Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

Armaagedoon Namoonni Tokko Tokko Waaʼeesaa Maal Jedhu?

Armaagedoon Namoonni Tokko Tokko Waaʼeesaa Maal Jedhu?

Armaagedoon Namoonni Tokko Tokko Waaʼeesaa Maal Jedhu?

“Iddoo afaan Ibrootaat[iin] ‘Armaagedoon’ jedhamutti walitti in qaban.”​—MULʼATA 16:16.

JECHA “Armaagedoon” jedhu yommuu dhageessu maaltu gara yaada keetti dhufa? Tarii balaa guddaa gaʼutu gara samuu keetti dhufa taʼa. Jechi kun Macaafa Qulqulluu keessatti al tokko qofa kan argamu taʼus, sabqunnamtiifi geggeessitoonni amantii yeroo baayʼee itti fayyadamu.

Armaagedooniin ilaalchisee yaanni namoonni baayʼeen qaban wanta Macaafni Qulqulluun barsiisuu wajjin walsimaa? Deebii gaaffii kanaa beekuun barbaachisaadha. Maaliif? Waaʼee Armaagedoon dhugaasaa beekuunkee, sodaa hin barbaachisnerraa walaba akka taatu, waaʼee gara fuulduraa ilaalcha sirrii akka qabaattuufi ilaalcha Waaqayyoof qabdurratti jijjiirama waan fiduufidha.

Gaaffiiwwan armaan gadii sadan qoruudhaan, ilaalcha namoonni hedduun Armaagedooniif qaban, wanta Macaafni Qulqulluun barsiisuu wajjin walbira qabii ilaali.

1. ARMAAGEDOON BALAA NAMOONNI GEESSISANIDHAA?

Gaazexeessitoonniifi qorattoonni yeroo baayʼee jecha “Armaagedoon” jedhu balaa namoonni geessisan ibsuuf itti fayyadamu. Fakkeenyaaf Waraanni Addunyaa Tokkoffaafi Lammaffaan Armaagedoon jedhameera. Namoonni, waraanota sana booda Yunaayitid Isteetisiifi Raashiyaan, meeshaa waraanaa atoomikii walitti dhukaasu jedhanii yaadaʼaa turaniiru. Dhaabbanni sabqunnamtii, walitti buʼiinsa ni gaʼa jedhamee yaadamaa ture sana, “tarmoonuukilar Armaagedoon” jedhaa turan. Qorattoonni yeroo harʼaa qilleensa naannoorratti faalamni guddaan ni gaʼa jedhanii sodaatan, ‘qilleensi Armaagedoon’ gaʼuuf jedha jedhanii akeekkachiisu.

Wanta hiikni isaan kennan argisiisu: Ilmaan namootaa lafaafi lubbuu lafarra jiru hunda guutummaatti toʼachuu dandaʼu. Mootummoonni tarkaanfii ogummaarratti hundaaʼe utuu hin fudhatin yoo hafan, miidhaan sirreeffamuu hin dandeenyetu lafarra gaʼa.

Wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu: Waaqayyo namoonni lafa akka balleessan hin heyyamu. Macaafni Qulqulluun Yihowaan * lafti “ona” akka taatuuf utuu hin taʼin, namoonni “akka irra jiraataniif” akka uume nuu mirkaneessa. (Isaayaas 45:18) Waaqayyo namoonni guutummaatti lafa akka mancaasan hin heyyamu. Kanaa mannaa, ‘warra biyya lafaa balleessan in balleessa.ʼ—Mulʼata 11:18.

2. ARMAAGEDOON BALAA UUMAMAATII?

Gaazexeessitoonni jecha “Armaagedoon” jedhu yeroo tokko tokko, balaa uumamaa gurguddaa gaʼan argisiisuuf itti fayyadamu. Fakkeenyaaf, bara 2010⁠tti gaazexeessaan tokko balaa uumamaa Heeyitiitti gaʼe “‘Armaagedoon’ Heeyitii” jedhee waameera. Jechi kun dhiphina, badiisaafi dhumiinsa sochoʼa lafaa guddaa biyya sanatti gaʼeen taʼe kan ibsu ture. Gaazexeessitoonniifi namoonni fiilmii qopheessan jecha kana balaa kanaan dura gaʼe qofa utuu hin taʼin, balaa gara fuulduraatti ni gaʼa jedhanii sodaatan argisiisuufis itti fayyadamu. Fakkeenyaaf, jecha “Armaagedoon” jedhu, astirooyidoota (qaamawwan caccaboo) samiirraa lafarratti miidhaa geessisu jedhamanii yaadaman ibsuuf itti fayyadamaniiru.

Wanta hiikni isaan kennan argisiisu: Armaagedoon namoota balleessaa hin qabne utuu adda hin baasin duuchaatti kan balleessudha. Armaagedoonirraa ooluuf wanti gochuu dandeessu tokkoyyuu hin jiru.

Wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu: Armaagedoon duuchaatti namoota hundumaa kan balleessu miti. Kanaa mannaa, yeroo sanatti hamoota qofatu balleeffama. Macaafni Qulqulluun yeroo dhihoo keessatti, “Inni jalʼaan . . . achitti hin argamu, iddoo inni ture hubattee yoo ilaalte, inni hin jiru” jechuudhaan abdii kenna.—Faarfannaa 37:10.

3. WAAQAYYO ARMAAGEDOONITTI LAFA NI BALLEESSAA?

Namoonni amantii hedduun lafti keenya dhumarratti lola humnoota gaariifi hamoo taʼan gidduutti godhamuun baddi jedhanii amanu. Qorannoon Yunaayitid Isteetisitti Piriinsiton Sarveeyi Asoosiyeetiin godhame tokko, namoota gaʼeessa taʼan keessaa harki 40⁠ni biyyi lafaa “waraana Armaagedooniin” bada jedhanii akka amanan argisiisa.

Wanta barumsisaanii argisiisu: Ilmaan namootaa barabaraaf lafarra akka jiraataniifis taʼe, lafti barabaraaf akka jiraattuuf hin uumamne. Waaqayyo namoonni hundi yeroo taʼe tokkotti duʼuu akka qaban godhee isaan uume.

Wanta Macaafni Qulqulluun barsiisu: Macaafni Qulqulluun Waaqayyo, ‘lafa hundeesaarra akka dhaabe, innis yeroo hundumaa baruma baraan iddoosaatii akka hin butanne’ dubbata. (Faarfannaa 104:5) Namoota lafarra jiraatan ilaalchisee Macaafni Qulqulluun, ‘toloonni lafa in dhaalu isarras baruma baraan in jiraatu’ jedha.—Faarfannaa 37:29, hiika bara 1899.

Macaafni Qulqulluun ilaalcha namoonni hedduun Armaagedooniif qabanii wajjin akka wal faalleessu ifadha. Kanaaf dhugaansaa maalidharee?

[Miiljalee]

^ key. 9 Yihowaan maqaa Waaqayyooti.