Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BOQONNAA 19

Hojii Ijaarsaa Yihowaaf Ulfina Fidu

Hojii Ijaarsaa Yihowaaf Ulfina Fidu

YAADA IJOO KANAA

Hojiin ijaarsaa addunyaa maratti geggeeffamu sochiiwwan Mootummichaa galmaan kan gaʼu akkamitti akka taʼe ilaalla

1, 2. (a) Hojiin bara duriitii kaasee tajaajiltoota Yihowaa gammachiisu maalidha? (b) Yihowaan wanta akkamiitiif bakka guddaa kenna?

 BARA duriitii kaasee tajaajiltoonni Yihowaa amanamoo taʼan hojii ijaarsaa maqaasaatiif ulfina fidurratti hirmaachuun isaan gammachiisa ture. Fakkeenyaaf, Israaʼeloonni godoo ykn dunkaana qulqullaaʼaa ijaaruurratti hinaaffaadhaan kan hirmaatan taʼuusaarrayyuu, meeshaalee ijaarsaaf barbaachisanis gammachuudhaan kennaniiru.—Bau. 35:30-35; 36:1, 4-7.

2 Yihowaan meeshaaleen ijaarsaa adda durummaadhaan ulfina kan isaaf fidan akka taʼanitti ykn wantoonni kun hunda caalaa bakki guddaan kennamuufii akka qabu godhee hin ilaalle. (Mat. 23:16, 17) Yihowaan waaqeffannaa tajaajiltoonnisaa isaaf dhiheessaniifi hojii isaan fedhiisaaniitiin of dhiheessuudhaan hinaaffaadhaan raawwataniif bakka guddaa kenna. (Bau. 35:21; Mar. 12:41-44; 1 Xim. 6:17-19) Dhugumayyuu wantoota kanaaf bakki guddaan kennamuu qaba. Maaliif? Sababnisaa gamoowwan harʼa ijaaramanii bor diigamuu dandaʼu. Fakkeenyaaf, godoon qulqullaaʼaaniifi manni qulqullummaan dur turan yeroo harʼaa hin jiran. Ijaarsawwan sun jiraachuu baatanis, Yihowaan kennaa tajaajiltoonnisaa amanamoon hojii ijaarsaa sanaaf kennaniifi wanta isaan dhamaʼanii raawwatan hin irraanfatu.—1 Qorontos 15:58; Ibroota 6:10 dubbisi.

3. Boqonnaa kana keessatti waaʼee maalii ilaalla?

3 Tajaajiltoonni Yihowaa yeroo harʼaa jiranis bakka waaqeffannaa ijaaruuf dhamaʼanii hojjetaniiru. Qajeelfama Mootiin keenya Yesus Kiristos nuu kennuun geggeeffamnee wanta dinqisiisaa raawwachuu dandeenyeerra. Yihowaanis carraaqqii keenya nuuf eebbiseera. (Far. 127:1) Boqonnaa kana keessatti, hojiiwwan hojjetaman kana keessaa muraasa kan ilaallu yommuu taʼu, kunis Yihowaadhaaf akkamitti ulfina akka fide qorra. Wanta obboloonni keenya hojii ijaarsaa kanarratti hirmaatan dubbatanis ni ilaalla.

Galmawwan Mootummaa Ijaaruu

4. Bakki waaqeffannaa hedduun kan nu barbaachisu maaliifi? (b) Waajjiroota damee hedduu walitti dabaluun kan barbaachise maaliifi? (Saanduqa “ Ijaarsa Waajjira Damee—Jijjiirama Barbaachisaa Taʼe Gochuu” jedhu ilaali.)

