Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Wangeelli Mootummaa Kun In Lallabama’

‘Wangeelli Mootummaa Kun In Lallabama’

‘Wangeelli Mootummaa Kun In Lallabama’

“Saba hundumaatti akka dhugaa baʼuuf, wangeelli mootummaa kun guutummaa biyya lafaatti in lallabama; kana booddees dhumni in dhufa.”​—MAATEWOS 24:14.

Kun Hiika Maalii Qaba? Luqaas inni barreessaa Wangeelaa taʼe, Yesus “mandarootaa fi gandeen keessa adeemee, mootummaa Waaqayyoo labsaa misraachoo himaa ture” jedhee gabaaseera. (Luqaas 8:1) Yesusis, “Misraachoo mootummaa Waaqayyoo . . . lallabuun ana irra jira, kanaaf anuu ergame” jedhee dubbateera. (Luqaas 4:43) Bartoonnisaas magaalotaafi gandeenitti akka lallabaniif erge; “hamma andaara lafaattis dhuga-baatuu koo in taatu” jedhee isaan ajajeera.​—Hojii Ergamootaa 1:8; Luqaas 10:1.

Kiristiyaanonni Jaarraa Jalqabaa Ulaagaa Kana Kan Guutan Akkamitti? Bartoonni Yesus wanta inni isaan ajaje yeruma sana raawwataniiru. “Ergamoonni guyyuma guyyaatti mana qulqullummaatti, mana manattis, barsiisuudhaaf Yesus, Masiihii akka taʼe misraachoo himuuttii gargar hin kunne.” (Hojii Ergamootaa 5:42) Hojiin lallabaa namoota muraasa filatamaniif qofa kan kenname hin turre. Barreessaa seenaa kan taʼe Niʼaander, “Seelsas inni jaarraa tokkoffaatti ture namoonni wayyaa dhaʼan, kophee hojjetan, gogaa duugan, kan hin baranneefi namoonni iddoo guddaa hin qabne hinaaffaadhaan wangeelicha lallabuusaanii mormuudhaan waaʼee Kiristiyaanotaa barreesseera” jechuudhaan wanta hubate dubbateera. Jaan Bernaardii kitaabasaa isa Za Erlii Seenchariis oov za Charchi jedhamurratti akkas jedhee barreesseera: “[Kiristiyaanonni] bakka hundumaa deemuudhaan nama argatan hundaaf lallabuu qabu turan. Daandiiwwan gurguddaarratti, bakkawwan namoonni itti baayʼataniifi manaa gara manaa deemanii namoota argatan hundaatti himuu qabu turan. Simatamanis simatamuu baatanis . . . hanga andaara lafaatti lallabu qabu turan.”

Yeroo Harʼaa Ulaagaa Kana Kan Guutan Eenyufaʼi? Luba Aanjalikaan kan taʼe Deevid Waatsan, “Fedhii hafuuraatiif dantaa dhabuun akka babalʼatu kan godhe, waldaan kun hojii lallabuufi barsiisuutiif xiyyeeffannaa guddaa kennuu dhiisuusheeti” jedhee barreesseera. Hoosee Luwiis Guwaadaaluppeen, kitaabasaanii Waayi Aar za Kaatoliikis Liiviing? jedhamurratti waaʼee sochii namoota Ivaanjalikaanii, Adveentistiifi namoota kaan ilaalchisee, “manaa gara manaa deemanii hin lallaban” jedhanii barreessaniiru. Waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa garuu, “Karaa qindaaʼina qabuun manaa gara manaatti lallabu” jedhaniiru.

Jonaataan Tarleen barreeffama Kaatoo Suupriim Koorti Riiviiwu, 2001-2002 jedhamurratti haqa hubatan tokko haala qalbii namaa hawwatuun akkas jedhanii dubbataniiru: “Maqaan Dhugaa Baatota Yihowaa yeroo kaʼu, yeruma sana gara samuu keenyaatti kan dhufu namoota saʼaatii namatti hin tolletti dhufanii mana keenya rurrukutanii lallabanidha. Dhugaa Baatonni Yihowaa manaa gara manaa deemanii kan lallaban, amantiisaanii babalʼisuuf qofa utuu hin taʼin kutaa amantiisaanii waan taʼeefidha.”

[Saanduqa fuula 27⁠rra jiru]

Mallattoowwan Kana Hubatteettaa?

Matadureewwan walitti aansuudhaan ilaallerratti ulaagaalee Caaffata Qulqullaaʼoorratti hundaaʼeen, yeroo harʼaatti Kiristiyaanota Dhugaa kan jedhaman eenyufaʼi jettee yaadda? Namoonni Kiristiyaanota ofiin jedhan kuma kudhaniin lakkaaʼaman jiraataniyyuu Yesus duuka buutotasaatiin, “Jaalala abbaa koo isa waaqa irraa nama hojjetutu mootummaa waaqaatti gala malee, namni, ‘Yaa gooftaa, yaa gooftaa’ naan jechuu duwwaadhaan itti gala miti” jechuusaa qalbeeffadhu. (Maatewos 7:21) Namoota jaalala Abbaa raawwachaa jiran, jechuunis namoota mallattoon Kiristiyaanota dhugaa addaan baasee beeksisu qaban hubachuufi isaan deggeruun Mootummaa Waaqayyoo jalatti eebba barabaraa namaaf argamsiisa. Dhugaa Baatota Yihowaa warra baruu kana sii fidan, waaʼee Mootummaa Waaqayyoofi waaʼee eebba Mootummaan kun fiduu odeeffannoo dabalataa akka siif kennan akka isaan gaafattu si afeerra.​—Luqaas 4:43.