Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

“Wanti Dur Taʼe Hin Yaadatamu”

“Wanti Dur Taʼe Hin Yaadatamu”

Waaqayyotti Dhihaadhu

“Wanti Dur Taʼe Hin Yaadatamu”

WAA yaadachuun faayidaa qabaachuu dandaʼa. Yeroo gaarii namoota jaallannuu wajjin dabarsine yaaduun nu gammachiisa. Yeroo tokko tokko garuu wanti yaadannu nu dhiphisuu dandaʼa. Wanti gaddisiisaan jireenyakee keessatti si mudatee tureefi hamma yoonaatti si dhiphisu jiraa? Taanaan, ‘Yaadannoon gadheen kun sammuukoo keessaa ni badaa laata?’ jettee gaafachuunkee hin oolu. Yaada Isaayaas raajichi barreesserraa deebii nama jajjabeessu arganna.​—Isaayaas 65:17 dubbisi.

Yihowaan miidhaa yaadannoo gadheen nurraan geessise fonqolchee balleessuuf kaayyoo qaba. Akkamitti? Biyya lafaa isa hamaa kana balleessee bakkasaa sirna hunda caalaa gaarii taʼe fiduudhaanidha. Yihowaan karaa Isaayaas raajichaa, “Ani bantiiwwan waaqaa haaraa fi lafa haaraa nan uuma” jedhee abdii kenneera. Kana hubachuun keenya abdii akka qabaannu godha.

Bantiiwwan waaqaa haaraa kan jedhaman maalidha? Yaadawwan Macaafa Qulqulluu keessatti barreeffaman lama, kana hubachuuf nu gargaaruu dandaʼu. Tokkoffaa, barreessitoonni Macaafa Qulqulluu lama yaada bantiiwwan waaqaa haaraa jedhutti kan fayyadaman siʼa taʼu, yaanni kun iddoo lamaanittuu jijjiirama guddaa lafarratti taʼu argisiisa. (2 Phexros 3:13; Mulʼata 21:1-4) Lammaffaa, Macaafa Qulqulluu keessatti yaanni “bantiiwwan waaqaa” jedhu bulchiinsa ykn mootummaa argisiisuu dandaʼa. (Isaayaas 14:4, 12; Daaniʼel 4:25, 26) Kanaaf bantiiwwan waaqaa haaraan bulchiinsa haaraa lafarratti qajeelummaan akka dagaagu gochuu dandaʼu argisiisa. Kana gochuu kan dandaʼu Mootummaa Waaqayyoo samiirra jiru qofa siʼa taʼu, Yesusis akka kadhannu kan barsiise waaʼee Mootummaa kanaati. Mootummaan kun, qajeelummaan Waaqayyoo guutummaa lafaarratti akka buufatu godha.​—Maatewos 6:9, 10.

Lafti haaraan maalidha? Deebii kanaa argachuuf, caqasa Caaffata Qulqullaaʼoo yaada xumuraa sirrii taʼerra gaʼuuf nu gargaaru lama haa ilaallu. Tokkoffaa, Macaafa Qulqulluu keessatti yaanni “lafa” jedhu yeroo tokko tokko dachee utuu hin taʼin namoota argisiisa. (Faarfannaa 96:1) Lammaffaa, Macaafni Qulqulluun bulchiinsa Waaqayyoo keessatti addunyaa maratti ilmaan namootaa amanamoo taʼan qajeelummaa akka baratan raajii dubbateera. (Isaayaas 26:9) Kanaaf yaanni lafa haaraa jedhu hawaasa ilmaan namootaa Waaqayyoof bulaniifi seera buʼuuraasaatiin jiraatan qabate argisiisa.

Amma, Yihowaan rakkina yaadannoo gadheen nurraan gaʼu akkamitti fonqolchee akka balleessu hubattee? Yihowaan dhiheenyatti addunyaa haaraa qajeelummaan keessa buufate fiduudhaan, bantiiwwan waaqaa haaraafi lafa haaraa ilaalchisee abdii kenne guutummaatti raawwata. * Addunyaa haaraa sana keessatti wantoonni yaada keenyaatti dhufuudhaan karaa qaamaa, sammuufi miiraa nu dhiphisan matumaa hin jiraatan. Ilmaan namootaa amanamoo taʼan guutummaatti jireenyatti gammadu; akkasumas guyyaa dabarsan hundumaatti wanta nama gammachiisu qofa yaadatu.

Dhiphinni sammuufi miiraa yeroo harʼaa nurra gaʼuhoo? Yihowaan karaa Isaayaas, “Wanti dur taʼe hin yaadatamu, inni darbes yaada namaa keessa hin dhufu” jedhee abdii kenneera. Dhiphina sirna kana keessatti nurra gaʼu kamiyyuu suutuma suuta irraanfachaa deemna. Abdiin kun si hin gammachiisuu? Taanaan, Waaqa isa yeroon gammachiisaan akkasii akka dhufu abdii kennetti caalaatti dhihaachuuf carraaqqii akka gootu si jajjabeessina.

^ key. 7 Waaʼee Mootummaa Waaqayyoofi wanta inni dhiheenyatti raawwatu ilaalchisee ibsa dabalataa argachuuf, kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa? jedhamuufi Dhugaa baatota Yihowaatiin qophaaʼe boqonnaa 3, 8fi 9 ilaali.

[Yaada gabaabaatti fudhatameefi fuula 30⁠rra jiru]

Yihowaan miidhaa yaadannoo gadheen nurraan geessise fonqolchee balleessuuf kaayyoo qaba