4 Akkuma Boqonnaa 16⁠ffaarratti ilaalle, Yihowaan waaqeffannaadhaaf akka walitti qabamnu nurraa eega. (Ibr. 10:25) Walgaʼiiwwan keenya amantii keenya nuuf cimsuu qofa utuu hin taʼin, hojii lallabaas miira hoʼaadhaan akka raawwannu nu jajjabeessu. Guyyoota gara dhumaa kanatti Yihowaan hojiin kun akka babalʼatu gochaa jira. Hojii geggeeffamaa jiru kanaanis waggaa waggaadhaan namoonni hedduun gara jaarmiyaasaatti dhufaa jiru. (Isa. 60:22) Namoonni Mootummicha jalatti bulan dabalaa yommuu adeemanitti, gamoowwan barreeffamoonni Macaafa Qulqulluurratti hundaaʼan keessatti maxxanfaman ijaaruunis ni barbaachisa. Kana malees bakka waaqeffannaa dabalataa ijaaruun nu barbaachisa.

5. Maqaa Galma Mootummaa jedhutti fayyadamuun sirrii kan taʼe maaliifi? (Saanduqa “ Waldaa Ifa Haaraa” jedhus ilaali.)

5 Seenaan saba Yihowaa inni ammayyaa yeroo jalqabetti, Barattoonni Macaafa Qulqulluu bakki itti walitti qabaman akka isaan barbaachisu hubatanii turan. Bakka waaqeffannaa yeroo jalqabaatiif ijaaraman keessaa inni tokko bara 1890⁠tti Weesti Varjiiniyaa, Yuunaayitid Isteetisitti kan ijaaramedha. Bara 1930⁠niitti sabni Yihowaa galmawwan hedduu ijaaranii ykn haaressanii itti fayyadamaa kan turan taʼus, iddoowwan walgaʼii kanaaf maqaan hin baane ture. Bara 1935⁠tti obboleessi keenya Raazarfordi, Hawaayiin daawwatee kan ture yommuu taʼu, yeroo kanatti waajjira damee ijaaramaa jiruu wajjin galmi tokkos ijaaramaa ture. Raazarfordi gamoon kun maal jedhamee utuu waamamee akka wayyu yommuu gaafatametti, “Hojiin keenya misiraachoo Mootummichaa lallabuu hamma taʼetti ‘Galma Mootummaa’ jennee utuu waamnee gaarii isinitti hin fakkaatuu?” jedhee deebise. (Mat. 24:14) Utuu baayʼee hin turin galma sana qofa utuu hin taʼin, galmi walgaʼii sabni Yihowaa addunyaa maratti argaman itti fayyadaman hundi maqaa kanaan waamamuu eegale.

6, 7. Galmawwan Mootummaa yeroo gabaabaa keessatti ijaaraman buʼaa akkamii argamsiisaniiru?

6 Bara 1970⁠nii kaasee Galmawwan Mootummaa hedduun barbaachisaa taʼaa dhufeera. Kanaan kan kaʼes, obboloonni Yuunaayitid Isteetis jiraatan mala galma miidhagaafi nama hawwatu yeroo gabaabaa keessatti ijaaranii xumuruuf dandeessisutti fayyadamuu eegalan. Bara 1983⁠tti Yuunaayitid Isteetisiifi Kaanaadaatti Galmawwan Mootummaa akkasii gara 200 ijaaruun dandaʼameera. Obboloonnis galmawwan dabalataa ijaaruuf, koreewwan ijaarsaa naannoo hundeessuu jalqaban. Malli kun buʼa qabeessa taʼee waan argameef bara 1986⁠tti Qaamni Olaanaan beekamtii kan kenne yommuu taʼu, bara 1987⁠tti Yuunaayitid Isteetis keessa Koreewwan Ijaarsaa Naannoo 60tu hundeeffame. a Bara 1992⁠tti, Arjantiinaa, Awustiraaliyaa, Faransaay, Jarman, Jaappaan, Meeksikoo, Afriikaa Kibbaafi Ispeen keessattis Koreewwan Ijaarsaa Naannoo ni hundeeffaman. Hojiin obboloonni Galmawwan Mootummaafi Galmawwan Walgaʼii Gurguddaa ijaaruudhaan raawwatan kun, tajaajila qulqulluu keessaa tokko waan taʼeef deggersi keenya akka isaan barbaachisu beekamaadha.

