Dhimma ijoo ta'etti seeni

Warri Naazii Ajjeechaa kan Raawwatan Maaliifi? Waaqayyo Kan hin Dhaabsisne Maaliifi?

Warri Naazii Ajjeechaa kan Raawwatan Maaliifi? Waaqayyo Kan hin Dhaabsisne Maaliifi?

 Namoonni gaaffiiwwan kana gaafatan baayʼeen, namni jaallatan jalaa duʼeera; kanaafuu deebii gaaffiiwwan kanaa qofa odoo hin taʼin, jajjabinas ni barbaadu. Kaan immoo ajjeechaan warri Naazii raawwatan ilmaan namootaa baayʼee hamoo taʼuu isaanii akka argisiisu waan isaanitti dhagaʼamuuf, Waaqayyotti amanuun isaanitti ulfaata.

Waaʼee ajjeechaa warra Naazii hubannaa dogoggoraa namoonni baayʼeen qaban

 Ilaalcha dogoggoraa: Waaqayyo warri Naazii ajjeechaa akka raawwatan maaliif akka heyyame gaafachuun dogoggora.

 Dhugaa jiru: Namoonni amantii guddaa qaban, Waaqayyo hammeenya maaliif akka heyyame gaafataniiru. Fakkeenyaaf, Anbaaqom raajichi, “Maaliif wanta jalʼaa na argisiifta? Maaliifis yommuu namni gad nama qabu cal jettee ilaalta?” jedhee Waaqayyo gaafateera. (Anbaaqom 1:3) Waaqayyo Anbaaqomitti dheekkamuu mannaa, gaaffiiwwan inni gaafate akka nuti dubbisnuuf Kitaaba Qulqulluu irratti akka barreeffamu godheera.

 Ilaalcha dogoggoraa: Waaqayyo rakkina ilmaan namootaatiif dantaa hin qabu.

 Dhugaa jiru: Waaqayyo, hammeenyas taʼe rakkina inni geessisu ni jibba. (Fakkeenya 6:16-19) Bara Nohitti, Waaqayyo hammeenya lafa irratti babalʼatee tureen kan kaʼe ‘garaa isaatti gaddee’ ture. (Uumama 6:5, 6) Ajjeechaa warri Naazii raawwatanittis baayʼee akka gadde homaa hin shakkisiisu.—Miilkiyaas 3:6.

 Ilaalcha dogoggoraa: Ajjeechaan warra Naazii adaba Waaqni Yihudoota irratti fide dha.

 Dhugaa jiru: Waaqayyo jaarraa jalqabaatti Yerusaalem warra Roomaatiin akka balleeffamtu heyyameera. (Maatewos 23:37–24:2) Sana booda garuu, sanyii namootaa tokko addaan baasee bakka guddaa hin kennineef ykn hin adabne. Akka ilaalcha Waaqayyootti, “nama Yihudii fi nama Giriikii gidduu garaa garummaan hin jiru.”—Roomaa 10:12.

 Ilaalchaa dogoggoraa: Waaqni jaalala qabeessa taʼee fi waan hunda gochuuf humna qabu odoo jiraatee, warri Naazii ajjeechaa akkasii akka hin raawwanne ni dhowwa ture.

 Dhugaa jiru: Waaqayyo madda rakkinaa taʼuu baatus, al tokko tokko yeroodhaaf akka jiraatu ni heyyama.—Yaaqoob 1:13; 5:11.

Waaqayyo warri Naazii ajjeechaa akka raawwatan kan heyyame maaliifi?

 Waaqayyo warri Naazii ajjeechaa akka raawwatan kan heyyame rakkoowwan ilmaan namootaa irra gaʼan kaan sababuma itti heyyameef, jechuunis gaaffiiwwan yeroo dheeraa dura kaʼaniif deebii argamsiisuuf jedhee ti. Kitaabni Qulqulluun, yeroo ammaatti addunyaa kana bulchaa kan jiru Waaqayyo odoo hin taʼin, Diyaabilos akka taʼe ifatti dubbata. (Luqaas 4:1, 2, 6; Yohaannis 12:31) Dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu irratti ibsaman lama, sababa Waaqayyo warri Naazii ajjeechaa akka raawwatan itti heyyame nuuf ibsu.

  1.   Waaqayyo ilmaan namootaatiif mirga filannaa kennee isaan uume. Waaqayyo namoota jalqabaa kan taʼan Addaamii fi Hewaanitti maal akka isaan irraa eegu himee ture; akka isaaf ajajaman garuu isaan hin dirqisiisne. Taʼus, isaan wanta gaarii fi hamaa taʼe ofuma isaaniitiin murteessuu filatan. Filannoon dogoggoraa isaan godhanis taʼe filannoon namoonni sana booda godhan akkasii, ilmaan namootaa irratti miidhaa guddaa geessiseera. (Uumama 2:17; 3:6; Roomaa 5:12) Kitaabni Statement of Principles of Conservative Judaism jedhamu, “Rakkinni addunyaa baayʼeen isaa, mirga filannaa nuuf kennametti karaa sirrii hin taaneen fayyadamuu keenyaan kan dhufe dha” jedheera. Waaqayyo mirga filannaa ilmaan namootaatiif kenne irraa fudhachuu mannaa, jireenya isaanii isa malee qajeelfachuuf akka yaalan yeroo isaaniif kenne.

  2.   Waaqayyo miidhaa warri Naazii geessisan hunda bakkatti deebisuu ni dandaʼa, ni deebisas. Waaqayyo namoota warra Naaziitiin ajjeefaman dabalatee namoota duʼan kaan miliyonaan lakkaaʼaman duʼaa kaasuuf waadaa galeera. Kana malees, yaadannoo sodaachisaa namoota ajjeechaa warra Naazii irraa oolan miidhaa jiru ni balleessa. (Isaayaas 65:17; Hojii Ergamootaa 24:15) Jaalalli Waaqayyo ilmaan namootaatiif qabu, waadaawwan gale kana akka raawwatu wabii taʼa.—Yohaannis 3:16.

 Namoonni sababa warra Naaziitiin ajjeefamaniis taʼan irraa oolan hedduun, Waaqayyo hamminni akka jiraatu kan heyyame maaliif akka taʼee fi miidhaa sababa hamminaatiin gaʼe dhabamsiisuuf kaayyoo akka qabu hubataniiru. Kun immoo, amantiin isaanii akka cimuu fi jireenyi isaanii hiika akka qabaatu godheera.