa warra jaalala irratti hundaaʼan nuu ibseera. Yesuus kadhannaa isaa irratti, “Dubbiin kee dhugaa dha” jedheera.—Yohaannis 17:17.

Kitaabni Qulqulluun ogummaa Waaqayyoo qabateera

Waaqayyo yeroo rakkannus nu gargaara. “Baʼaa kee Yihowaa irratti gati, innis si deggera. Namni qajeelaan akka kufu matumaa hin heyyamu.” (Faarfannaa 55:22) Inni cubbuu keenyas nuuf dhiisa. “Yaa Yihowaa, ati gaarii dha, dhiifama gochuufis qophaaʼaa dha; warra si waammatan hundumaatti jaalala amanamaa hedduu ni argisiista.” (Faarfannaa 86:5) Kana malees, abdii jireenya bara baraa nuuf kenneera. “Inni imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiraatu; gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu.” (Mulʼata 21:4) Jaalala Waaqayyootiif deebii akkamii kennita? Ati hoo isa ni jaallattaa?

Waaqayyotti Dhihaadhu

Amaloota Waaqayyoo caalaatti beekuuf kadhachuu fi xiinxaluun isatti akka dhihaattu si gargaara

Waaqayyo sirriitti akka isa beektu barbaada. Dubbiin isaa, “Waaqayyotti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata” jechuudhaan si jajjabeessa. (Yaaqoob 4:8) Waaqayyo Abrahaam raajicha isa amanamaa tureen, “michuu koo” jedhee waameera. (Isaayyaas 41:8) Yihowaan atis michuu isaa akka taatu barbaada.

Waaʼee Waaqayyoo caalaatti beekaa yeroo deemtu, caalaatti isatti dhihaatta, gammachuun kees ni dabala. ‘Namni seera Yihowaatti gammadu, seera isaas halkanii fi guyyaa sagalee isaa gad qabee dubbisu gammadaa dha.’ (Faarfannaa 1:1, 2) Kanaafuu, Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu kee itti fufi. Amalootaa fi hojii Waaqayyoo irratti xiinxali. Wanta baratte hojii irra oolchuudhaan jaalala Waaqayyoof qabdu argisiisi. “Waaqayyoon jaallachuu jechuun ajajawwan isaa eeguu dha; ajajawwan isaa immoo baʼaa ulfaatoo miti.” (1 Yohaannis 5:3) Kanaafuu, akka faarfatichaa, “Yaa Yihowaa, karaa kee na beeksisi; daandii kee na barsiisi. . . . dhugaa kee keessa akkan deddeebiʼu godhi” jedhii kadhadhu. (Faarfannaa 25:4, 5) Akkana yoo goote Waaqayyo ‘tokkoon tokkoon keenya irraa fagoo akka hin taane’ hubatta.—Hojii Ergamootaa 17:27.