7 Galmawwan Mootummaa yeroo gabaabaa keessatti ijaaraman kun hawaasa naannoo galmichi itti ijaaramu jiraniif akka gaariitti dhugaa baʼu. Fakkeenyaaf gaazexaan Ispeenitti maxxanfamu tokko mataduree, “Amantiin Gaarri Akka Sochoʼu Godha” jedhu qabatee baʼee ture. Gaazexaan kun Galma Mootummaa magaalaa Maartoositti ijaaramaa ture ilaalchisee gaaffii akkas jedhu gaafatee ture: “Addunyaa ofittummaan itti dagaage kana keessatti namoonni kutaawwan garaagaraa [Ispeen] keessaa dhufan fedhiisaaniitiin kakaʼanii Maartoositti gamoo saffisa, qulqullinaafi qindoominaan kan ittiin qixxaatu hin jirre ijaaruu kan dandaʼan akkamitti?” Gaazexichi yaada obboleessi ijaarsa sanarratti hirmaachaa ture tokko kennerratti hundaaʼuudhaan deebii kenneera. Obboleessichi, “Kun taʼuu kan dandaʼe Yihowaarraa waan baranneefidha” jechuudhaan dubbatee ture.

Biyyoota Galiinsaanii Xinnoo Taʼetti Ijaaruu

8. Bara 1999⁠tti, Qaamni Olaanaan sagantaan haaraa akkamii hojiirra akka oolu heyyame? Maaliif?

8 Xumura jaarraa 20⁠ffaatti, namoonni biyyoota galiin obboloota keenyaa baayʼee xinnoo taʼe keessa jiraatan baayʼinaan gara jaarmiyaa Yihowaatti dhufuu eegalan. Obboloonni biyyoota akkasii keessa jiran galma walgaʼii ijaarrachuuf wanta isaaniif dandaʼame hunda godhaniiru. Haataʼu malee, biyyoota tokko tokko keessatti Galmawwan Mootummaa keenya, iddoo waaqeffannaa namoonni kaan itti fayyadamanii wajjin yommuu walbira qabamu baayʼee boodatti hafaa waan taʼeef, namoonni obboloota keenyatti ni qoosu, akkasumas isaan jibbu turan. Bara 1999 kaasee garuu Qaamni Olaanaan, biyyoota guddachaa jiran keessatti sagantaan Galmawwan Mootummaa saffisaan akka ijaaraman godhu tokko hojiirra akka oolu godhe. Buusiin obboloonni biyyoota galii gaarii taʼe qaban godhan warra kaaniifis akka oolu gochuudhaan lamaansaaniiyyuu ‘wal qixxee’ akka fayyadaman godhame. (2 Qorontos 8:13-15 dubbisi.) Akkasumas, obboloonni biyyoota kaan keessa jiraatan hojii ijaarsaarratti hirmaachuuf fedhiidhaan of dhiheessaniiru.

9. Hojiin baayʼee rakkisaa fakkaatee ture maalidha? Taʼus hojii akkamii raawwachuun dandaʼameera?

9 Jalqabarratti hojichi baayʼee rakkisaa fakkaata ture. Gabaasni bara 2001⁠tti dhihaate tokko, Galmi Mootummaa 18,300 ol taʼu biyyoota guddachaa jiran 88 keessatti akka barbaachisu ibsee ture. Haataʼu malee, hafuurri qulqulluuniifi Mootiin keenya Yesus Kiristos waan nu gargaaraniif wanti hin dandaʼamne hin jiru. (Mat. 19:26) Waggaa 15 keessatti, jechuunis bara 1999 hanga 2013⁠tti, sabni Waaqayyoo sagantaa hundeeffame kanaan, Galmawwan Mootummaa 26,849 ijaaraniiru. b Yihowaan hojii lallabaa eebbisuusaa waan itti fufeef, ammas taanaan biyyoota kana keessatti bara 2013⁠tti Galmawwan Mootummaa gara 6,500 taʼan ijaaruun kan barbaachise yommuu taʼu, dabalataan waggaa waggaadhaan galmawwan dhibba hedduutti lakkaaʼamantu barbaachisa.

