Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

‘Dubbii Kootti Qabamaa Jiraadhaa’

‘Dubbii Kootti Qabamaa Jiraadhaa’

‘Dubbii Kootti Qabamaa Jiraadhaa’

“Dubbii kootti qabamtanii yoo jiraattan, egaa isin dhuguma bartoota koo ti. Dhugicha in hubattu; dhugichis birmaduu isin in baasa.”​—YOHANNIS 8:31, 32.

Kun Hiika Maalii Qaba? “Dubbii” Yesus kan jedhame barumsasaa isa qaama hundumaa caalurra argamedha. Yesus, “Abbicha isuma na ergetu ofii isaatii waanan dubbadhu na abboome malee, ani ofuma kootiin hin dubbanne” jedheera. (Yohannis 12:49) Kadhannaa Yihowaa Abbaasaatti dhiheesserratti, “Dubbiin kee dhugaa dha” jedheera. Yesus barumsa barsiisuuf yeroo hundumaa ragaa kan dhiheessu dubbii Waaqayyorraa ture. (Yohannis 17:17; Maatewos 4:4, 7, 10) Kanaaf Kiristiyaanonni dhugaan, ‘dubbii Kiristositti qabamanii jiraachuu’ ykn Macaafa Qulqulluu isa Dubbii Waaqayyoo taʼe akka ‘dhugaatti’ fudhatu. Akkasumas wantoota itti amananiifi gochasaanii wajjin haala wal qabateen Macaafa Qulqulluutiif iddoo guddaa kennu.

Kiristiyaanonni Jaarraa Jalqabaa Ulaagaa Kana Kan Guutan Akkamitti? Phaawulos inni kutaawwan Macaafa Qulqulluu hedduu barreesse, Dubbii Waaqayyootiif ilaalcha akka Yesus kan qabu taʼuusaa argisiiseera. Kanaaf, “Caaffanni qulqullaaʼaan hundinuu geggeessaa hafuura Waaqayyootiin caafame; [akkasumas] dhimma in baasa” jedhee barreesseera. (2 Ximotewos 3:16) Dhiironni namoota hidhata amantiisaanii akka barsiisaniif muudaman, ‘dubbicha isa amanamaa sanatti jabaatanii qabamuu’ qabu turan. (Tiitoos 1:7, 9) Kiristiyaanota jaarraa jalqabaatiif akeekkachiisni akkas jedhu kennamee ture: “Namni tokko illee akka barsiisa Kristositti utuu hin taʼin, yaada mataa isaa keessaa baʼee fi gowwoomsaa waan tokko of keessaa hin qabneen isin hin harkisin; akka barsiisa amala namaatti akka isa hafuurota bantii waaqaa keessaa biyya lafaa kana irratti humna qabu jedhamanii sodaatamaniitti isin hin boojiʼin.”​—Qolosaayis 2:8.

Yeroo Harʼaa Ulaagaa Kana Kan Guutan Eenyufaʼi? Kitaabni Vaatikaan bara 1965⁠tti qopheessiteefi Doogmaatiik Konstiituushin oon Divaayin Riivaleeshin jedhamu, kitaaba waldaan amantii Kaatolikii ittiin barsiistuufi Kaateekizim oov ze Kaatolik Charchi jedhurratti caqasame akkas jedha: “Waldaan [Kaatolikii] wanta isheetti mulʼate hunda akka ragaatti kan dhiheessitu Caaffata Qulqullaaʼoorraa qofa miti. Kanaaf duudhaawwan qulqulluuniifi Caaffanni Qulqullaaʼoon qixxee akka taʼanitti amanuu, akkasumas kabaja addaa isaaniif kennuu qabna.” Barruun Maakliinsi jedhamu yaada tajaajilaan Kaanaadaa, Toorontoo jiru, “Sagalee ‘jijjiiramaa’ waggaa kuma lama dura barreeffameen geggeeffamuun maaliif nu barbaachise? Yaadawwan dinqisiisaa qabna; yaadawwan kana yaadawwan Yesusiifi Caaffata Qulqullaaʼootiin deggeruutu nurraa eegama; kunimmoo yeroo hundumaa humna isaan qaban nu jalaa laaffisa” jechuudhaan dubbate caqaseera.

Dhugaa Baatota Yihowaa ilaalchisee kitaabni Niiwu Kaatolik Insaayikilooppeediyaa jedhamu, “Macaafa Qulqulluu buʼuura amantiisaaniifi jireenyaasaanii ittiin geggeessan godhanii ilaalu” jedheera. Dhiheenya kana Kaanaadaa keessatti Dhugaa Baatuun tokko nama tokkoof yeroo lallabuuf jettu, dubbiishee gidduutti kutee Macaafa Qulqulluusheetti quba qabuudhaan, “Eenyummaakee mallattoo keetiin beekeera” jedheen.