Biyyoota galiinsaanii xinnoo taʼetti Galmawwan Mootummaa ijaaruun rakkina adda taʼe qaba

10-12. Galmawwan Mootummaa ijaaruun maqaa Yihowaatiif ulfina kan fide akkamitti?

10 Galmawwan Mootummaa haaraan ijaaraman maqaa Yihowaatiif ulfina kan argamsiisan akkamitti? Gabaasni waajjira damee Zimbaabuweerraa argame tokko akkas jedheera: “Galmi Mootummaa haaraan ijaaramee jiʼa tokko keessatti baayʼinni namoota walgaʼiirratti argamanii dachaadhaan dabala.” Biyyoota baayʼee keessatti, bakki waaqeffannaa itti geggeessinu hin jiru taanaan namoonni nuu wajjin walitti qabamuu ni sodaatu. Haataʼu malee, Galmi Mootummaa ijaaramee utuu baayʼee hin turin namoonni waan baayʼataniif galma garabiraa ijaaruun barbaachisaadha. Taʼus, namoonni gara Yihowaatti akka harkifaman kan godhu bakki itti walitti qabaman bareedaa taʼuusaa qofa miti. Jaalalli obboloonni galmawwan sana ijaaran argisiisanis ilaalcha namoonni jaarmiyaa Yihowaatiif qabanirratti jijjiirama guddaa fida. Mee fakkeenyota muraasa haa ilaallu.

11 Indooneeshiyaa. Namni yommuu Galmi Mootummaa ijaaramaa ture arge tokko, namoonni achitti argaman hundi kaffaltii malee hojicharratti hirmaachaa akka jiran yommuu hubatetti akkas jedheera: “Baayʼee nama ajaaʼibsiistu! Kaffaltii malee kan hojjettan taʼus, hundi keessan gammachuufi garaa guutuudhaan kan hojjettan taʼuu keessan hubadheera. Jaarmiyaan amantii akka kan keessanii waan jiru natti hin fakkaatu!”

12 Yuukreen. Dubartiin naannoo Galmi Mootummaa itti ijaaramaa jiru tokko bira yeroo baayʼee darbaa turte tokko, namoonni kun Dhugaa Baatota Yihowaa taʼuu qabu, manni isaan ijaaraa jiranis Galma Mootummaa taʼuu qaba jettee yaadde. Akkas jetteetti: “Obboleettiikoo ishee Dhugaa Baatuu Yihowaa taaterraa waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa dhagaʼeen ture. Ijaarsa geggeeffamaa jiru kana gaafan argu miseensa maatii kanaa taʼuun qaba jedheen murteesse. Bakka kanatti jaalalli gochaan yommuu argisiifamu hubadheera.” Dubartiin kun Macaafa Qulqulluu qayyabachuudhaan bara 2010⁠tti cuuphamteetti.

13, 14. (a) Tarkaanfii hiriyoonni gaaʼelaa tokko yommuu Galmi Mootummaa ijaaramaa jiru arguudhaan fudhatanirraa maal barattan? (b) Iddoon waaqeffannaa keessan maqaa Yihowaatiif ulfina akka fiduuf maal gochuu dandeessu?

13 Arjantiinaa. Hiriyoonni gaaʼelaa tokko bakka Galmi Mootummaa ijaaramaa jirutti obboleessa ijaarsicha toʼachaa jiru haasofsiisan. Abbaan manaa akkas jedhe: “Ijaarsa geggeessaa jirtan kanarratti sochiiwwan isin gootan akka gaariitti hordofaa turre; . . . bakka kanatti waaʼee Waaqayyoo barachuuf murteessineerra.” Achiis, “Walgaʼii asitti godhamurratti argamuuf ulaagaa akkamii guutuu qabna?” jedhee gaafate. Hiriyoonni gaaʼelaa kun afeerraa Macaafa Qulqulluu akka qayyabatan isaaniif dhihaate kan fudhatan taʼus, qayyabachuu kan dandaʼan miseensonni maatii hundi yoo irratti hirmaatan qofa akka taʼe dubbatan. Obboloonnis yaadasaanii kanarratti gammachuudhaan walii galan.

14 Galmi Mootummaa keessatti walgaʼii gootan yommuu ijaaramu irratti hirmaachuuf carraa hin arganne taʼa; haataʼu malee iddoon waaqeffannaa kun maqaa Yihowaatiif ulfina akka fidu gochuurratti gumaacha gochuu ni dandeessu. Fakkeenyaaf, namoota Macaafa Qulqulluu qayyabsiistan, deddeebii gaaffii gootaniif, akkasumas namoonni kaan walgaʼiiwwan Galma Mootummaa kana keessatti godhamanirratti akka argaman afeeruu dandeessu. Akkasumas, bakka waaqeffannaa kana qulqulleessuufi suphuurratti hirmaachuu ni dandeessu. Dursitanii karoora baafachuudhaan wanta Galma Mootummaa keessaniif barbaachisu guutuu ykn Galmawwan Mootummaa addunyaa maratti ijaaraman kaan gargaaruuf deggersa qarshii gochuu ni dandeessu. (1 Qorontos 16:2 dubbisi.) Wantoonni kun hundi maqaa Yihowaatiif ulfina kan fidanidha.

Hojjettoota ‘Jaalalasaaniitiin Of Dhiheessan’

15-17. (a) Hojii ijaarsaa irra caalaasaa kan hojjetan eenyudha? (b) Yaada hiriyoonni gaaʼelaa hojii ijaarsaa addunyaa maraarratti hirmaatan kennanirraa barumsa akkamii argattan?

15 Galmawwan Mootummaa, Galmawwan Walgaʼii Gurguddaafi waajjiroota damee kan ijaaran obboloota naannoo sana jiraatanidha. Haataʼu malee, yeroo baayʼee obboloonni hojii ijaarsaarratti muuxannoo qabaniifi biyya kan biraatii dhufan isaan gargaaru. Obboloota fedhiidhaan of dhiheessan kana keessaa tokko tokko sagantaasaanii mijeeffachuudhaan hojii ijaarsaa biyyoota kan biraatti geggeeffamaa jirurratti torban muraasaaf hirmaatu. Kaanimmoo, iddoodhaa gara iddootti deemanii hojii ijaarsaa akkasiirratti waggaa baayʼeedhaaf hirmaachuuf of dhiheessaniiru.

Tiimoofi Liin (Keeyyata 16 ilaali)

16 Hojii ijaarsaa addunyaa maratti geggeeffamurratti haalli rakkisaan mudachuu kan dandaʼu taʼus eebba kan argamsiisudha. Fakkeenyaaf, Tiimoofi Liin gara Eeshiyaa, Awurooppaafi Ameerikaa Kibbaa deemuudhaan, Galmawwan Mootummaa, Galmawwan Walgaʼii Gurguddaafi waajjiroota damee ijaaruurratti hirmaataniiru. Tiimoon, “Waggoota 30 darbanitti giddu galeessaan turtii waggaa lama lamaatiin ramaddiin hojiikoo ni jijjiirama ture” jedheera. Liin isheen waggaa 25 dura Tiimootti heerumtemmoo akkas jetteetti: “Tiimoo wajjin biyyoota kudhan keessatti tajaajileera. Nyaata, qilleensa, afaaniifi naannoo tajaajilaa haaraa taʼe itti baruun, akkasumas hiriyoota haaraa baafachuun carraaqqii guddaafi yeroo kan gaafatudha.” c Akkas gochuunsaanii isaan kiiseeraa? Liin akkas jetteetti: “Haalawwan rakkisaa taʼan akkasii jiraatanis eebba guddaa arganneerra. Jaalala Kiristiyaanaafi simannaa obboloonni nuuf godhan, akkasumas kunuunsa Yihowaan jaalalasaatiin kakaʼee nuuf godhe arguu dandeenyeerra. Kana malees, abdiin Yesus bartootasaatiif kenneefi Maarqos 10:29, 30⁠rra jiru yommuu raawwatamu arguu dandeenyeerra. Karaa hafuuraa obboloota, obboleettotaafi haadhota dachaa dhibba argachuu dandeenyeerra.” Tiimoon, “Dandeettii keenya kaayyoo hunda caaluuf, jechuunis qabeenya Mootummichaa babalʼisuuf itti fayyadamuun keenya gammachuu guddaa nuuf argamsiiseera” jedheera.

17 Daareniifi Saaraan, Afriikaa, Eeshiyaa, Ameerikaa Giddu Galeessaa, Awurooppaa, Ameerikaa Kibbaafi Paasifiik Kibbaatti hojii ijaarsaarratti hirmaachuudhaan gammachuu guddaa argataniiru. Daaren haalawwan rakkisaa taʼan yoo isaan mudataniyyuu, “Obboloota biyyoota addaddaa keessa jiraatanii wajjin hojjechuun mirga guddaadha. Jaalalli Yihowaadhaaf qabnu, obboloota addunyaa maratti argamnu funyoodhaan kan walitti hidhu akka taʼe hubadheera” jechuudhaan dubbateera. Saaraanis, “Obboloota aadaa garaagaraa qabanirraa wanta hedduu baradheera! Aarsaa isaan Yihowaa tajaajiluudhaaf kaffalan arguunkoo, wanta hunda caalu isaaf kennuuf na kakaaseera” jetteetti.

18. Raajiin Faarfannaa 110:1-3⁠rra jiru raawwiisaa argachaa kan jiru akkamitti?

18 Namoonni Mootummaa Waaqayyoo jalatti bulan haalawwan rakkisaa taʼan isaan mudatanillee, Mootummicha deggeruuf jecha ‘jaalalasaaniitiin akka of dhiheessan’ Daawit Mootichi raajii dubbatee ture. (Faarfannaa 110:1-3 dubbisi.) Obboloonni hojii Mootummicha deggeruurratti hirmaatan hundi raajiin kun raawwiisaa akka argatu gochaa jiru. (1 Qor. 3:9) Waajjiroonni dameen, Galmawwan Walgaʼii Gurguddaa dhibbaan lakkaaʼaman, akkasumas Galmawwan Mootummaa kuma kudhaniin lakkaaʼamaniifi addunyaa maratti ijaaraman ragaa qabatamaa Mootummaan Waaqayyoo dhugumaan kan jiruufi bulchaa akka jiru mirkaneessanidha. Hojii Yihowaan ulfina isaaf malu akka argatu godhu kanarratti hirmaachuudhaan, Yesus Kiristos isa Mootii taʼe tajaajiluun mirga guddaadha!

a Bara 2013⁠tti, Koreewwan Ijaarsaa Naannoo 132 Yuunaayitid Isteetis jiran keessatti obboloota 230,000 ol taʼantu fedhiidhaan tajaajilaa turan. Koreewwan kun baruma sana biyyichatti Galmawwan Mootummaa haaraa 75 akka ijaaraman kan qindeessan yommuu taʼu, gara 900 kan taʼanimmoo akka haareffaman ykn akka suphaman godhaniiru.

b Baayʼinni kun Galmawwan Mootummaa sagantaa kana keessatti utuu hin hammatamin hojjetaman hin dabalatu.

c Tajaajiltoonni ijaarsa addunyaa maraas taʼe obboloonni fedhiidhaan of dhiheessan hojii ijaarsaarratti yeroo dheeraa kan dabarsan taʼus, Sanbadduraafi Dilbata ykn gara galgalaa tajaajilarratti hirmaachuudhaan gumiiwwan keessa jiran ni deggeru.